• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

1 Comment
 05 Nov 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Alamuddiin Malamaltummaan Shakkamee

Mohammad Alamuddiin dureessa fi abbaa qabeenya beekamaa biyya Itoophiyaa fi Saudi Arabiyaa keessatti kan beekamu guyyaa har’a mana hidhaatti galfameera. Bara kana biyyi Saudi Arabiyaa haaromsa gadii faggeenya gubbaa hamma jalatti haaromsaa jiru. Motiiwwan biyya sana keessa jiran kanneen kiraasassabdoota fi malamaltummaadhan kan shakkaman baayyinaan aango fi biyyaa sanarra ari’amanii jiru. Haaromsi gadii fageenya kun itti aanaa mootii Saudi Arabiyaa Mohammad Ibn Salmaan dhaan durfamaa jira. 

Biyya Itoophiyaa keessatti Alamuddiin qabeenya garaagara naannoo Oromiyaa, Gaambeellaa fi Benishaangul Gumuz keessa qabaatus, qabeenya kana bifa hannaatin akka argateetu dubbatama. Qabeenya inni Oromiyaa qabu: warshaa warqii godina Gujii aana Shaakkisoo fi Wallagga Lixaa, Arsii Lixaatti lafa qonnaa hamma biyyaa Jibuuti ga’us akka qabuutu dubbatama.

Alamuddiin dabalatees namoota biroo kan isa wajjiin kan hidhaman hamma namoota 11 ol ni ta’a. Namootni kunniin hanna fi malamaltummaa biyyaa Saudi Arabiyaa keessatti shakkaman. Al Amoud haatisaa Amaara fi Abbaansaa sanyii moototaa biyyaa Arabaa akka ta’e ni beekama. 

Odeefannoo dabalataa yerooma arganneen marsariiti keenya kanarratti nu hordofaa.



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada



1 Comment

Abdisa Tato
5 years ago



Welcome back dalagaa.com ?






Copyright Xalayaa © 2015-2022 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...