• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Faa’iidaa Walqunnamtii Saalaan Fidu Maalii dha?

29 Comments
 27 Jun 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


SaalaanFaa’iidaa Fayyaa Walqunnamtiin saalaan fidu

Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba. Tuqaalee 9 kanneen qunnamtiin saalaan fidu asii gadii tarreefame faa’iidaasa isiniif ibsuu yaalla.

1. Eegumssa Fayyaa Dabala (Increase Immune System) 

Namootni qunnamtii saalaa torbaanitti si’a lama ol raawwatan eegumsi fayyaa (Immunity) isaani cimina godhata. Innis kan ta’u danda’u, yeroon qunnamtii saalaa yeroo yeroo dhan raawwatamu seelii immunoglobulin(Ittisa Fayyaa) qaama keenya keessa lakkoofsaan baayye kan ol ka’u dha. Seeliin kun viyirasii garaagara kannen farra qaama keenya ta’an hir’isu irratti gahee gudda qaba.

2. Dhukkuba Onnee Hir’isa

Qorannoon tokko akka ibsuttii, dhiirotnii kannen torbaanittii si’a 2 ol qunnamtii saalaa raawwatan fi kanneen hin raawwanne yoo madaalchisan. Dhibbeentaa %45 dhiirotni qunnamtii saalaa raawwatu irra baayyeesa dhukkubbii onnee irra bilisa ta’an.

Kun kan ta’u danda’u immo, qunnamtiin saalaa shaakalaa ispoortii(Excersise) ta’u danda’a jedhame.   

3. Dhiibbaa Dhiigaa Hir’isa

Walqunnamtii Saalaa sammuu keenyaf aara waan baafachiisuuf dhiibba dhiiga hir’isuu irrattii bu’a qabeessa dha. Kuniis sammuu dhiphachuu fi dhiibba dhiiga keenya hir’isa.

4. Waraansa Hir’isa

Qunnamtiin saalaa waraansa hir’isuun beekama. Keessattu waraansa dugdaa fi miila keenya hir’isuu irratti gaa’e gudda qaba. Kuniis kan ta’u danda’u, hormooniin waraansa hir’isu(Oxytocin) qaama keenya keessa dabalee argama. Hormoniin Oksitoosin yeroo tokko tokko love hormone ykn Hormonii Jaalalaa jedhamee beekama. Hormooniin kun qaama keenya keessatti yoo baayyinaan argame, waraansa (pain) garaagara fi dhiphachuu sammuu fi wantoota adda adda irraa nu ittisa. Bowwaa mataa fi waraansa yeroo laguun dhufuu irrattiis kan hir’isuu dha.

5. Hirriba Fooyyessa

Namootni rakkoo hirribaa qabaniif qunnamtiin saalaa faa’iida guddaa qabaaf. Qoricha hirribaa fudhachuurra qunnamtii saalaa raawwatanii rafuutu irraa filatamaa dha jedhu doktoroonni heddu.

6. Sammuu Dhiphachuu (Stress) Hir’isa

Warrii sababa hojiitiif ta’e sababa adda addan kan sammuunsaani dhiphinaa fi yaaddo cimaa keessa jiraniif qunnamtiin saalaa furmaata ta’uf danda’a. Akkumaa tuqaa 4ffaatti ibsameetti, yeroon qunnamtiin saalaa raawwatamu hormooniin Oksitoosin waan dabaluuf dhiphinaa sammuu keenya baayye hir’ata. Qunnamtiin Saalaa sammuu keenyaf aara galfii dha.

7. Fedhii Saalaa Dabala (Increased Libido) 

Dhiirotni rakkoo fedhii saalaa qabaniif furmaatnisaa, yeroo yeroo dhan qunnamtii saalaa raawwachu yaalu dha. Irra deddeebi’ani yoo raawwatan fedhiiniis dabalaa dhufa. Dubartootni fedhii hin qabneefiis, yeroo yeroo dhan yoo irra deebi’anii raawwatan isaaniif fedhiinsaani ol ka’a dhufa. Kuniis kan ta’u danda’u dubartootni dhaqnisaani waan jiiduuf (bishaan ta’uf) yeroorra yeroo yoo raawwatan bishaan kuniis waan dabaluuf fedhiinis dabalee dhufa.

8. To’annoo Fincaanii Fooyyessa (Dubaraaf)

Maashaalee afuffaa fincaanii jalattii argamu yeroo qunnamtii saalaa raawwatan humnasaa baayye kan dabaluu dha. Maashaalee kun yoo humna godhatu dubartootni dandeettii fincaansaani to’atan fooyyaa’a dhufa. 

HUB: Akkaata biraa kan fincaan to’achu ofbarsiisu dandeessan yeroo fincaaniif teessan gidduutti utuun xumuriin yeroo muraasaf addan kutuu yaalu dha. Kuniis maashaalee afuffaa fincaani jalatti argamu humna ykn irree itti horata.

9. Carraa Dhukkuba Goflaa Proosteti (Prostate Cancer) Hir’isa

Dhukkubnii Prostate cancer (Goflaa Proosteti) dhukkuba dhiirota qofa kan hubuu dha. Qorannoo tokko tokko akka ibsuutti dhiirotni waggaa 40 ol ta’an kanneen qunnamtii saalaa yeroo dheeraaf hin raawwanne kan hubuu dha. Kanneen ji’atti al 21 ol sanyii kormaa dhangalaasaniif dhukkubni kun carraa isiin qabuuf baayye xiqaata.

Maddii Odeefannoo: Mercola.com 

 

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada



29 Comments

Gemechis Gk
5 years ago

(Reply)



Heddu nama barsiisa jabaadhaa

daba enki
5 years ago

(Reply)



nu jiraadha

Abenezer
5 years ago

(Reply)



Thanks so much

kedir Dekebo
5 years ago

(Reply)



Baayyee gaarii barruu afaan keennaa gamanaan guddisuuf yaalaa jirtu.Galata qabdu itti fufaa…

Chala
5 years ago

(Reply)



jiraadhaa!!! lammii sabaasaaf waan beeku qoodu ta’uu keessaniif galatoomaa.

Lammii oromoo
5 years ago

(Reply)



Baay’ee galatoomaa .Umrii dheeraa isinii haa laatu!

Sanyii Borii.
5 years ago

(Reply)



Galatoomaa Dr.

fayo kabeto
4 years ago

(Reply)



Hedduu natti tole. Galatomi

Mihretu Alemu
4 years ago

(Reply)



Hedduu galatoomaa, ammallee waan nu gargaaran hedduu itti nuu dabaluu hin dagatiinaa.

Abebe Wakgari
4 years ago

(Reply)



Galatoomaa!! Garuu Miidhamni Inni Fidu Jira Yoota’e

zahara
4 years ago

(Reply)



Galatoomaa !! Dhalaaf hoo faydaafi midhaa isaa osoo nuf ibs8tan

lucky
4 years ago

(Reply)



cool

Nuri
4 years ago

(Reply)



Baay’ee gaarii dhaa ammas waan haara’a nu barsiis

Nuri
4 years ago

(Reply)



Baay’ee gaarii dhaa amma ammoo saala dhiiraa qunnamtii raawwachuurratti laafaa ta’e jabeessuuf wanta nu fayyadu osoo nu barsiitee

Nuri Ahmed Wako
4 years ago

(Reply)



Gaarii dhaa itti fuuf

Shuumii Abarraa
4 years ago

(Reply)



Namni tokko yeroo hammamii gidduutti saal quunnamtii gochuu qaba? Deddeebi’ee yoo raawwate rakkoo fidu qabaa? Hanga sanyii kormaa dabaluun kan danda’amu yoo maal goneedha. Gaaffii kanaaf deebii naa laadhaa/kennaa
Galatoomaa

jonse ketela
4 years ago

(Reply)



IJJI HAMTUUN SIINITTI HIN BU’IIN DOCTORAA KEENYA

Guddina
4 years ago

(Reply)



Wal qunamti sala

    Gemrchu waritu
    1 year ago

    (Reply)



    kanaa olitti beekaa nuuf jiraadhaa

rafisa gemechu
4 years ago

(Reply)



barnoota hedduu irra argaatamaa galaatomaa

WAKGARI
4 years ago

(Reply)



b.galatoomaa

Ramadan urjii
4 years ago

(Reply)



Galattomaa

    Abdullah
    10 months ago

    (Reply)



    Mee. Dr. Dhiffamaan. Waliin.
    Namni. Tokko. Ergaa. Fudhee. Yoo. Dhalchuu. Dadhabee. Mal fayyadamuu. Danda.aa

      Abdullah
      10 months ago


      Garuu. Warraa. Lakkofssaa. Bilbillatiin. Ykn. Email. Kessaanii. Argachuun. Hallaa. Kamiin. Danda.amaa

Tawny
4 years ago

(Reply)



You get a lot of respect from me for writing these helpful aretclis.

Mulu
4 years ago

(Reply)



Jabaadha ammale waan heduu nuuf barrerssa. Galatooma bayyeessa.

Mukeram
3 years ago

(Reply)



Nuuf gummachu Keessanif Ulfadha qomo koo

Naol
2 years ago

(Reply)



Galatooma!

falmataa wbo
2 years ago

(Reply)



bayyee gariidha nuf bula



Leave a Reply Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

  • Fuula Twitter Keenya

    Tweets by @xalayaa
  • Maxxansa Haara

    • Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.
      June 23, 2018
    • Burqaa Imimmaan Koo
      May 26, 2018
    • Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa
      December 29, 2017
  • Fuula Facebook Keenya

    Fuula Facebook Keenya



Copyright Xalayaa © 2015-2017 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa