• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa

13 Comments
 29 Dec 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Jaalanne

Dureessa Beyene fi Jiituu

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne. (Maammilaa Keenyarraa)

Nageenyii koo isheen onnee koo ishee akka malee sijaalaturra burqitee bakka atii jirtutti siyaa dhaqabuu!

Akkam Jirta jaalallee koo Dureessa? Nagaa keetii? Ani waaqaf haa galatu, rokkoo tokkoo hin qabu fayyaa dha. Akkam Ati? Jiruuf jireenyii, maatiif waatiin, hunduu nagaa? Anii nagaa kooti.

Duree koo, Yeroofi akkaata ani hin yaanne keessatti sibaruus, sibaruu kooti garuu bara koo guutu kan gammadee jiraadhu ta’eera. Dureekoo, wal baruufi wal jaalachuun keenya namoota baayyeedhaaf hibboof gaaffi akka ta’uu nan beeka. Anaafis akkasuma, atiis akkasitti yaadu hin ooltu. Garuu wan rabbii tokichii fedhe wan ta’eef, ogumma saatin kan walittii nufidee ogummaa saatin walii wajjiin akka nujiraachisu isa kadadhaa!

Namoota hedduudhaaf qosa yookan tapha fakkaachuu mala. Yoo akka qoosattii yookan akka taphattiis ilaalame anaan homa nan ajaa’ibu. Sababniisaas waansa waanuma qosa wan fakkaatuuf. Dhugaa dubbachuudhaaf, amma eenyuutu aniif atii karaa Facebook wal barreeyu wal jaalannee hamma kana waliif taana jedhee yaade? Dhugaa dubbachuudhaaf anii Facebook kana hin fayyadamu. Yeroo koo ittii dabarfachuuf, yeroo mukaa’u ittii bashananuuf malee, nama garaa kootii karaa facebook nan argadha jedhee tasaa yaade hin beeku.

Ajaa’iba garu, gaafa calqaba nagaa wal gaafannee, lafa anii jiruu nagaafannan, ani isa dhugaa sitti hime. Achii boodas, atiis wa’ee kee nattii himuu eegaltte. Dhugaa haa ta’uu soba, garuu “maraa sin jaaladha” nan jette. Yeroo nagaattii nan jettu an kolfaan naqaba, sababniisaas, namoota hedduutu gara facebookii “sin jaaladha” waliin jecha oola waan ta’eef. Anii garuu, sinjaaladha sin jechuuf humnaan dhabe, wan anii sittii qoosu wan nattii fakkaateefi. Gaaf tokko wal barree ijaan wal arginee waliin hasoofna jedhee abjuu boodattu yaade hin beeku.

Boodde booddee, hiriyummaan keenya cimee. Atiis gaafa online irra nadhabduu, erga naaf barreesitee, gaafa anii seenu nan argaan ture. “Maal taatetta har’a baddee siwaliin haasahuu yaadeera si hawweera” jettee naa barreesita. Aniis online sii arguu baadhuus siifan barreessa. Yeroo atii akka suura koo argitee najaalattu nattii himte. Waan qoostu nattii fakkaate sittii qosaan ture. kkkkkkkk

Lafa atii jirttu dhufeen si ilaala gaafa atii nan jettuu, ” mhmm maali kunii nama akkamiiti” jedheetuman kolfee dhiise. Achii lafa anii jiru sitti himnaan, nan yaadadha guyyaasa gaafa sanbata waare booda yeroo atii magaala Bishooftuu geesse naa bilbilte, “Magaala Bishoofttu gaheera, naanno kam jirttaa” yeroo atii nan jettuu ganda anii keessa jiruu sittii himee.

Atii ammas, lafa anii jiru nagaggaafacha dhufttee. Bakka akkasii jira koottuu yeroo atii nan jettuu, “Ahaa, mucaan kunii maaliif qoosa” jedheetuman kolfee dhiise. Achii boodde bilbiltee lafa akkasii jiraa maaf na dhaabda yeroo atii nan jettu. Maalumaafu, hiriyyaa koo waliin magaala deeme waanan bashananuu barbaadeef achumaan silaala jedheen deeme. Yeroo anii deemu dhugumaa kilomiitira hanga sana kattaa murtee magaala Bishoofttu jirta. kkkkkkkk na ajaa’ibee, gowwas nattii fakkaatte, karraamisa nattii fakkaatte. Yeroo dhaf wan siin jedhe hin beeku, nagaa sigaafadhee shaayi waliin dhugne. Waan sittii dhiheef, siree qabattee bultee akka ganama deemtu haala sii mijjeesineet gargar baane.

Erga nalaalte booddemmo caalatti akka najaalatte nattii himte, ani garuu hamma sin amannee. Haala akkasiitin sirra adda bahuun si miidhu waan nattii fakkaateef. Faffakeesuf jedheetan akka atii hin muffannee nagaa sigaafachaa ture. Booddee garuu, garraamummaan kee, tollii kee, gaarumman kee fi arjummaan kee na moo’atee.

Duree, atii nama tokko mitii, nama gaari, nama namaaf yaadu. Akkan jedhee siif ibsuu hin qabu. Walumaagalatti nama anii umrii koo guutuu barbaachan ture kanan akka tasaa ta’ee argadhee dha atii. Kanaaf oollee bullee sijaalachuun calqabe. Booddee jaalallii kee nattii cimnaan lafa atii jirtu dhufee sii arguuf dirqamee.

Mhmm, Atii otuu nan argiin na barbaachaa dhufte. Anii immoo erga si argee haala kee hubadhee boodde sijaaladhe sibarbaachaf dhufe. Rabbii haa galatuu amma waan gaarii keessa jirra. Akkasumatti fiixan akka nuu baasu waaqayoon kadadhaa. Namoonnii baayyeen wa’ee walittii dhufeenya keenya waan baayyee jechuu danda’uu, anaaf kun dhimma mitii. Yeroo mara sijalachaan jiraadha. Fayyaa naaf tahii!

Jaalallee kee Jiituu
Magaala Bishoofturra!

Jaalallee kootif, Dureessa Beyene Magaala Mattuu Oromiyaa, Iluu-Abbaboora irra. Kan amma Adaamatti argamu.
________________



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada



13 Comments

Yusuf Mhamad
7 years ago



Seena dhuga dha? Rabbi isin haa tursiisu mashaallah jabaadha

abdi yigezu
7 years ago



wow waan baay’ee namati toluu dha?

Guutama
7 years ago



Bareeda

Dejene Hawas
7 years ago



KKKKKKK Seenaa namatti toludha. “jaalalli daamadha; jaalataan jaamadha” jedhama. Wajjin turaa ilmaanis horaa !!!

Lamis Muhammad
7 years ago



Wwwwwwwwooooww bayy’ee namat tola

jemuly
7 years ago



Waan akkaan namatti tolu
long life good life
together

Seenawaaq Tashoomaa
7 years ago



Baay’ee namatti tola!

abjebar mohamedteyib
7 years ago



Dhugaa rabbii bayye nama marara kuni homa jiru namoota hedduu kanin qaaman beku kan ammas jaalala addaa waliif qabata waliin jiran hedduu arguu kiyya dabalataan isin arge umrii dherina jaalala mi’oftu waliin isiniif hawwa

jonse ketela
6 years ago



kun illee hammi ittin wal baran kun baayyee dhiphaadha yero hundaa dhugaas ta’uu dhisuu danda’a

Lalistuu Waaqumaa
5 years ago



LOL erga akkas ta’eehoo anis nama fb n na jaallatu dhugaadha jedhee amanuuree????

megersa shedin
4 years ago



waan baay’ee namatti toluudha.ulfaadhaa horaa bulaa deebanaa!

Adisu Tamasgen Abaya
4 years ago



Baay’ee Bareeda Galatooma

Chali mosisa geleta
4 years ago



Bannaatii das das jedha.






Copyright Xalayaa © 2015-2022 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...