Haati Goota Oromoo, Aaddee Foolii Gorbaa Lubbuun Boqatan
Aaddee Foolii Gorbaa bara 1915 A.L.A (1907 A.L.H) Oromiyaa, Shawaa Lixaa aana Meetaa Roobii ganda Gileetti kan dhalatani dha. Maatii isaani keessatti Aadde Fooliin daa’ima takkitti qofa kan turtee dha. Ijoolummasaaniin ganduma Gileetti kan guddatan yemmuu ta’an bara 1924 A.L.A mana barnoota amantaa jalqaban. Wagga muraasa booda bara 1928 umrii kudha-sadiitti kan heerumsiisan ta’usiis televishiini OBS bara darbe qophii Utubaa Maatii irratti kan dubbatani turan. Ijoolummaa isaanitti erga dhalatani hamma waggaa kudhaniitti aannaniifi foon qofaan kan guddattee ta’ushiis dubbattee turte. Umrii ishaani guutu ijoollee 16 horachuusaaniis kan dubbataniis televishiini OBS irratti ture.
Oromiyaa guututtii Aadde Foolii haadha goota Oromoo Kolonel Hayiluu Raggaasan beekamtii. Ilma ishii Hayiluu Raggaasa gootummaa dhan nama sirna Nafxanyaa dura dhaabbate ummata Oromoof kan falmaa ture dha.
Guyyaa kaleessa Caamsaa 23, 2016 saa’ati 11 waaree booda lubbuun boqatan. Warri dandeessani aadde Foolii Gorbaa gaggeessu barbaaddan. Sirnii Awwaalcha Haadha Kolonel Hayilu Raggaasa, addee Foolii Gorbaa iddoo dhaloota saani Meetaa Roobbiitti guyyaa Caamsaa 25, 2016 ganama saa’ati 10:00 kan raawwatamusaa isiin beeksifna. Maatii Aaddee Foolii Gorbaa fi ummata Oromoo maraaf jajjabinaa fi tasgabbii hawwinaa.
Seenaa Kolonel Hayiluu Raggaasa gara fuulduratti kan bal’innaan isiniif maxxasu waada isiniif galla.
Gaaffii deebii Qophii Utubaa Maatii irrattii haadha goota keenyaa kana waggaa darbetti televishiini OBS waliin kan taasifte haala asii gadii kanaan daawwachuu dandeessu!
Utubaa Maatii, Addee Foolii Gorbaa (Haadha Kolonel Haayiluu Ragaassaa)
Walaloo haadha gootaaf kan dargaggoo Ximqataa Kumarraan barreefame kanas dubbisaa.
Si qabaachuun Ni boonnaam,Si jaallanna nu marti
Gootittii Onneen Qeerransaa Ulfaattuu Dubartii
Dhukkubni ati dur dur Saba keef Hin jaallannee
Har’asoo jira Ilkeensaa kunoo nu keessaa Hin baanee
Maarree maaltu hammaannaan nu dhiistee deemtee qofaa
Bilisummaa Saba keef ilma kee Aarsaa gootee har’a booreen sitti hafaa?
Gootni miixattee deesse Ko.Haayiluun duunaan callisne
isaafuu madaa qabnaa
Ishee jabaadhaa nuun jettee nu jajjabeessitu
sis Awwaaluuf kunoo sichi maal Abdannaa?
Dubartummaa keetiin utuu Si Hin kabajin Ilma kee fidi jedhee Diinni Uleen Si dhaanee
Yoom seexaa godhannee utuu iji kee arguu haloo kee siif baane?
Maaf xiqqoo Hin Obsine maaf Hin deemnee suuta?
Nus Eelaatti dhiistee Eelaa baattee duutaa?
Seexoftuu dubartii deessuu haadha dhiiraa
Arjaa garaan Qulqulluu maanguddoo Araaraa
Kabajamtuu Aadde Foolii Gorbaa Reebaa
Madaa’eera garaan keenya, Du’a keetiif gaddineerra gadda jabaa!
__________
Beeksisaa