Dhugaatiin Miriindaa Itiyoophiyaa keessatti nama ajjeese!
Dhugaatiin lallaafaa Miriindaa, Itiyoophiyaa keessaa namoota 12 akka du’aniif sababa ta’eera. Namoota du’an kana keessaa namni 4 Eegumsa Fayya Hawaasaa irraa yommuu ta’an kanneen hafan 8 Magaalaa Finfinnee Hospitaala Zawudituu irraati.
Manneen yaalaa kun lamaan dhoksaan karaa keessoo odeeffannoo wal jijjiiraniin du’aatii namoota kanaaf sababa kan ta’e otoo lubbuun isaanii hin darbiin sa’aatii muraasa dura dhugaatii Miriindaa dhuganii akka turan qorannoo dhiigaa taasifamerraa mirkaneeffanneerra jedhan.
Dr.Saabir Ahimad, Yeroo ammaa kanatti hawaasni dhugaatii lallaafaa dhuguurraa akka of qusatu keessumaa Miriindaa dhuguu akka dhiisus jedhaniiru.
Biyya Hindiitti kan argamu oomishni Miriindaa rakkoo wal fakkaataan qunnameera. Ministeerri Fayyaa Hindiis kanarraa ka’uun dhugaatii kana irratti qoqqobbii taasisee jira.
Giddu Galli Qorannoo Fayyaa Hindii qorannoo gaggeesseen dhugaatii Miriindaa keessatti waantoota lubbuu namaa ajjeesa Maalataayilii fi DT parsantaa 0.0005% argadheera jedheera. Sababa kanaan biyyootni guddatan hedduun Uummata isaaniin akka dhugaatii Miriindaa hin dhugne jechuun dhorkaa jiran.
Maddi:- ጉድና ገራሚ ነገሮች
Afaan Amaaraa irraa gara Afaan Oromootti kan hiikeef akka Uummatni keenya dubbisee balaa kanarraa of eeggatuufi.
Waliif #share godhaa
1 Comment
Isin jaalannaa nuuf jiraadhaa…!