• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Filmoota Afaan Oromoo Ukkaamfamee Hafuu Hin Qabuu

2 Comments
 16 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Raawwii

Beeksisaa Filmii Raawwiif kan qophaa’e ture

Filmii Raawwii Ukkaamfamee Hafuu Hin Qabuu

Gammadaa Olaanaatin

Filmii Raawwii jedhamu bara 2008 haa hojjetamuyyuu namoota hedduu birattii kan hin ilaalamne ta’usaa diqisiifatoota Artii fi Filmii Afaan Oromoo komiisaani dhiheessan. Bara 2008 hojjetamee agarsiisaaf kan oole yoo ta’u, mana agarsiisa (sinimaa) Agonaa, Adaamaa fi Yuunivarsitilee Oromiyaa keessatti agarsiifamuuf yaalamee ture. Ta’us garuu, akka yaadame sanattii milkaa’u hin dandeenye. Biyya Hambaa keessaatti ammo, Awuusteraaliyaatti agarsiifamuu danda’eera.
Erga yeroo sanaati bakka Agarsiisaa Mijataa fi Haala Mijataa Aartiin Oromoo dhabee fi hubannoon hawaasaa gad aanaa tahuun hanga ammaa waggoota 8f ukkamamee tahaa tureera. Amma garuu Giddu galli Aadaa Oromoo filmiwwan tutturaan kannen akka WAADAAfa torbaan darbe agarsiifaman dabalatee akka ilaalaman waan jajjabeessu dha.

Warren filmii Raawwii kana hojjetan Kannen akka Obbo. Galatasaa Nagarii, Dr. Darajee Gerefee Tulluu fi Obbo. Tesgayee Dinqaa faa itti yaaduun yeroo dhihootti ummata dheebuu aartii Oromoo qabuuf akka dhiyeesitan waamicha dabarsa!

Dabalataanis Filmiin ‪Hadha’a jedhamuus barreessaa Mulgeetaan piroodaakshinii‪ ‎SIFSIN‬ dhaan hojjatame waggoota saddet dura agarsiifamee ture achumaan badeera waa’ee isaa ammoo itti deebina. Waamichi kunii garuu isaanifis ni hojjeta. Filmiin Afaan Oromoo kanneen hojjetamee fi kanneen hojjetamuuf karoorfame ukkaamfamee hafuu hin qabu.

Horaa Bulaa!

Nagaa Wajjiin
Gammadaa Olaanaa

Filmii Raawwii xiqqoo asii gadii kan isiniif maxxanfamee daawwadhaa!!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This



2 Comments

Oda Jobir
9 years ago



Oromoof

Oda Jobir
9 years ago



Baayyee. Gaaridha






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...