• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


[BREAKING NEWS] Jeneraal Kamal Galchuu Biyya Seeneraa!

65 Comments
 19 Feb 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


 

kamaal-

Jeneraal Kamaal Galchuu

Gurraandhala 18, 2016
Jeneraala Kamaal Galchuu, hoggana waraana itophiyaa moora 18 kan ture yoo ta’u bara 2006, waraana Itophiyaa ganee, meeshalee garagaraa fi waraana 541 dhan biyya bahuunsaa niyaadatama. Jeneraal Kamal Galchuu, yeroo biyyii Laabeeria jedhamuu weeraramee ture bare 1999-2003 giddutti nama gamta Afrikaa wajjiin moora waraana Itophiyaa achittii bakka bu’e leenjii hogganaa nama leenjifama ture dha. Waraanni Itophiyaa kan Laabeeriattii ergamee walakkansaa ijoolle Oromoo ture . Kamal carra kana fayyadamuu dhan ijoolle Oromoo haala adda ta’ee dhoksaa dhan nama gurmeessa turee dha. Lola biyya sana haala gaari irra leenji’e ture. Dura ta’aa Waraana Gamta Africa (AU) warqee ykn medaaliya Jeneraalumma Kamaal Galchuutti kenne ture. Lollii biyaa Laabeeria xinno erga tasgabba’ee booda, Kamal Galchuu biyyatti deebi’ee. Erga deebi’ee immo moora waraana 18 daanga Itophiyaa fi Ereetra gidduutti nama hogganaa turee dha. Waraanuma kana keessatti shoora ol aana nama taphatee dha. Loltoota Ertaa kumaataman daanga Itophiiyaa irra kiloomiitira 25 ol ji’a 3 keessa of jalattii galchee ture. Yeroo kanatti Meles Zenawii haala hojii Jeneral Kamal Galchuu kana dinqisiifatee maqaa Brigadier jedhuu argatee.

Bara 2005 yeroo inni Finfineetti dhufuu, waraana isaa waliin miinda isaani fudhachuuf gaafata ture. Garuu yeroo sanatti miindan ji’a dhufuu isiniif kennamaa jedhanii waraana hunda dachaasan. Waraanni iddo sana turan akka jedhanittii, Jeneraal Kamal Galchuu karaa moora mummicha ministeraa cufsiisu dhan dirqiin miinda waraana isaa akka kafalamuu gaafate. Yeroon kun yeroo filannoo waan tureef, haalli Itophiyaan keessa jirtuu jeequmsaatu ka’aa jedhamee eegamaa ture, Wayiituma sanatti waraanni mindaa isaani dacha lama ol kafalamanii achii galan.
Ji’aa muraasa booda Jeneral Kamal Galchuu daanga Itophiiyaatti ammas ramadamee waraana wajjiin achittii ergamee ture. Carraa gabaaba kana keessatti Inni meesha fii waraana harka qabuun biyya bahee ABOtti maqamee ture.  Gaaffi deebi inni yeroo sana telvishiina Ertra fi Televishiina adda addatti dubbateetti hawwiinsaa yeroo gabaabatti Itophiyaa deebi’ee mootumma Wayyaane fonkolchuu akka ta’ee ibsee ture.

4474676_orig

Waraana Jeneraal Kamaal Galchuu

Wayyaanen afaan qawwee malee afaan biraa hin beektu jedhe BBCttis himatee. Garuu hoggantoota ABO yeroo sanattii biyya galanii akka lolan hin qophoofne jedhanii of duubatti harkifachaa turan. ABO iddo lamattii akka qoodamuu kan taasisee keessa isa kana dha. Warra Itophiyaa galanii loluu barbaadu fi warra immo loluuf hin qophoofnee jedhantu ture. Yeroon ABO sababaa kanaan iddo lamatti qoodhamu yemmu ta’u waraanni Bilisummaa Oromoo humna isaa laafa dhufee. Hanga ammatti moora WBO keessatti warra biyya galee loluufi warra carraa eegatuutu Ertraa jira. Yeroo kanatti waraanni ABO kan Ertraa jiruu 877 dha. Yeroo Kamaal hogganaa WBO ture sanatti waraana 4,467tu ture. Yeroon Kamaal ABO keessa dhiibame baasan immo waraanni hedduu Ertraa akka bahee beekamee ture. Waraanni akka jechaa turanitti, Kamaal Galchuu malee nama muuxxanno waraana qabu hin jiruu kanaafu isa malee loluun hin ulfaata jedhan. Waraanni heddu jaalala Kamaal Galchuu waan qabaacha turaniif erga inni bahee nutiis hin baana jechuu dhan waraanni hedduun moora bahanii turan. Waraanni bahan immo, waraanni tokko tokko biyyaa araba deeme, kuun immo awroopa deeme kun immo biyyatti maati isaani bira deebi’an haala kanaan waraanni ABO xinnaate hafee.

 

kwo flag

Alaaba Kallacha Walabumma Oromiyaa (KWO)

Yeroo kanatti Jeneraala Kamal Galchuu dhaaba haara hundeesssun isaa beekameera. Dhaaba Kallacha Walabumma Oromiyaa (KWO) jedhuu fi Alaaba Abba Gadaa, odaa waliin kan qabuu bu’ureessun isaa beekameera. “Qabsoon biyyaa keesa malee Ertraa hin jirtuu, Wayyaane biyya keessa jiraata malee Asmara mitii” jechuu dhan OMNitti akka dubbatee ni yaadatama. Odeefanno tokko tokko akka jedhuutti, Yeroo kanattii Jeneraal Kamaal Galchuu biyya keessa waraana akka ijaaratee jiruu beekama dha. Waraana Oromoo ta’an kan dur wajjiin hojjetaniif kanneen dhoksaa dhan mootumma jala jiruu hunda isa waliin akka loluuf deemu shakkamaa jira. Waraanni Itophiyaa hedduunsaani Oromoo waan ta’ef, wayyaane rakkoo gudda keessa galchee jira. Ji’aa muraasa dura biyya Ertraarra gama biyya Yugaanda akka seenaniis beekame jira. Yeroo kanatti Kibba Itophiyaa akka jiruu oduu dhoksaa mootumma Itophiyaa keessatti dubbatamaa jira. Haa ta’u iyyu oduu kaleessa mootumma Itophiyaa raadiyoo isaanitti akka jedhanitti Kamal Galchuu Yugandaa jira malee biyya hin seenne waakkata jiru. Hundumaafu wayyaane rakkoo gudda keessa jiraachunsaa tilmaamun nama hin rakkisuu.

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


“OLF is Beyond Repair” Jawar Mohammed in 2009
November 21, 2016

Xalayaa Daawud Ibsaa Hoggana ABO Dhaaf Barreefame
November 20, 2016

Dhugaatiin Miriindaa Itiyoophiyaa Keessatti Nama Ajjeese!!
June 7, 2016



65 Comments

Falmattuu biyyaa
9 years ago



Woooooow Akkas malee leenca keenyaa

    adammisoma11
    9 years ago



    KAMAL dura oromiya keessaa waranii ni jiraa kana WBO in malif isaaniti hin makamanee qophaa isaa kijibaa ofa KAMAL dhuguuman umata oromotif yadee diinee umata oromotifin qabaasawa yoo kan jedhee tehe malif dhabaa dhugaa kan ganamaa umataa isatif dhabatee ABO YKN WBO malif baqqatee hoo? in ofifuu diinaa umataa oromooti umani oromoo waana hunda ofiraa bekka in ammo amma kijibaana umataa oromoo sobuu fedhaa? yoo nama umataa oromotif yaduu tehe dhabichati makamuun isaa diirqaam obbo kamal kun bilisumaa mataa isaa tan Anagoo itti arkatuu tan mumichaa miniteraa itti tahuu barbadaa jiraa male umataa kenyaaf yadeetimii kan sochaa jiruu Anagoon in duraan biyyati diinaa wajin qabachaa ture namatuu isaa ajajaa ture tanaf tan namani isaa ajajuu wana hin feneef jechaa bilisummaa mata isaa tan isaa Angoomasiitu barbadachuf diina irraa behee ture male umataa oromootif nama yaduu miti abbo kamal galachuu namichii kun ifaa diinaa irraa behee ni qabsawaa jedhee biyyaa olla kenyatii baqqateen boodaa qabsoo godhaa hin ture shiraa garagaraa sabottota dhugaan sabaaf lalatan irraati yadaa ture yoo duubi kamal tan huraa dhisuu batan seenaa isaa waan bayyee tehef umataa oromoo kan isaa deegarufi kan hin deegaree hundaa biran gahuun keenyee hin ollu ammo tokkummaa umataa oromoo kan jabachaa jiruu kan diigaa janee waan ammanuf jechaa hin goonu isiin ammo yoo diidanaa kamal yeroo lamadaa nu gaabarofachuu mana diigamanee dhabamuu nuf wayya dhamasaa QEERROO BILISUMMA OROMOO NAMA DHUFAA IRRAA

    adammisoma11
    9 years ago



    WAAMICHAA QABSOO HAQAA Seenaa qabsoo oromoo keessaati gaammattaan paarlaamaan Awuroppaa dhimma oromoo irraati murtii lachuu kun kan jaalqabaa tahulee midhaa mottummaan ethiopan TPLF kun akka lakkofsaa Awuroppaa baara 1991 irraa kaassee hamma bara 2016 dhaala oromoo irraa gahaa jiruu dhubachadhan wayyaanee naqee jiraa. murtii mottummatta gaammattomani kun qabsoo kenyaaf kan duranii caalaa haala kan mijisuu tahun isaa hubachun barbachiisaadha. yoo nuti jabaane qofaa halii kun nuf kan mijahuu dandahuu yoo nuti lafane ammoo namuma ibdaa boobaha jiruti bishaan qabanawaan naqee tana akka akkan hin xaanef nuti jabaane namaa ibdaa bobahaa jiruuti beziilaa naquu tahutuu nura egamaa . Farjiifi rabbi’nelee namumaa jabatee qofaa gargaraan kanafuu jabachuutu nuraa egaam .bara 2016 kan keessaati bilisommuu ykn lafaa tanaraa dhumanee dhabamuu jenee murteefachuu qaban nuti dhaali oromoo hundii keenyahuu tole yoo kun tahuu batee numatuu ofitii jiraa maale namanii nuti hin jiruu hubachuu qaban kanalee. dhabiileen qabsoo oromoo kan karaa naggayyatin qabsoona jechaa jiraan warii biyyaa keessaatis jiraanis qeerroo bilisummaa oromoo jalaa hiriruun isaanii bekkamadha waan waal nu mormisisuu miti . Dhaabileen qabsoo oromoo kan afaan qaaweetin qabsaawa jirtaan hundiinu dhabaa isaa gaanamaa kan umaani oromoo bekku kan qabsoo oromootif jalaa qabaa tehe ABO YKN kan yeroo amma kan maqaa qosaa shanee jedhamee bekkamu kan jaala hiriruun moraa qabsoo oromoo akka jabeessittan dhamasaa koo dabarsaa yoo kun tahuu batee umaani oromoo abbaa fedheehuu hubachuun bar bachiisadha dhabaa laman kana alla umaani oromoo hundaa ganatutii bekka dhabani laman kun ABO gacheenaa umaata oromootifi Qeerroo bilisummaa oromoo qofaa kana alla abbaa fedhee simachuu akka hin dandeenyee mormii baratotaafi umaani oromoo godhaa jiruu kan irraa hubachuun waan nama rakkisuu nati hin fakkatuu .dhabileen badiraa ABO qabatanii maqaa bira bafatani deema jiruusu akka jiruu umaani oromoo adaan basseeti siritii bekka kanafu abbaan umaata oromoo sobuu akka hin dandeenye hubachun barbachisaadha namani umata oromootin sobaa jedhuu yoo jiratee akumaa saree rooba keessaa masadiida seeteti salphaatee kophaa isaa hafaa …….. Itti Fufaa

yoobsan jemal
9 years ago



Wangaridhaa

bobene
9 years ago



Good

korsa arega
9 years ago



durumaa kan oromo fi Oromiya bilisa dhorke walii galtii hoganttota Oromoti malee habashota miti, tarii habashonii Isanti fayadamanii carra olaantumati agarsisan. Ammalee hogantooni oromoo hundumtuu dhaba siyasa kamuu warri taatan ummata jarra 1 oli gabrome jiraatu kana walii galtanii bilisa baasun dirqama Oromummati malee ilaalcha siyasatii miti. Please, for yours excellence,General Kamaal Galtuu, I strongly recommended you to work with others Oromoo political parties with out any pre- condition regardless of yours political attitude. These innocence Oromo people have no alternative to be free from 21 centuries colonies, in short all Oromo political groups including died body of OPDEO have to work for oromo, not against Oromo

falmatta
9 years ago



wow wow bayye nama gamachisa

Jaalataa Diin Islaam
9 years ago



Haalli kun bareeda Itti fufaa rabbiin isin gargaaru

QAANQEE BIYYA
9 years ago



YEROO KANATII HUJJI MALEE YADNI QOFA BARBACHISSA HIN TAHUU.BIYAA GALUUS BIYYAA ISSATII .GARUU QABSOO QAWEE MALE HIN TATUUS JETANII JIRTAN.WARAANI EGAA ADDAN FACASSE KOPHA ISSA BIYYAA SEENUUN KUNIS WAN NAMA IF GAFACHISSA ,KUN OSSO TAHE JIRU DEBITAANI WARA DURA WARANA WAYANEE KESSA WAL BEKKA LAFA JALA QUNAMTI QABACHU MALA JETU! GARU NAMA SIYASSA XINXAALUTII YAADAA KANA GABASSANI YO XINXAALAN KANUMAA WAYAANEE SODACHU SHAKI HIN QABNU OPDO AMMANTI IRA DHABA JIRACHUUNIS AKKUMA BEKKAMME TAHEE OSSO JIRU TARII IDA A OPDO ISSA BUSSUF LAFAA JALAN AFEREETE TAHUU MALA KANAFUU.QABSOON DABILEE SIYASSA ANGOO BARBADAAF WAL QOQOODANI HUMNA UMMATA OROMO BARA DILA KANA DHADABSSAN ARRA QEEROON BIYYA DEEFATEE GOONFATEE.AMASS KANA GUFACHIISSUFI SAMIICHA ANGOO NA SI DURSSA FAKKATI .QABSOON KAN BARAATOOTA ISSANII ITII ABBA .KARAAN SOOBAN DABRAAN DEEBII NA DHIBAA JEDHU OROMOON

Saleh
9 years ago



Galatomii odefanoo ketiif kana hundaa kessaa sirriti hin bekuu turee info garii nu jiradhuu umrii dheraa

Bulto Bena
9 years ago



Waraani kayoo matasaa hiqabnee mataa namaatin bobabee gala.

Waraanii damaqee ofbaree maalifi akka qabsahuu beeku kayoon isaa bilisummaa dha. Waraani Kayoo ogganotaa hordofee hanbulu yotaee kayoo bilisummaa hiqabuu. Waraanii akkanati uumamee hogani qabsoo yoganee wajjin gana. Yomaratee wajin maraata. Kamal Galchuu ABO keesaa baanan waranii ABO dhisee bahee biyyaa Arabaafi Arophaati bittimee jedhamee himamu warana kamal malee waraana ABO miti jechadha. Waraanii Kamal yoduee handuu, yojiratee hanjiratuu yorafee hanrafuu yomaaraatee han maraatuu yotaee kayoo bilisummaa akka hiqabnee mirkaneesaa.

Warani ABO kayoo bilisummaatin dhabaachuu qaba. Dhukubaa gosaa gandaa kutaafi amanttii ofkeesaa balleesee qabsoo bilisummaa Oromoo hidhatee qabsahun irraa eegama. Ogganaan kayoo waranaa tauu hindandauu. Yotaee farra qabsoo bilisummaati. Waraani Daawwid Ibsaa Abdii Ragaasaa, Kamal Galchuu ….,ilalee ijaramee yotaee kayoo bilisummaa hiqabuu.

Galchuun ABO keesaa dhibamee baanan waraani baheet Biyyaa Arabaafi Arophaa badee jedhamuu waraana ABO miti. waraana kamaal kayoo hiqabneedha. Uummani Oromoo dhuga beekuu qaba. Kamaal ABO keesaa dhibamee himbanee. Humnaan ABO ogganu malee dueen argama jedhee jeequmsa kaasee tokkummaa diigee sabboontotaa rakifnaan seeraan ofkeesaa isaa baasani. Amala badaa kanan jijjiiraman isaa ariee. Dura ta’aa ABO lamafaa taeeti isaa ariani. Baka hundumaati ariamee. ABO duraa keesaa maqaa amalasaa ariamee malee dhibamee akka himbanee uummaan beekuu qaba. Amallisaa gosummaa gandummaa kutaa amanttiifi dhiiga tauu beekaa.
Namooni dhara barreesiitan uummataa afaan faajeesitan dugaa dubadhaa.

Abiin Nader
9 years ago



kkkkkk Rabbiif jedhaa ti nama hin gowomsinaa nuti warri bira jirru ammoo maal jenna re?
e

    Abdi
    9 years ago



    Hahahaha…… LoL keessa ba’anii soba Hammas ga’u sobuuti ka’ani maloo?? Hahahahaha….LoL I can’t stop loughing.

adem wako
9 years ago



Oduu nama gama hisu G/kamal seenaa gadaa nama qabu woraana 541 hidhanno gutuu wojiini qabatee bulchiinsa tplf didee
qabisoo bill sumac oromo ti dabalamuun hardha sochii amani tana oromoon godhaa jirufi gayee gadaa tap hats nuru
Jiruu bareeduu san dhiisee qabisoo oromooti
durumaa kayoofi tplf wojiin dalaguu isaa dalagaan mirikaneeseera
Deegarsa guddaa godhi ufiilee qabina
guyyaa haridhaa agaziin meeshaa woraanatiin oromoo garaa been a an fixaa jiritii qawee Malee bilibilaan hin jiritu
G/kamal oromoo mariti siyojiini jiraan jabadhuu

Robi
9 years ago



Hin sobina maaloo Oromoo!!! Yeroo uummani Oromoo rakkoo hamtuu keessa jirtu kanatti wantoota walitti nama nama naqu odeessuu dhaabaa. Kamaalillee ta’ee, kan biroo hoggansi Oromoo hunduu kabajaa qabaachuu qabu. Oromoon hayyuu kabaja, garuu hayyuu uummataaf hin dubbane gatii hin qabu. Kanaafuu mee waan hundaafuu wanta wali nujaalachiisu malee wali nulolchiisu odeessuu dhiisaa.

qaanqee
9 years ago



oduu akkanaa waan guyyuu dubbataniif
homtuu hin jiran soba malee

Abba Biyyaa
9 years ago



Ani asi irratti wonni jechuu barbaadu tokko jalatanis jibbitanis General Kamal nama hojiitti amanu malee nama eritraama taèe ruuza Eritraa nyaachuu barbaadu miti. Sababa kanaan kan kaè namitti qabsoo teenya qabdee haga harà irra teettu saniin wol dhabuu dandae. Isaa namitti jedhe suni isiiniif gala natti fakkata(Dawud). Saniifu hanga wogga meeqaa eritiraa taàn isaan kan nama hin galle. Woggaa 25 oli ertiraa kessatti lakkofisiisani amma umrii isaani guutuu achuma tahu hedan worri akkasii suni. Hanga yoomi sadaqaa oromoo irraa kadhata jiraatuu hojii tokko mallee. Ani wanna biraa hin jedhuu waqni sammu isaani haa kennu! Garuu General Kamal biyya gale taanan yoomuma maddi dhabbachuu qabna malee nama isinii hojjadga jedhee hidhatee kaè dura dhaabbatuu hin qabnu oromoo! Qabsoonille biyya jirti,ummanni billisoomuu qabus biyya jira, lafti teenyas Oromiyaa keessa malee Eritiraa miti! Sanifuu jabannee qabsoo keenna maddi dhaabbachuudhaan gabruma ofi irraa buqqifine haa darbanu!!

Oromoon ni Mooà!
Oromiyaan haa lalistu!
Viva B/G Kamaal Galchuu!

Tola gutamaa
9 years ago



Nuuf jiradhu lencaakoo hammatun sin hin argatin milka’ii.billisumman dhiyate jirti waqqin oromoo fana kessan dukkana haata’uu jabbadha issin fana jira.

Beenuu Baalee
9 years ago



Galatoomi sanyii tiyya rakkoon oromoo dheebu Aangoo fakkaatti garuu rabbiin waliif nu haa galchu.
Please Tokkummaa Tokkummaa Tokkummaa Yaa ilmaan oromoo Tokkummaa.

Beenuu Baalee
9 years ago



Galatoomi sanyii tiyya rakkoon oromoo dheebu Aangoo fakkaatti garuu rabbiin waliif nu haa galchu. Please Tokkummaa Tokkummaa Tokkummaa Yaa ilmaan oromoo Tokkummaa.

abdi
9 years ago



maloo ijoolleen oromoo hundi hin sobina qileensq ilaaltanni adarra dhigaa oromoo kabachisuuf billisummadhan ha arginu dhugaadhan jeneral kamalin immoo ija billisumma oromoo ishee hawwiikee ta’e si ha argisisuu garuu ABOn bakkaf iddoo jirtan hunda maloo umaata keessan osoo isan abdi hin kutattin arittidhan birra yoo dhabatan?1!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

Abba Seena
9 years ago



Wontti anaffi hingalle hangga meqqa worranni kennaa Eritrea ta’aa??? Kalloluu halolu billilissumaffi haloluu! Dinni DINNUMMA! Wontti achitti worranna ukkamssani irrata’anniffi hinjirru! Marttu karraa issattini habirmmattu! G/ Kammalille haworranu dinna! Tanni ta’a tokkumma ennulle hinjibu. Kayyoni oromo BILLISUMMA! Yadda wollihuqqissu dissaa worrakenna (Oromo)! Gallatomma!

MAALISIDHIBE ANI OROMOO DHA
9 years ago



YOO TAEEF DHAQNEE QABSOOFNA PLS JABAACHUU QABNA

MAALISIDHIBE ANI OROMOO DHA
9 years ago



Waraanii damaqee ofbaree maalifi akka qabsahuu beeku kayoon isaa bilisummaa dha. Waraani Kayoo ogganotaa hordofee hanbulu yotaee kayoo bilisummaa hiqabuu. Waraanii akkanati uumamee hogani qabsoo yoganee wajjin gana. Yomaratee wajin maraata. Kamal Galchuu ABO keesaa baanan waranii ABO dhisee bahee biyyaa Arabaafi Arophaati bittimee jedhamee himamu warana kamal malee waraana ABO miti jechadha. Waraanii Kamal yoduee handuu, yojiratee hanjiratuu yorafee hanrafuu yomaaraatee han maraatuu yotaee kayoo bilisummaa akka hiqabnee mirkaneesaa.

Warani ABO kayoo bilisummaatin dhabaachuu qaba. Dhukubaa gosaa gandaa kutaafi amanttii ofkeesaa balleesee qabsoo bilisummaa Oromoo hidhatee qabsahun irraa eegama. Ogganaan kayoo waranaa tauu hindandauu. Yotaee farra qabsoo bilisummaati. Waraani Daawwid Ibsaa Abdii Ragaasaa, Kamal Galchuu ….,ilalee ijaramee yotaee kayoo bilisummaa hiqabuu.

Galchuun ABO keesaa dhibamee baanan waraani baheet Biyyaa Arabaafi Arophaa badee jedhamuu waraana ABO miti. waraana kamaal kayoo hiqabneedha. Uummani Oromoo dhuga beekuu qaba. Kamaal ABO keesaa dhibamee himbanee. Humnaan ABO ogganu malee dueen argama jedhee jeequmsa kaasee tokkummaa diigee sabboontotaa rakifnaan seeraan ofkeesaa isaa baasani. Amala badaa kanan jijjiiraman isaa ariee. Dura ta’aa ABO lamafaa taeeti isaa ariani. Baka hundumaati ariamee. ABO duraa keesaa maqaa amalasaa ariamee malee dhibamee akka himbanee uummaan beekuu qaba. Amallisaa gosummaa gandummaa kutaa amanttiifi dhiiga tauu beekaa.
Namooni dhara barreesiitan uummataa afaan faajeesitan dugaa dubadhaa.

    yaa hubadhu
    9 years ago



    no no no but 1

MAALISIDHIBE ANI OROMOO DHA
9 years ago



MAALOOO OROMOOO KOO WOJAALANNA WOLKABAJNA

misbahu
9 years ago



Ammallee jeneraal kamaal galchuu osoo biyyuma keessa deebiee ummata abo dhaaf woreegamaa jiruuf deeggarsa barbaachisu kennee gaarij taha.ummanni qote bulaanuu ajjeesee du aa jiraa jeneraalli maal eegagaa yoomiifigaa jeneraalummaan?

Maatii
9 years ago



Kkkkkkkkkkklkllkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkk karaan sobaan dabran deebii nama dhiba

Galan
9 years ago



Isaan achuma haa jiraatani yoo danda’ani garuu, qawwee fi rasaasa haalatti erguu danda’ani osuu mijeessani

Ibsa chimdi Tolesa
9 years ago



Galatoma

Fatoo
9 years ago



Odeeffannoon kee hedduun kan dhugaa irratti hunda’ee dha. Barruun keetis hedduu nama hawwata. Dandeetti kee kan qubee fii kan waan barbaadde ibsuu irratti hedduun si dinqisiifadha. Galatoomo

Wayyuu
9 years ago



Bayyee bayyee bareeda turee

ahmed mohammed
9 years ago



DHUGAA WAYYAANEEN BIYYA JIRA MALEE ILTIRAA HIN JIRU NIQABSOONYA YOO JENNE BIYYATTI GALUUN DIRQAMA QABSOOF YAROO KENNUUN HIN BARBAACHISU KESSUMAA YEROO BARATTOONNI HAWAASNI QALAMAAN DIINA MEESHAA QABU DURA DHAABBACHAA JIRANITTI WARAANNI ABO HOO ESSA JIRAN DAABNI HA’A UUMMATA ISAA CINAA HINDHAABBATIN BORU HOO AKKAMI QABSAAYUF TAA’A KANAAFU DHAABNI HAWAASA SAA BILISA BAASUU FEDHU CARRAA KANAATTI FAYYADAMAA KARAA BIYYAA DEEBIAA GALATOOMAA

kadiir aadam
9 years ago



Ani gama kootiin jeneraal kamaal galchuu baayyiseen deeggara kan baqaa isaatiin hidhamaafi ajjeefamaa turee sabni oromoo kan akka A.B.O.beekkumsa jaraas ta’e wollaalas ta’ee naaf hin galle garuu siyaasa isaaniuf duuba deebi’anii usoo laalani baayye bareeda haata’uu malee kana booda eenyu akka sabaaf yaadu barreera kijibduuf hattuus addaan baafanne fakkaata hamma tokko nu hafuus sun garaa ufiitu wollaalf heexo itti dhugani jechaa dha kanaaf yaada jedhaani worraanni angoo ykn qondaaltonni A.B.O. AMMAAS IRRA DEEBI’A
ykn angoo keessan qeerroof dabasuun dirqama natti fakkaata hoganummaan keessan nu ficiisaara malee bu’aa nuuf fidees hin agarre GALATOOMA. !!!!!

Kachissa
9 years ago



Bakka kannati sobdde abee. …….”Hanga ammatti moora WBO keessatti warra biyya galee loluufi warra carraa eegatuutu Ertraa jira. Yeroo kanatti waraanni ABO kan Ertraa jiruu 877 dha. Yeroo Kamaal hogganaa WBO ture sanatti waraana 4,467tu ture. Yeroon Kamaal ABO keessa dhiibame baasan immo waraanni hedduu Ertraa akka bahee beekamee ture. Waraanni akka jechaa turanitti, Kamaal Galchuu malee nama muuxxanno waraana qabu hin jiruu kanaafu isa malee loluun hin ulfaata jedhan”

Kannafuu, Wantii atti xibbarttu hunddu “fakkatee” irrati kan hundayye. Gababummatti “we call this fabrication” . Oromos need someone who make a difference in their life, whether it is an OLD or NEW OLF.

saad kadir
9 years ago



Ani gama kootiin jeneraal kamaal galchuu baayyiseen deeggara kan baqaa isaatiin hidhamaafi ajjeefamaa turee sabni oromoo kan akka A.B.O.beekkumsa jaraas ta’e wollaalas ta’ee naaf hin galle garuu siyaasa isaaniuf duuba deebi’anii usoo laalani baayye bareeda haata’uu malee kana booda eenyu akka sabaaf yaadu barreera kijibduuf hattuus addaan baafanne fakkaata hamma tokko nu hafuus sun garaa ufiitu wollaalf heexo itti dhugani jechaa dha kanaaf yaada jedhaani worraanni angoo ykn qondaaltonni A.B.O. AMMAAS IRRA DEEBI’A
ykn angoo keessan qeerroof dabasuun dirqama natti fakkaata hoganummaan keessan nu ficiisaara malee bu’aa nuuf fidees hin agarre GALATOOMA. !!!!!

Bariisoo
9 years ago



Waani Gudaan nagaan Biyyaa oollaa keesa bayamme dirree qabsoo seenudha.kan dabree dabree ,eenutu tolchee, eenutu baleessee odo hintaanee diina diinqaa nu oolseene ragadu uff’rraa ittisu fi nama keena akka hooriiti dhiini dhangaluu irra ittisuudha.wareegamni ummata uffii keessa ulfina.Haga irreen hbashoota laaftuti ykn.cabxuuti,guddan keena xiqaadhaa,ulfaatan keena salphataadha,beekan keena wallaaladha kanafu yeroon yeroon wal hamatani wal xiiqeesan odo hintaanit akka Oromoo tokkoti maaltu na’rra eegamadha.kan Habshootni dhaloota dhalootan nu xiqeesitu nuti xiqaate nuti himo wal xiqeesufi wal diigun hanga yoomiti?daaimani dhiigni dhangala jiru,qotee bulaan laphee isa rasaasa n waxalama jiru iyyata jira.kanafu baga nagaan bayee nagaan biiyaa isaati salphiina malle deebeen Ummata Oromo hundaf gammachu gudda tokko.Salute General!!!

awol buseri
9 years ago



Rakkoo jieuuf furmaata kennaniitu wal cimsatan malee akka nama fedhii dhuunfaaf socho’uutti wanni dhaabaa fi alaa haaraa kalaqanuuf akka laaffannu yoo. Nutaasise malee jabina qabsoo Oromoof tokko bu’aa hin qabaatu kanaaf bir.J.l Kamaalis ABO keessaa foxxoqee Osoo hin taane achuma keessatti ogummaa fi muuxannoo isaa ilmaan Oromoof gumaachuudhaan rakkoolee isaafis ta’e qabsoo keenyaaf gufuu ta’an hifannaa tokkoon maletti irratti qabsaahuun achuma keessaa hoggonuu qaba. OROMIA WILL BE FREE.!!!!

Gadissa
9 years ago



Baayyee afarsuun gaari natti hin fakaatu

JAJJABOO
9 years ago



Jecha dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jedhu Addunyaa biratti yoo fudhatamuu dhabe jecha Kallacha Wolabummaa Oromiyaa (KWO) jedhuun WBO Biyya keessaaf Miseensonii isaas Sochii Cimaa Biyya keessaa fi Biyya Alaa keessattis Cimaa jiruu jajjabaadhaa osoo kan falfalu falfaluu kun Hora hin jenne mammaakni

nemera
9 years ago



waan qabnun isiin deegara.nuuf jabadha.osoo akka waaliigalatti account banatani uummaanni oromoo hundii isiin duuka dhabatuuf shakii hin qabu.baayyee sii jaalana.akka oromiyaa bill is on site us abdii qabna.

yaa hubadhu
9 years ago



1

Assabee Araarsoo
9 years ago



General Jamaal Galchuu akkuma kaleessa uummata oromoof bakka bu’anii wayyaaneen afaan qawween ijaaramte afaan qawween malee hin buutu akkuma jdhanitti uummanni oromoo ammas afaan qawween dhugaa waan jiruuf akkuma jedhan J.K.G wayyaanee waraanuuf oromiyaa yoo galan uummanni oromoo biyya keessa jiru qeerroon Oromoo harka qullaa lolaa jiru kun J.K.Galchuu wajjin hiriiree loluuf qophiidha.Injifannoon kan uummata oromooti.

kaalid jimmaa
9 years ago



Akkasi
garuu
itti makamuun fedha
bilisumman tolandhuftu

kamal
9 years ago



Oromoon bakka jira nitti akka hin irraafannee waan biyya isaanii. Guyyaan tokko dhufuuf taa,a guyyaaaln bilisummaa

Bilal
9 years ago



Yomiyyu akkamale itti gammana rabbi guddaan isinwajjin haajiraatu jabaadha jabaadha isininboona yes we can yes we can

barentuma Oromia
9 years ago



Akkana kaa Goota koo!!!!

barentuma
9 years ago



Akkana kaa gota koo!!

Nasir Kemal
9 years ago



Egaa erga jedhamee ni jenna.
Dhugaa dubbachuuf dhaloonni qubee kun hojii ABO ittiin beeku tokko hin qabu. Garuu
akkanumatti jaalalaa orumummaaf qaburraaniifi jibbaa
gabrummaaf qaburraan maqaa ABO jedhamu san abdii godhatee
dhumaa ture, dhumaas jira. Akka nama tokkootti yeroon yaadu
mee Daawud Ibsaa jedhamu sun qabsoo oromoo eessaa fuudhee
eessaan ga’e? fuula dur
amoo ofduuba deebise?
Leencoo Lataahoo imaanaa itti kennamee ture san eessaan ga’ee
amma ADOjedhee ka’e?
Kanaaf amma nuti uummanni oromoo eeny
uun haata’uu kan nufaana qabsaa’uu qawwee tokkollee haataatuu kan gama qeerroo gortee dhukaatutti amanna.
Haayyootni keenya kanneen akka Jawaarfaan dhimma kana achi butanii ilaaluun gaariidha. humdi keessanuu gaariidha,isin jaalanna, garuu walii galaa. warri mooraa baqataafi gaaddisa biyya ormaa taa’ani dhiiga ilmaan oromootti qoosaa,”yoo qeerroon milkaa’e asba’anii dhaadannee biyya bulchina, ta’uu hafus nuti nijiraanna” kanneen jedhan ofhaa ilaalan. Jawaar walaba ta’ee hojiisaa utuu itti fufeen jedha.

qeerroo
9 years ago



j/kamaal jagna akka bakakkaati.albaasaa jira tplf.wbon biroo hinjiru.jawaa,kamaal,oromoota qofatu wbo dha.

dimmaa
9 years ago



Lenccaa Bossan jechon Kamal kabiraa hiniarigaminee hubadha’a.
Qbison Oromoo Gidarra biyyaa amibaa harikkaa marattan jalla demuni bua’aa tokkoo oromo’ofi hinfine hagaa guyyaa hardha.kanafuu demaati Janumaa kessan Qodaa fudhadha’a.

Obsa
9 years ago



Rabbi nuuf haa tiksu goota keenya GENERAL KAMAAL GALCHUU.

Obsa
9 years ago



Rabbi si haa tiksu.

Ka
9 years ago



Nutti qerroon kana booda abbaa barbaadeyyu haa tu’u nama qawwee kaase qofa gargara

Naa'ol Abdaata
9 years ago



Waldhageeffadha Malloo

Awal
9 years ago



Yoo dhuga tate bayee gari rabi issa wajin hajirattu

feyiso
9 years ago



rabbiin si haa gargaarruu yoo dhugaa taaatee si jaalann ….garuu alaabaa ABO osoo nuuf dhaabdee natti tolaa haaluma kanaan ittti fuufu

JAJJABOO SABAA
9 years ago



Dhugaan ni Qaldhati malee hin Cittu yeroo Gabaabaa keessatti shakii mataa keessan isin hadooche kana irraa Bilisa ni baatu guyyaa B/J/Kamaal_Galchuu ifaan ifatti hujiin isinitti argisiisee hoo maal jetu Laata

Guyyaa sanis kun Kamaal miti Amaani jettanii maqaa jijjiruun keessan mamaa miti namoon Biyya Ormaa keessa teessan sammuun dhihaate.

yuusuf
9 years ago



kkkkkkkkk kamal gaalchuu ollaa kiyya biyya sweden jiraata uganda irraa karaa haadha mana isaa dhufe . wallaahi sweden jiraadha. kijiba hin oofina kamaal waraanaa guddaa hiriirsee diinatti galche. kamaal Oromo bilisomsuu karoora hin qabu. lichoo bukraa ifaafi ifatti himee jira akka kamaal TPLF waliin dalagu. kaamaal diina Oromo tokkummaa isaa diige gandatti galchee kayyoo TPLF galmaan gahaa jiruudha

watasimu behabilillah
9 years ago



ABOn erga hundaa’e waggaa 40 dabreeraa woggantton osoo dhugamaan bilissummaa saba waggaa 120 oli salphatetiif tatanii haga ofumas USA fi Awurooppaa teettanii sorama batan mee dhugamaa yoodubbanne biyya gallee lolla jechuun maal balleessa ? waggantoonni osoo nuuf yaadanii nama waraana 541 qabatee angoo isaa gad-lkkisee biyyaa bahef yookennan maal ta’a ? gargaarsa rabbiitiin lolaan dhufa malee

Abdulaziz ABDO
9 years ago



Bilisoomu keenyaf rakko guddaa ka nutti tahe baay’achu saba keenyati kan bira baay’achu partileetI j/kamaal galchuu ega woraana isaa fudhate ABO tti gale maaf adda baha? Ok erga adda bahe oromoof maal buuse?ABO fi WBOn worroota wogga dheeraf qorsoo nyaatanii bosona keessa jiraata turaniidha isin hoo Haga yoom akkanatti jiraatan ? AKKA ani yaadutti wol qoqqoodanii addaan bahuun kun woyyaane kununsudha malee waan biraa miti galatooma.

jonse ketela
9 years ago



nagaayan koottaa isin simanna

NEGASA TEMESGEN
8 years ago



ABO n diigamuun baayyee nama aarsa.Sababni isaa dhaaba kaleessa dhiigni ilmaan oromoo kumaatamaan lakkaawamu itti dhangala’eedha.garuu oromoon bitaan yaabanis mirgaan yaabanis walgahi kooruma jedha;kaayyoon hunda keenyaayyuu bilissummaadha.HUnduu kallattii dandaa’ameen mootummaa wayyaaneetti duuluun sirriidhan jedha ani akka ilma oromoo tokkootti.

mukeram
8 years ago



Nuuf jiradhu leenca

Yaada koo
8 years ago



yaada kenninuus sirra’uun kessan ni ulfaata
maalif yoo jettan?
1,Hoganaan hoggansa isaa wallallee qabso biyya ambaa gessee achumaa ololaan hawasa gowwomsuuf yaada? biyya Ormaa hangamiif ta’a?
yeroo Hoggansarra jirutti bu’aa akkam buuse?
Ummata biyya kessaa dhumaa jiru osoo arkuu callisee maaf ta’a?
qabsoo 2014 irra jalqabamee hanga arratti demaa jiru irratti maal hawasa gargaare?
keessattu akka mataa kotitti Obbo Dawid Ibsa Oromoo fi Oromiyaa bilisa baasuuf waan qabsa’e osoo hin tane Qabsa’aa akka hin qabsofne qabee ta’aa jira natti fakkata
_____/_____
kan beeku qabdan => Dhaaba hawasaaf owwate fi quqame qofa hawasni simata kan hin owwatin garuu irranfatametuma hafa!
yeroo Opdon hawasaaf qabsa’aa hawasa degaraa jiru kanatti isin hawasaaf qabsa’uu dhabuun kessan nama Akka Oromummaaf hin quqame beksisa!,
maalif wal mormitan?maalif adda babaatan? maalif karaa hawasni jalatun hin qabsofne? Qabsoo sabaa kessa fa’idaa fi angooo barbadaa jirtani?
moo kan isin qabsoftaniif Olantumma fi Angoo mataa kessanitifi?

“”” Hayyee senaan kan dhugaan sabaaf qabsae fi kan sabatti qasaees gaaf tokko numa dubbata””






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...