Kadiir Martuu waltajjii irratti ummata boochise!
Guyyaa har’a magaala guddittii Ameerika, Waashingtan DCtti, qophii gargaarssa Oromo (Oromo Benefit Concert) kan Machaa-Tuulama dhaan gaggeefame haala ho’an xumuree jira. Qophii kanarrattii artistoota bebbeekamo kannen akka Daawwit Makonnen, Abdi Nuuressa, Haacaaluu Hundeessa, Jambo Joote, Tujjii Muddee fi baandii guutu wajjiin ummata Oromoo 300 ol bashanansiisaniiru. Qophii koonsertii kun ummata bashanansiisu qofa utuun taane haala Oromiyaan amma keessa jiruu fi tumsa gargaarsa qabsoo ummata Oromoo kana buusii gochuuf kan karoorfame akka ture waldaan Macha fi Tuulama nuuf ibsaniiru. Waldaan Machaa-Tuulama bara 2014 irra amma yoonatti doolara kuma 60 ol warroota harka diina irratti wareegamanii fi maatisaani akkasumas warrootni miidhaman gargaarsa isaanif malu gumaacha kan ture dha. Ummatnii Oromoo biyyoota Ameerika, Awrooppa, Austraaliyaa, fi Saa’ud Arabiyaa gumaacha gama qarshii qofa utuun taane gama diploomasiitin akka ummata bira dhaabbatan marsariitii xalayaa.com yaada jedhuus isiniif dabarsa.
Qophii tumsa Oromoo kanarrattii, Haacaaluun Hundeessa sirba Maalan Jira erga ummataan haala ho’an fi dinqisiifatameen bashanansiise booda, artistoota Oromoo kanneen guyyaa kaleessa Bitoteessa 19, 2016 Ameerika seenan waltajjiitti ol waame. Artistoota Oromoo, kanneen akka Zarihun Wadaajo, Shukri Jamaal, Yaanet Dinquu, Kadir Martuu fi Daawit Taasisaa, waltajjii irratti haasa gabaaba taasisan. Ummatnii harka rukutuu dhan sagalee dhan galma guutu iyyisiisu dhan artistoota keenya haala dinqisiifatameen simannaa hoo’a dhan simatan.
Artistii kabajamaa fi jaalatama kanneen artistoota dhaloota qubee fakkeenya kan ta’e, artistii Zarihuun Wadaajoo yeroo calqabasaa Oromiyaa ala bahuunsaa har’a erga nutti himee booda. Haasa gabaaba akkana jechuu dhan ummata waltajjii irra jiruun gurra buuse, “Wal argina hin seene baga nagaa dhan wal agarree! Amma dhaamsa anii isiniif dhaamu dhaamsa Oromiyaarra isiniif fide dhaggeefadha! Midhaan waliin facaafnee, dhiiga jalleewaniin, dhiiga lafeen midhaan faca’ee, haramamee, guddatee, haamamee, midhaan baase asheete, bishaate, amma kootaatii walii-wajjiin bakkan geenya isiniin jedha Oromiyaani.” Itti dabalanii akka artistii Zarihuun jedhaniitti tokkummaa biyya keessa magarsee kana biyya alaattis akka cimee itti fufu akeekachiisaniiru. “Biyya Oromiyaa jedhamuu keessa wal qooduu hin jiru, Wallagga hamma Wallootti, Boorana hamma Harargeetti, Wallaggaarra hamma Baaleetti hamma Shawaa giddu galeessatii guutuu Oromiyaatti wal qooduun hin jiruu!!…” jedhanii haasa fi dhaamsa gabaaba dabarsanii turan.
Kan kanarra darbee immo, Artistii dhaloota qubee keessa dhalatee guddatee Artistii jaalatamaa fi kabajamaa artistii. Shukrii Jamaal gara waltajjiitti haasa gabaabas kennee ture. Shukri Jamaal akkuma artisti Zarihun Wadaajotti hamilee fi iyyaansa dhan hamilee ummataa dhan simatame. “Baga nagayaan nu eegdan! ani wantii ani jedhu hin jiru kana caala. Zarihun fixee jira, ulfaadha” erga jedhan booda, miira nama hawwatuun walatajjicharratti harka ol fuudha, “Oromiyaan tan Oromooti” si’a sadii sagalee ol fuudu dhan ummata galma guute kana ol kakaase.
Ittii darbee immo artistii kabajamtuu fi jalatamtuu artistii Yaanet Dinquu, uffata aadaa Oromoo uffattee bareeddeen, haasa gabaaba ummata Waashingtan DC, galatoomfatte. “Galatooma isiniin jedha baga nagaan nu eegdan isiniin jedha ulfaadha galatooma!” jettee sagalee bareeddu ulullee fakkaatun ummata gammachiifte!
Xumurarrattii, artiisti kabajamaa fi jaalatamaa, Artistii Kadiir Martuu carraan daqabnaani iyya gammachiisa fi gurra nama duuchun galma guutu iyyisiifame. Hamilee hammana hin jedhamnee akkuma artisoota kaanitti simatame. Akkuma beekamu, Artisti Kadir Martuu darara cimaa mootumma biyya bulchaa jiruun dhaqabeen nama miidhamee jiraachusa sirrittii kan beekamu dha. Yeroo inni maayiki qabatu, ummatnii galmichaa haala miira nama hawwatuun”Kaadir Kaadir Kaadir” jechaa maqasaa ol fuudha turan. Itti aansuu dhan immo Kadiir Martuu ummata Oromoo guutu kabajaaf galata guddaa galchee ture, “duraan dursee maqaa keessaniin maqaa kabajamaa dhan Addi Bilisummaa Ummata Oromootin, Maqaa alaaba Oromootin galatooma!!” jedhee ummata galatoomfate. Itti dabaluu dhan maqaa gootowwanii baratoota Oromoo fi warreen sababaa qabsootin biyyaa bahaniis galata daanga hin qabne galatoomfatee ture. “maqaa barataa kanneen wareegamaniitin, maqaa barataa dhiignisaa dhangalaa’etin, Qabsoon tapha mitii qabsootu biyya isiin baase, ilma babbareeda, dhiira babbareeda, shamarran babbareedaatin. Rabbiin maqaa leenchawwan saniitin, arraan tana barataan Oromoo dhiigasaa dhangalaa’e, ijoolle waggaa afurii, ijoolle wagga kudhanii qabsoo kanarrattii wareegamani arguu dhaf tokkumma ilmaan Oromoo mirkaneessa!” Kadiir Martuu haasan isaa kokkeetti rakkatee utuu immimmaan xurursaa ummata waltajjii keessa jiruu boosisee, “Guyyaa kana baga rabbiin isiin agarsiise, Bilisummaa ilmaan Oromoo isiniif haa agarsiisu rabbiin..” jedhee haasa gabaaba fi dhaamsa gabaaba akkaata itti xumuruu dadhabee imimmaan haaqacha ummata galma jiru hamilee miira nama tuquun iyyanii.
Artistoota keenya kunii, Zarihun Wadajoo, Shukri Jamaal, Yaanet Dinquu, Kadiir Martuu fi Daawwit Taasisaa, qophii koonsertii biyyoota Ameerika keessa gochuuf karoorfataniiru. Koonsertii Bilisummaa jedhuun Oromia Media Network (OMN) waliin wal ta’u dhaan guyyaa Bitoteessa 26, Oromiyaa xiqitittii kutaa Menisootaatti qopheesuf karoorfatanii jiru. Sagantaan kunii namoota kuma tokko ol simachuuf galmmii kireefameera Waldaa Oromoo Kutaa Minesoota (Minnesota Oromo Asociation) ibsaniiru. Oromootni Menisoota fi kutaale garagaraa koonsartii ajaa’iba kana irratti argamuuf waadaa seenaniiru.
Tokkummaa Ummata Oromoo biyya keessa fi biyya alaa haala gammachiisa akka ta’e bara kana mirkanaa’usaa agarsiisa jira. Diinni ummata Oromoo shira adda adda ummata Oromoo gidduu kan xaxaa turan barrii kunii fi kan asii achii kan isaanif akka hin milkoofne ummatnii Oromoo harka wal qabachuu dhan diina ofirra cabsaniiru!
Marsariiti xalayaa.com irra kan isiniif barreesse, Naa’ol Abba-Firrisaati.
Galatooma injifannoo kan Ummata Oromooti! Gadaan kunii gadaa nutii ilmaan keenya garbummaa utuun taane bara bilisumma ijoolle keenya dhaalchisnuu dha!
Hora Bula!
34 Comments
Kadiir martuu fi sabboontota keenya heďduu jaalannaa umrii dheeraa rabbiin isaaniif haa kennuu bilisummaa osoo ijaa nu hin agarsiifne Rabbiin nu hin ajjeesin b/saa Tusaa waaqayyoo iddoma ari’amee irraa
Injifannoo ummata Oromootiif
Baayye galatooma qabsaayan kufuus qabsoo hin kufu gaaf tokko nu dhuunfanna oromiyaa teenya
Tokkummaan biyya keessatti qabsiifame ammaas guutu adunyaatti akka jabaate itti fuufu gaafachaa jaalalaafi kabaja artistoota oromoof qabu hammana jedhee waan ibsuu miti ammas qabsoo kana daran akka jabaatuuf kan karaa ganamaaf galgalaatti bayaaf dhiyaatti saaqan isaan ta’uu akka hin daganne jechaa baayye isin jaalanna jiraadha. !!!!!???????????
HINJIFANNOON KAN UMMATA OROMOOTI ????????????????????
Hunda dura bagan rabbiin nu jiraachise
Yaadni koo inni guddaan weellisa Kedir Martu baguma carraa kana argamsiistaniifi gubataafi yaada wagga heddu inni garagti baate ture baga Media haqaatin ummata Oromootif dabarsitan baga ummanni keenya jireenya Kedir fi yaada fi Gadoo sammu isaa hadooche dhageenye galatoomaa !
Bilisummaa Fo Oromo !!!!!!
Ishoo kabajamtoota jaalatamtoota artistoota keenyaa fii ummata oromoo kan roorroon gabrummaa biyyaa baafte hundi isin jaalanna, nuuf jiraadhaa isiniin jennaa. barsiisaa jaafar yuusuf oromiyaa irraa.
Bilisummaa Haata’uu Baraattotaa fi Welistoota keenya galaannisaaniiiiii……… Qabsoon Ittii Fufaa Goodon Dinaa Ofii Huurse…Kufaaa……!!!!!####====//++++
Anas imaamaantu ija keessa na fuute dhugaadha
uummatni oromoo yoo kan isa hafu jiraate waa lama qofa jedheena yaada
1 tokkummaaa isaa kaabaa hamma kibbaatti
bahaa hamma lixaatti cimsuu
gosaaf gandummaa amantii ilaalchota akkasii guutuu guutuutti of keessa buqqisuuu
2 bilisummaa dhugaaa argachuu
qofatu isa hafa jedheen yaadaa
naaf jiraashaa isinin jaalllaadha qomooko
Artistoota oromoo hunda isiin jallana jabaadha. Injifannoon Kan Ummaata Oromooti!!
yeroo amma kana oromoon waali gaalte rabbin umrii gabrumma nurra gababsuuf fakkata jajjabadha
yeron nuti gabrumma iti buqqifnu amma
nuti kadiri wajjin biyya keysa tenye garu hire akana dhabnee kun gabrumma kenyaf raga.
#isin ara kadiri walin gammadun nufis gammachu
isin hundaa warra ara achi jiru rabbin biyyattI walin
nuha gammachisu
#by.Ambo university.
Ayiiyeee too ya abbakooo
maalif si fayyada jirenyi koo
ka jau sirba mustafa harawwe akka nuuf sirbu kadir martu ti nuu himaa yaaadanno nuuf taha
qabsoo bara kana geggeessa jiru keessatti gaheen artistoota keenya guddaa akka ta’e kan wal nama gaafachiisuu miti. jabaadhaa walk has jajjabeessinu injifannoon ummata oromoof.
Nuuf jiraadhaa nuti wal malee nama abdannu hin qabnu osoo jiraatees hin abdannu lammiin Oromoo waan hundaan iyyuu of dandaa’adha hunduma keenya Waaqni guyyattii bilisummaa as dhiyaatte kana biraan nu haa ga’u.Wal dagachuun,wal tuffachuun,wal tuffachuun,wal ganuun,wal qooduun….nu gidduu hin seenin Rabbi jaalalaa fi tokkummaa keenya haa jabeessu.GALATOOMAA LAMMII KOO…
Isin qaanqee qabsoo oromoo ti.
Isin jaalanna; nuf jiraadha.
Dammaqaa, nu dammaqsaas…………..”No Easy walk to freedom.”
halaan nama gammachisa oromoon yero akkana wali galte wal simatte baye nama gammachisa
Sabbontota keenyin urjiiwaan Sabba oromo
Heduu isin jadhadha galmii gammachuu
kessaniii billisuuumaa
Oromoo haa ta.uu qaliiwaan quqamtota
Sabba isin jadhadha. ….W.kadir. W.shukri
We..Yenti .rabii urmr isnii haa dhereesuu
Qaliiwaan ko
obsiii yaa onnee sii jalanaa
Nuf jiraadha ija ilaaman oromaata artistottaa kenyaa.
Began wal gare
Yaadachuun gumaa baraatoota kenyaa kadiir martuu wan baayee nama yaadachiisaa nutii ilmaan oromoodha tokkuumaa haa qaabanuun jedha horaa buula
Nuuf jiraadhaa aboo artistoota keenyaa. Oromiyaa bilisoomsuuf deggersi keessan daran barbachisaadha.
isiin jallana jabadha
Artistoota keenyaa baay,een isin jajadha.Akkuma achitti raawwatamee kana bilisummaadhaan Oromiyaa irrattis akka rawwatamuu abdiin qaba.Jabaadha jajjabadhaa ammayyuu BILISUMMAAN KAN UMMATA OROMOOTII!!!!!!!!!
wanta garaa namaa parsantii muraasaan qabbabeessu hojjatan lammiin keennafi artistoonni keenna naa’ol rabbiin isaan haa tiksuu qabsoon keessan itti haa fufuu akkasumas kan of duratti yaaddanis rabbiin isinii haa laaffisu “oromiyaan ta oromooti”
Horaa bulaa guyyaan dhufaajiru tokko jira wiixataa hanga jimaataa malee oromoof kan maqaansaa gaaficha moggaafamu hindhufa
Imimmaan kee akka bishaanitti roobe saniif galanni kee bilisummaa haa ta’uu,dhiira waan jabaatetu boochisa kadiir keenya umriin kee yeroo hunda harawa nuuf jiraadhu.ilmaan oromoo bakka guddaa sif qabu.
Duraan dursee warreen artistoota keenyaaf waamicha dhiyeessitanii akka gubannaa garaa isaanii baafatan gootan kabajaa guddaan isiniif qaba.Keessumaa artisti Zarihuun wadaajoo carraa kana argachuu isaa hedduun itti gammada.Kadir keenya ammoo boosse nun boosisiin ammam akka ati oromoof rakkatte hunduu quba qabna rabbi yoo jedhe bilisummaan keenya dhiyaatteetti obsaa…hunda keessaniif kabajaa fi jaalala walqixaan qaba.galatni keessan bilisummaa saba oromoo haa tahu!!
barri bara bilisummaa
baay’ee natti tolee anilleen booyaan dubbise. haasaa tokko tokko kan omn irratt8 darban osoo gara barreffamaa nuu jijiirtanii niin gammada vidioo data ulfàataa waan taheef yeroo hunda dhaggeeffachuun ni ulfaata
yaadadhu ethio telecom waraabeyyyii
galatoomi jabaadhu
Dursee baga nagaan achi nuuf geessan jechaa,osoo wal jaalannuu giddiin nu qabdee,dararaan alagaa nutti hammaattee jennaan gargar baanee,nutis osoo yaadaan dhiphannuu achi geessanii keessan dhageenyee hafuurri kokkeetti nu rakkatte xiqqoo ishee gadi nuuf deebinaan dubbanne, kanaaf warra isin simataniifis galata guddaa qabna.Dabalataan dhaamsi barattoonni Oromoo isiniif dhaammatan,adaraa nu hin dagatiinaa,yeroon daqiiqaan,sekoondii sekoondiitti nu yaadadhaa!!?? Hamma bilisummaan dhuftutti nuti dhumnee lafarraa mancaanus garbummaa kalee sanatti deebinee harka laachuun nu’iif hawwii keenya waan hin taaneef,akka qaamaan walirraa fagaannee,osoo wal dharraanuu dirqamnee ijaanillee wal hargaa dhabne kana,adaraa yaadaanis akka walirraa hin fagaanne.Hamma diindila bilisummaatiin wal agarrutti nagatti nagaaaatti,
Waaqayyo tokkummaa keessan haa cimsu.Barattootaa fi lammii keessan Oromoo Oromiyaaf wareegama qaqqaalii kanfalaa jiru irraa,LAMMII OROMOO BIYYA HAMBAA JIRAATTANIIF.Barreessan xalaya kanaa dhaamsa kana nuu ga’in
Baay’ee namatti tola nama boonsas.
…..Walaloo kanaanan isaan ibsa.
*********************************
*********************************
Baay’een sin jaaladha artistoota keenya
nutis nii carraqna maal arginnet teenyaa?
Cunqursaa wayyaane erga jibbitani
milla fageeffatan aardii darbitanii
rabbi siin gargaaraa hundi keenyuu beekna
sirbootaa baredduu isinirraa eegna
*************
wellisaa jalqabaa kan akka Zarihuu
maaluma inni goonan biyyaraa ari’uu?
kormee ilma Jamaal kan akka Shukrii
diinaaf gadin jedhiin ammayyuu hunkuri
Yaaneet Dinquu fa’i Kadir dabalatee
Waaqni siin wajjinii yoomin sin dagatee?
dhiira garaa abiddaa goota Ambo kessaa
baay’een si jaaladha Hacaaluu Hundessaa
atiis jajjabessi yaa Dawwit Taasisaa
Waaqni diinota kee biyyo ishee nyaachisa.
ulfadha
Guyyaan sirriittii gammadee lafaa utaalee waaniin qabadhuu fi gadii lakkisuu walaallee rakkoofi midhaa Artiistii ,qabsaawaa fi hayyuu kan tahee kadiir Martuu Simalee Gadaa dararaafi miidhaa mootummaa jalaa haftee baga asiin sigahee baga gammadee naafi jadhaani. oromoota bilisumaafi jadhanii wareegamaniifi Qabsaawaa jiran guyyaan bilisummaa fagoo hin jiru jabaadhaa naafi jadhaan
Ani kan jedhu yoo jiraate TOKKUMMA jabessa tokumma malee homuu hin danda.aman
tokkumman jiraannan ni mooona
we will get our freedom soon inshallah
kadiir martuu hin boohin dhalata harargee si qofa qabna
Kadi/martuu/bayee/sigaltofanaa//rabbini/bilisumaa /ummataa/oromo sihagisisuu//rabbumaa/kadhanaa/hudaa/keessanuu
Artisoota Keenyaa Dawwaati Sabaa Ummaata Oromoo Haayyuu,Beeka,Goota,Arjaa Falmaatota didaa gabirummaa jabaadha.
Kadi/martuu/bayee/sigaltofanaa//rabbini/bilisumaa /ummataa/oromo sihagisisuu//rabbumaa/kadhanaa/hudaa/keessanuu