Almaz Ayana fiigicha mitiraa 10,000 reekordi cabsite!
Fiigicha miitira 10,000 reekordi haara daqiiqa 29 fi seekendi 17tiin fiiguu dhan, atleet Almaz Ayaana seenaa haara galmeessite. Reekordi mitiraa 10,000 kana waggaa 23 booda kan cabsame yoo ta’u abba reekordi kanaa atleeti Wang Junxia lammii Caayina kan ture dha. Guyyaa har’a Jimaata, Hagayya 12 bara 2016 Oliimpika Riyoo irratti Atleetin Oromoo Almaz Ayana reekordi kana cabsitee seena haara kitaaba irratti galmeessite.
Dorgommii kanarrattii atleet Tirunesh Dibaba immo sadaffaa irratti daqiiqa 29 fi seekendi 49 dhaan xumurtu yoo ta’u, atleet Galataa Burqaa saddeettaffa irratti daqiiqa 30 fi seekendi 26 xumurte.
1 Comment
Bayyee Nama Gammachisa GALATOOMAA