• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


“Sababaa Afaan Arabaa Dubbadheef Xayyaara irra Nabuusani” – Adem Saleh

0 Comment
 23 Dec 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Adam Saleh Delta Airlines

Adem Saleh Delta Airlines irra buufame

Adem Saleh Sababaa Araba ta’eef Xayyaararra buufame

Yoona hundumtu keessan Oduu kana gurra isiin bu’u hin oolu. Nama maqaansaa Adem Saleh jedhamu dhalootan lammii biyyaa Ameerikaa dha. Ogummaa dhan ummata toora YouTube isaatin isa hordofu bohaarsu fi kolfisiisun beekama. Hojiiwwansaa keessa inni tokko Prank ykn fakkeessa hojjechuu jaalata. Yaada ummata sassaabuf waan hin jirree fakkeessuu dhan yaada fi miira ummataa vidiyoo dhan waraabu dhan toora YouTube irratti maxxansa. 

Guyyaa kaleessa Adem Saleh, London irra gara New York imaluuf xayyaara Delta Airlines hiriyaasa Slim Albaher waliin yaabbate. Utumaa xayyaara keessa jiruu, haadhasaatti bilbilee Afaan Arabaatin haasa’u jalqabe. Erga bilbila cufatee boodas hiriyaasaa Slim Albaher wajjiinis afaan Arabaa haasa’u itti fufe. Namootni Xayyaara kana keessa jiran afaan inni dubbatu kana isaanif hin galu waan ta’ef,  sodaarra kan ka’e loluu fi mufiisaani argisiisu jalqaban. 

Namootni mufii agarsiisa turan namoota harka 20 ol waan ta’aniif, Adem Saleh fi hiriyaansa Slim Albaher xayyaararra akka bu’an akeekkachiisan. Adem Saleh bilbilasaa ol fuudu dhaan wanta isaarratti raawwatamaa jiru kana live dhaan waraabe internet irratti facaase. “Sababa anii afaan biraa haasa’a jiruuf xayyaara irra nabuusa jiran”, jechuu dhan innis mufannoosaa ummata live isa hordofaa jirutti dabarsaa ture. 

Kallattii kanaan vidiyoo inni miidiyaa Hawaasa Facebook, fi Twitter irratti maxxansen namoota kumaatamootan lakkaawwameen daawwatame. “Namoota adii jibbaa afaan kootirra qaban maalif xayyaara irra hin buufne? anii maalif bu’u qaba” jechuun mormaa ture. 

Kanaan dura xayyaari Delta Airlines wantoota walfakkaatus raawwatani turan. Ji’oota muraasa duras namoota Islaama ta’an sababa shakkii irraa qabaniif xayyaararra buusani turan. Kan kaleessa Adem Saleh irratti raawwatames waanuma wal fakkaatu dha. 

Adem akka jedhuutti xayyaara Delta Airlines kana mana murtii olaana biyyatittii himachuuf akka qophaa’e sabaa himaale garaa garaa irratti barreefama jira.  

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


“OLF is Beyond Repair” Jawar Mohammed in 2009
November 21, 2016

Xalayaa Daawud Ibsaa Hoggana ABO Dhaaf Barreefame
November 20, 2016

Diraama Dheebuu Kutaa 60ffaa irratti goolabame
July 18, 2016





Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...