Sirna Gadaa Gama UNESCO’tti Galmeefame
Sirna Gadaa sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta’u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.
Magaala Finfinnee keessatti kora bebbeektota UNESCO sirna Gadaa kana qorachuuf warrii dhaabbatan ijaarame ture. Qorannoo fi qua’nnoo garaa gara waggootan darban kan gaggeessa turan guyya har’a Sadaasa 11, 2016 milkii dhan dhaabbatni UNESCO sirna Gadaa addunyaatti galmeessanii jiru.
Sirni kun kan waggoottan kumaataman lakkaawamu ummata Oromoo kan tajaajilaa ture yoo ta’u, sirna Gadaa kanaan kan madaalu addunyaa keessatti argamee hin beekamu. Saboota addunyaa irra jiran keessa ummatni Oromoo diiimokiraasi dhan ijoollef manguddoo jedhanii utuu hin qoqoodin wal bulchuu fi waliin buluu ta’usaa qarannoon gaggeefame ibsee jira.
Mootummaan Naanno Oromiyaa fi beektotni Oromoo waliin ta’u Sirni Gadaa Oromoo aadaa uummattoota addunyaa bakka bu’ee ambaa addunyaa ta’uun galmee yuuneeskoo irratti akka galmaa’uu sochii godhamu keessatti gaaffii fi fedhii gama uummataatiin jiru mul’isuuf mallattoo bakka bu’oota hawaasaa dhiyeessanii turan. Beektotnii Oromoo fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliin qindaa’uun, Sirna Gadaa Yuuneeskoon (UNESCO) galmeessisuuf sochii godhamu keessatti bakka bu’oota Oromoo gola Oromiyaa irra naannawun mallattoolee 540 bakka bu’oota hawaasaa irra funaaname ture.
Sirni Gadaa galmee bakka bu’ummaa Yuuneskoo (UNESCO) irratti galmaa’uun isaa maal fayyada?
•Gadaan hariiroon hawaasaa akka qajeelu kan hojjatu waan ta’eef jiruu fi jireenyi hawaasaa nagaa fi qabbana kan qabu akka ta’u waan hojjatuuf walitti bu’iinsa fageesse waliigaltee fi jaalala kan jajjabeessu waan ta’eef aadaan fayidaa qabeessi akkanaa akka beekamuu fi jajjabeeffamu taasisa.
• Aadaan Oromoo addunyaarratti akka beekamu, seenaa fi duudhaaleen ummatichi qabu sadarkaa addunyaatti beekamee akka dhalootatti darbu haala mijaa’aa uuma.
• Aadaan aangoo siyaasaa karaa nagaatiin, eebban dabarsanii kennuun, Oromoon uummata aadaa dimokraasii qabu, uummata ilaalchaan qaroome ta’uusaa wanta ibsuuf uummattoota birootiif fakkeenyummaan isaa guddaa dha.
• Aadaan dimokraasii uummanni kun qabu sadarkaa addunyaatti beekamtii argatee kunuunfamee, tikfamee akka dhalootatti darbu gargaara.
• Ilaalcha dogoggoraa srma Gadaarra ture mormuun maalummaa Gadaa ifa baasee Oromoon uummata aadaa dimokraasii qabu ta’uusaa ragaadhaan mirkaneessuun dhugaa kana addunyaan akka amanee fudhatu godha.
• Aadaan uummanni Oromoo qabu aaddunyaarratti beeksisee hawwata tuuristii akka ta’u gargaara.
• Bulchiinsi ammayyaa sadarkaa biyyaattis ta’e sadarkaa naannootti jiru Sirna Gadaarraa muuxannoo isaan fayyadu bulchiinsa ammayyaa waliin walsimsiisuu akka fayyadaman karaa bana.