
Boombii – Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Irratti
Boombii Walatajjii irratti darbame
Guyyaa har’a hiriira deeggarsa muumicha Ministeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimadiif Finfinnee keessa haala ho’adhaan gaggeefamee ture. Hiriira kanarratti sabaaf sablamootni biyya Itoophiyaa keessaa qallattii afranuun magaala Finfinnee addabaabbayi Masqalaa irratti argamuudhan deeggarsa isaani muldhisaa turan. Hiriira kanarratti Dr. Abiy Ahimad argamanii haasaa onnachiisa fi abdii namatti horu gabaabsanii dubbatan. Haasaa isaanii erga tumuranii ummata isaani galatoomfatan booda bombi harkaa gara teessummaa waltajjichaa akka darbameetu dubbatama.
1 Comment
Baga rabbi nuuf baase, waraabessi guyyaa ija nu qabuf kaate duraani hin milkoofnef malee