Oromo Music Award
Guddina saba tokkof aartiin lafee dugda ta’usaa wal nama hin gaafachiisuu! Artii guddisuuf immo dirqama saba sanaati. Artii maali yoo jettan? guddina afaanichaa, seenaa sabicha, aada, duudha umatichaa, guddina siyaasaaf, heeraf seera akkasumas ittin bohaaruf kan umaticha tajaajiluu dha.
Gara yaada ijjoo dubbii keenyatti yoo deebinuu Yaa’i Gulallee Film Prodakshinii televishiina OBS waliin ta’u dhaan sagantaa adda Oromo Music Award qabatee yeroo dhiyootti isiin bira gahuuf qophiisaa xumuratee jira.
Oromo Music Award filanno ogeessotaa fi Ummataan kan gaggeefamu yoo ta’u. Karaa SMS, toora interneetan sa’a ilaalame fi View (daawwatoota) isaa waliin. Jabina walaloo fi yeedaloo akkasumas ergasaa, miksii fi areenjimentisa muziqichaa, qulqulina vidiyoo fi cimina kerograa fkkf namootni martuu kan hojii kanatti hirmaatan dorgomichaa moo’atan ni badhaafama.
Artistootni Oromoo kan dorgommii Oromo Music Award kanatti hirmaachuu barbaaddan. Sirba ammayyaa fi kan Aada lama qabattanii gara teessoo Istudiyoo Yaa’ii Gulallee Film Prodakshin, Lakkofsa 1 Boole Wallo-safar, Shawaa Suparmarket fuul-dura. Biiro lakkofsa 2 Gulalle mana barumssa madanalami cinaatti argama. Lakkoofsa bilbilaa immo +251 982161534 ykn +251 911979373
Kanneen biyyaa alaa jiraatan immoo haalasaa isiniif mijjeefamee akka isiniif beeksifamu waada isiniif galameera.
Galatooma!