Pirofeesa Hizqeel Gabbisaa Hiika Oromummaa Wallaale!
Prof. Hizqeel Gabbisaa dhaaf.
Barnootni qaroomina dha. Hiyyummaa, doofummaa, gabrummaa fi wallaalummaan barnootaan ykn nama barateen badu. Nama barateetus sabaaf qabsaa’a. Yeroo tokko tokko beekumsaa fi qabeenya barnootan horatan namootni tokko tokko haalaa fi bakka hin malletti yeroo fayyadaman agarra.
Oromoon hayyootaa, abbootii qabeenyaa, humna jabaa fi qabeenya uumamaan badhaadhaa ta’uusaa Oromoo miti diinni inni kaabaa itti godaaneyyuu ni beeka. Nuti akka sabaatti wal duukaa gabroomne, kufne, hidhamne, ajjeefamne, biyya keenya Oromiyaa irraa Oromummaaf jecha ariyatamne.
Dhugaan kun hayyoota keenya hedduu dhibbootaan lakkaa’aman osoo akka nama dhuunfaatti ramadamanii miindaa gaarii itti nyaachuu danda’anii, sabaaf jecha dhiigni isaanii dhangala’ee kaan ammoo mana hidhaa keessatti manni dukkanaa itti cufamee qalamni ija isaanii jijjiiramee kan keelloo ta’e hammana kan jedhaman miti.
Haati fi Abboolii Oromoo dachee Oromiyaa irratti osoo kabajamuun irra jiruu akka sareetti lafarra gototamaa kan jiranis Oromummaa fi Oromiyaaf qofa dha. Haadholiin Oromoo hedduun uffata gaddaa akka amantaa isaaniitti yeroo itti uffatanii fi gabaan guutuun waan awwaalcha bahee namatti mul’atu keessa jirra.
Nuti warri Oromiyaa keessa jirru bilisummaa hawwiif jecha diina haga funyaaniitti hidhate fuuldura dhaabbannee dhumaa jirra. Nama biyya alaa jiraatu tokkotti tarii itti hin beekamu ta’a. Kan ala jiraatu fageenyarraa interneetaan waan hordofuuf salphatee itti mul’achuu danda’a ta’a.
Akka itti seensaattan yaada kanaa olii kaase malee miilli koo gara biraa ture. Hayyoota qabna jennee osoo of tuulluu hayyuu keessaa hiyyuu agarre. Gidduu darberraa kaasee ykn kanaan duras hamii deemaa ture irraa waan argaa fi dhaga’aa ture hedduu hin amanne ture. Amma garuu arguun amanuu dha seera jedhu sana fayyadamee eenyutu eenyu waan jedhurraa ka’uun waa’ee hayyuu tokkoorraa dubbachuufan deema. Isin hayyuu jedhaa ani hiyyuu jedheen waama. Maaliif yoo jettan nama hojiisaa malee waraqaa inni barreessee waaqaan gahe ykn barnootarratti barnoota inni barate miti.
Maqaa Oromummaan namni dalagaa ture Prof. Hizqeel Gabbisaa namni jedhamu yeroo ammaa kanatti biyya Ameerikaa keessaa Yuunivarsiitii dhuunfaa tokko keessa namni barsiisu yeroo hedduu karaa miidiyaa adda addaa as bahuun waa’ee keenyarraa akka dubbachaa ture namuu ni beeka. Namni kun gaafa dubbatu nama sirbu fakkaata. Afaansaa keessaa dammatu waan dhangala’u fakkaata. Garuu, hojiin akka afaanii hin taatu akkuma jedhan yeroo dheeraaf qabsoo Oromoo kana keessatti dhukkuba ulfaa’uun nama rakkisaa ta’e dha.
Fagoo osoo hin deemne namni kun erga haadha warraan gargar baheen booda yeroo adda addaatti gara biyyaa deemuun Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti ramadamee hojjechuuf yaalii gurguddaa godhaa tureera. Yaaliinsaa waan fashalaa’eef gara Yuunivarsiitii Koollejjii Rift Vaalii dhaquun Piresdaantii ta’uufillee kufee ka’aa ture. Dhimmi kunis fiixaan bahuufii didnaan gara Ameerikaatti deebi’uun adabatee taa’e.
Namni kun biyyatti yeroo deddeebi’aa turetti eenyu faana wal qunnamaa ture isa jedhuuf naaf haa turu jechaa ammaaf yaaduman ibsuu barbaaden ibsa nan ofkolchaa. Prof.Hizqeel namoota akkasaa waa’ee Oromoo fi Oromiyaa irraa dantaa hin qabne kanneen garaaf jiraatan walitti qabachuun gartuu fi qabsaa’ota Oromoo haqaaf socho’an yeroo adda addaatti madeessaa fi okkolchiisaa nama turee fi jiru dha.
Ragaan jalqabaa yeroo dhiyoo kana Sadaasa 11-13 biyya Ameerikaa, Atilaantaatti kora gaggeeffame keessatti Chaartara Bilisummaa jechuun nama gahee ol aanaa taphate keessa namni tokko isa. Chaarterri sun akkuma namuu irraa quba qabu rakkoo fi balaa hedduu fiduuf akka deemullee waan gurraa qabdan fakkaata. Barreeffama achi keessatti barreeffame hedduunsaa dantaa Oromiyaa kan eegsisu osoo hin taane dantaa Itiyoophiyaa akkasumas haaromsa Wayyaanee kan mirkaneessus ture.
Prof. Hizqeel Gabbisaa Sirna Gadaa nan beeka jechaa wantoota Sirna Gadaa faallessan Uummata Oromoo keessa facaasuu irratti nama mudhii hidhatee hojjetu dha. Namoota akka Jawaar Mohaammad kanneen miidiyaa hawaasaa irratti beekamtii Uummata biraa qaban fayyadamuun karoora Itiyoophiyumma isaa galmaan gahachuuf nama hojjetaa jiru dha.
Inni kan biraan namni kun Oromiyaa bilisoomsuun dura maatiisaa bilisoomsuu qaba. Uummatni Oromoo akka maatii Prof.Hizqeel kanatti jiraachuuf carraa hin arganne hedduutu jira. Inni biyya alaa keessa taa’ee Itiyoophiyummaan kan maatiisaa guddise yoo ta’e Sabni Biyya Itiyoophiyaa keessa jiru garuu gabrummaan maqaa Itiyoophiyaan narratti fe’amu kun na haa gahu jedhaa jira.
Prof.Hizqeel kana waan wallaale natti hin fakkaatu garuu tuffii fi maal na gootiidhaan guutamuun dhiiga ilmaan Oromoo irratti waan adeemsisaa jiru malee. Kanaaf maal ragaan kee kan naan jedhu hin dhibu. Ragaan ani qabu kana olitti kanan ibse isa tokko dha. Inni kan biraan suuraalee marsaa hawaasaa irra torbanootan dura faca’aa turan ragaa dha.
Prof.Hizqeel kan suurri mucaa dubaraa Haaraa Gabbisaa jedhamtuu faca’aa turuusaa argus callisee isheerratti hiin dhiifne. Ofiisaas Facebook matasaa irratti fidee maxxansuun baga eebbifamte kan jedhu labse. Suura sanarra ergaa hedduutu jira. Namni Oromoofan qabsaa’a jedhu sammuu Itiyoophiyummaa waan qabuuf malee silaa alaabaa Itiyoophiyaa intalti uffatte sanaa waliin suura hin ka’u ture.
Dabalata tuffii guddaan guutamuun ofiisaas fidee suura sana fuulasaarratti maxxanse. Mee Oromoon akkamitti nama akkanaa kana simatee hoogganasaa godhee ittiin buluuf deemaa osoodhuma milkaa’inni bilisummaa dhufeellee? Deebiisaa dubbiftootaaf dhiisa.
Egaa namni mana keessaa Kitaaba Qees Abbaa Baahiree daa’immaansaaf galgala galgala iddoo tokko dubbiseefii ati Itiyoophiyaa malee Oromoo miti jedhaa guddise akkamiin daa’immaan Oromoo warra Oromummaa dhaadhessaa guddatan guddisuu, kalaquu, barsiisuu fi qaruuf deemaa?
Kanaan booda Uummatni Oromoos ta’e beektonni kamuu dhimma nama kanaa fi gartuu inni qindeessuun gabrummaa Itiyoophiyummaa jedhu hiyyeessota fi gadadamoo ilmaan Oromoo bara dheeraaf uleen gabrummaa reebe irratti ammas dabalataan fe’uuf deemu kana qolachuu qaban.
Akka dhaamsaa fi gorsaatti Prof.Hizqeel yoo barreeffama kana agartee dubbifte taate ani Oromiyaa taa’een siif barreessaa jira. Ani biyyee fi biyya koo irraa hin baqadhu jedheen lammii koo faana du’uuf murteeffadheen jira. Atii fi fakkaattonni kee dhiiga nuti dhangalaasaa jirru, lafee nuti itti cabaa jirruu fi hidhaa nuti itti hidhamaa jirru kanatti fayyadamtanii Itiyoophiyummaa yoomuu taanaan nutti akka hin feene gamanumaan akka beektan.
Maatii kee yoo feete alaabaa mormatti kaa’uu miti wandaboosaa hodhisiiftee itti uffistee gabaa naannessuun mirga dha. Wanti nama qaanessu tokko yoo jiraate mucaan dubraa kee ijoollee dha waan hiriyyoonni ishee godhan gochuu, uffachuu malti ta’a. Ati garuu beekaa Seenaa akkasumas nama siyaasa Oromoo sirnaan beeku taate sammuu mucaa dubraa sanaan qixxee yaaduun kee qaanii guddaa dha.
Ati kanaan booda siyaasa Oromoo keessaa harka fudhachuu ykn karaa dhugaa fi Oromummaaf deebitee qabsaa’uun sirra jiran jedha. Oromoo fi Oromiyaan nama akka kee doolaaraa fi dhugaatiin goowwomfaman hin dhalle. Hin dhalatanis. Kan dhalates hiddisaa gogaa jira. Wayyaanee biyyarraayyuu dadhabneerra wayyaanee akka kee kan biyya alaatti biqile garuu achumaan ofirraa deebisuuf nuti qophii dha.
Seexana Saafaa
Oromiyaa, Finfinnee
Sadaasa 28, 2016
Halkan keessaa sa’a 3:23 AM
HUBACHIISA:
Barreefamni kun yaada marsariiti Xalayaa.com hin ilaallatu. Barreefamni kun yaada dhuunfa fi ejjannoo abba barreessee fi warra yaada akkasaa qabu ibsa. Komii barreefama kanarra warrii qaban yoo jiraate, Marsariitiin kun, Xalayaa.com itti gaafatamumma tokkoyyu hin fudhatu. Yaada wal fakkaata ykn yaada wal falmisiioo barreefama kanarra yoo qabaattan isiniis gama iimeeli keenya nuqunnamtanii nuuf barreessu dandeessu!
1 Comment
dubbii hamilee nama cabsu dafnee osoo darbachuu baannee ba’eessa.kaayyoon qabsoo galma ga’umsaaf ta’uu qaba.Jibbinsa osoo hin taane,malaan wanti godhamu kamiyyuu gantummaa nama hin jechisiisu,yoo xiqoo itti dhaggeeffanne ba’eessa ta’a.Sa’a abban gaafa cabse hormi ija jamsa jedhama.keenya numatui tikfata,gorfata.Kuninis dogongora jabduu qabsoo gufachiisu natti hin fakkatu.Yaa waan ofii marti keessan dubbii liqimsaa mee itti yaadaan dhamsa kiyya.oggaa waa kataban tarii namatti tottolti garuu bubbultee lafee nama cabsiti.Achuimaan yaa oromo ilaalladhaa yaala kadhaa!!!!!