Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
~Simarsan
Sabni tokko saba guutuu ta’ee jiraachuuf waan hedduutu isa barbaachisa. Fakkeenyaaf,akka Sabaatti sabni tokko Afaan mataasaa kan dubbatu qabaachuu qaba. Afaan qabaachuu qofa osoo hin taane Afaansaa sana guddisuu fi gara Afaan hojii,barnootaa,qorannoo fi teeknooloojii gurguddootti ol guddisuun Saba guddate ta’uu qaba.
Nuti Sabni Oromoo baroota dheeraaf cunqursaa gita bittootaa gara garaa jala yommuu jiraachaa turree fi jirrutti Afaan keenya,aadaa fi duudhaa keenya irratti cichinee asiin geenyee jirra. Dhiigaa fi lafee wareegamtoota keenyaan Qubee har’a itti fayyadamnu kanas argannee jirra.
Afaan Oromoon amma ittiin barreessinuu fi sadarkaa miidiyaatti xiqqaatus itti gargaaramaa jirru kun bu’aa dhiiga gootota hedduu ta’uusaa namni wallaale jira hin fakkaatu.
Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko namoonni Afaan Oromoo haga barbaadamu deemee waan jiru itti fakkaatu hedduu dha. Afaan Oromoo haga barbaadamu hin deemne. Afaan Oromoodhaan kitaabilee,Fiilmii fi hojiileen saayinsii hojjetaman muraasa dha. Yommuu akkas jennu sochiilee fi dadhabbii dhaloota Qubee bishaanitti naquu miti. Dhalootni amma jiru kun keessumaa karaa marsaalee hawaasaa hojiilee nama boonsan hojjechaa jira.
Egaa kun akkuma jirutti ta’ee haalonni nama yaaddessan hedduunis mul’achaa jiru. Dhalootni keenya kun dhaloota mormu,haqaa fi dhugaa irratti of wareegu ta’uun ni beekama. Keessumaa ilaalchi amma qabnu ilaalcha bilisummaa of gonfachiisuun biyya nagaa fi bilisa keessa of jiraachisuu dha.
Biyya bilisaa fi nagaa keessa gaafa jiraannu immoo waan hedduun nu barbaachisu.Afaan keenyallee haala boonsaa fi barbaachisaa ta’een dhaloota dhaalchisuun dirqama. Kun ammoo haala barreeffama keenyaa dabalata.
Dhalootni warri Qubee fide walakkaadhaa ol lafarraa deemeera. Dhalootni amma jirru garuu dhaloota Qubee Hudhe taanee yerootti argamnutu jira. Dhaloota Qubee Hudhe jechuun kan seeraan hin qubeessine,haala loqodaa ykn dubbiin kan barreessus dabalata.
Afaan Oromoon bal’aa fi loqoda adda addaa akka qabu beekamaa dha. Haa ta’u malee,Afaanota Addunyaa kamuu keessatti haalli dubbii fi barreeffamaa garaa gara dha. Yoo dubbii irratti garaa gara ta’ellee barreeffamni gosa tokko dha. Kanafimmoo Afaan Ingiliffaa biyya Ameerikaa fi kan biyya Ingilizii fudhachuun gahaa dha. Biyyoonni kun lamaanuu Afaan tokko dubbatu. Haalli itti dubbatan garaa gara. Barreeffamni garuu tokko dha.
Afaan Oromoo irrattis hanqinni kun hedduu mul’ata. Dabalataan marsaa hawaasaa irra dhalootni jiru kan Qubee qubeessuu beeku harka xiqqoo dha. Irra caalaan barreeffama namoonni barreessan akeeka ka’ameef kan faallessan dha. Kunimmoo hedduu nama yaachisa.
Yeroo hedduu dhimmi Qubee qubeessuu yommuu kaafamu yeroon amma keessa jirru yeroo qabsoo malee dhimma Qubee miti jedhama. Osoo dhimma Qabsoo jennuu waan of harkaa qabnu darbannee gatuutti jirra. Dhalootni amma jirru kun waan kana hojjechuu irratti qooda fudhachaa waan jirru hin fakkaatu. Dhalootni badaa jira. Yommuu Oromiyaan bilisoomtu dhaloota doofaa fuunee keessa jiraachuu qabnaa? Hin fakkaatu. Qubee fi Afaan Oromoo irratti hojjechuun qabsoo isa ol aanaa dha.
Afaan keenya nuun ilaallata. Nutu guddisuus ta’e quucarsuu danda’a. Haala amma deemu kanaan gara duubaatti foqoqnee haala barreeffama Afaan Oromoo balleessaa jirra. Namni kamuu haala amma dhalootni kun keessa jiru itti yaaduu fi irratti hojjechuu qaba.
Blog Simarsan irra; https://oromoprotests.wordpress.com/2017/03/11/warri-qubee-fide-warra-qubee-hudheen-bakka-bue-simarsan/
3 Comments
Jabbadhaa jabbadhaa mee
nuttitoleet jira
dhugaadha. akkuma deemame jiru deemsa dheeratu nu hafa kanaaf lammiin jajjabachu qabna