Maammiltoota keenyarra!
Gurraandhala 21, 2016.
Oromoon aadaasaa, eenyummasaa fi seenaasa akkaata itti ibsatuu hedduu qaba. Hundasaa isiniif tarreessuun hanga urjii lakkaa’uu ulfaatullee akka fakkeenyaatti, aadaa nyaataa, uffannaa, fuudhaafi heerumaa, ayyaaneeffannaa, Waraana duulchisuu, walgargaarsaa fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Asumarrattii ammo aadan Oromtichaa hammam akka bal’atuu tilmaamun nama hin rakkisuu.
Aada Oromoo kanneen keessa, aadaan fuudhaa fi heerumaa ummata Oromoof iddoo guddaa qaba. Kan fuudhuu fi kan heerumuu haala seeraa fi heera naanno isaa waliin wal qabsiisani wal gaggeessu. Aada fuudhafi heerumaa Oromoon qabduu kanneen naqataan, kaan sabbatamarii dhaan, kaan butii dhaan, kaan hawweedhaan bultii ykn mana dhaabbata. Oromoota Arsii birattii kan filatamaa fi kan jaallatamee kabajamee, naqataan walfuuchuu ta’uusaati.
Akkaa aadaa Oromoottii, fuudhaa fi heeruma naqataatin kan raawwatu fedha intalaa fi gurbaa akkasumas fedha maatii isaanii irratti hunda’a. Dursa intala fuuchuuf osoo hin beellamiin, gurbaan intala inni jaalatee ykn ilaalate sanattii obboleetti ofii ergata. Yoo obboleetti hin qaabaanne ta’e, dubrii ergataa, ykn hiriyaa (kan fuudhaf safuu) ergata. Obboleettin gurbaa ammo intala san hamma guyyaa murtaa’e tokkotti, Gosa ishii, maatii ishii, haalaf amala ishii, namusa ishiin qabduu, fi akkaata hojii itti hojjettuu qorataafi.
Akka aada Oromoota Arsiitti, intallii atii fuuchuuf deemtu intala gosa kee ala ta’u qaba. Kana jechuun ammo, akka fakeenyaatti gostii gurbaa yoo Walashee ta’e, inni gosa Walashee keessa gonkuma fuuchu hin danda’u. Nama gosa kee keessatti dhalate fuudhuf immo safuu cabsuu dha akka qaanyittii ilaalama. Oromoota biraa birattiisa aadan akkanas hin argama. Kunii akkaata Oromoon tokkummaa dhan wal keessa fuudha jiraacha jiru agarsiisa. Gosa intalaa, haala ishii, amalaa ishii fi haala maati ishii keessumattu kan haadha ishii erga qoratamee booda, gurbaan yoo jaalatee ta’e abbaasaa ykn warrasaatti himataa.
Warrii gurbaa kun manguddoota gosasaani fudhatanii gara wara intalaa imaluu. Warrii intalaa ammo yeroof waan hin qophoofneef guyyaa biraa beellamaniif. Hanga guyyaan beellama gahuutti, warrii intalaas manguddoota waamanii akkaata intalasaani ittii heerumsiisan mari’atan. Intalli isaanis namnii akka ishee kadhatuuf dhufee itti himan. Intalliis, guyyaa beellama gurbaa sana ilaaltee yoo jaalattee ta’ee itti heerumtti. Murtii maatii ishii caala, kan murtii intalaatu dursa akkaa aada Oromoota Arsittii.
Guyyaa beellama warrii gurbaa, fardaan gara intalaa imala. Gurbaan manguddoota gosasaa 8 fi manguddoota gosa intalaa 1 fudhatee deema. Waliigala manguddoota 9 keessa immo, 7 dhiira 2 dubra ta’u qaba. Kuniis walqittummaan fi demokraasiin Oromoon qabuu agarsiisa. Yeroo kanattii kennaa warra maatii intalaaf fiduun hin barbaachisuu. Tarii, warri maatii intalasaani kennuu diduu mala. Garuu warri gosa intalaa dhaangaa, marqaafi aannan itittuu, keessummaaf qopheesani eegu. Dhaanga kana kan qopheessu wara intalaa osoo hin taane, haadholee gosa intalaatu qopheessa. Kuniis kan agarsiisuu kabajaa gosootni Oromoo Arsii waliif qabu agarsiisa.
Manguddoota warra intalaafi warra gurba walii mari’atanii intallii yoo tolee jettee, naqataa isaan barbaadan hunda waliin dubbatuu. Erga waliigalan booda, guyyaa gaa’ila isaani beellaman. Hanga guyyaa beellama cidhasaani, gurbaan manasaa ijaarata. Obboleetti fi haati gurba mana mucaasaani faayaa garagaraa dhan midhaagfataniif. Gurbaanis hanga guyyaa cidhasaati naqata intalaaf maluu qopheessa. Kana jechuun ammo maatii warra gurbaa, kennaa barbaachisa ta’e intalaa fi maatii ishiitif qopheessani guyyaa beellama gaa’ila eegu.
Guyyaa beellama immo, warri gurbaa fardasaani faayani gurbasaani faarsaa gara intalaa imaluu. Adeemsii kunii hamoommata jedhama.
Jettee immimmaan dangalaaste
Warrii gurbaa haala kanaan mucaasaani hamoommata dhan faarsanii gara mana intalaa imalan.
Yeroo mana italaa geessan ammo. Ilteedhinna jedhanii, manguddootni wal dhungatanii wal keessumeessan. Ammas utuu cidhnii hin calqabiin. Naqata warra maatii akka guutame ilaalani mirkaneessu. Warrii gurbaa, gogaa qeerrensaa abba intaalatif uffisaa, haadhaf immo goga bosonuu shixxo uwwisee itti uffisaa. Amma garuu aadan kunii badeera waan ta’efi ummatii bidilibsii fi gaabi wal uffisuu.
Erga heerri naqataa maatii intalaa guutamee booda. Warrii maatii dhangaa isaan qopheessan wal nyaachisanii, wal obaasani, dhaadi dhuganii kolfanii taphatuu. Cidha booda gurbaan intala fudhatee gara manasaa sirban gaggeessan. Warrii intalaa intalasaani faarsanii gaggeessu, warri gurbaas gurbasaani faarsanii manatti gaggeessu.
Harkan gayachuuf fiixa arrabsaa
Warrii intalaa haala kanaan sirbanii taphatanii intalasaani gaggeessan.
Yeroo qe’e gurbattii gahan immo, utuu ol hin seenin ammas haadholeetu eebbisee itti tufa! Ergasii osoo gurbaan qe’etti ol hin seeniin. Akka aada Oromoota Arsiitti, intalatuu dursee manatti ol seena. Yeroo kanattii intallii imimmaan buustee waan boottuf, hiriyoota ishii waliin ol seenti. Hiriyootni ishii jajjabeessani sirban ishii faarsanii olseensisuu.
Turtii muraasa booda, hiriyoota intalaa, gurbaaf mana gadii dhiisan. Gurbaan yeroo kanatti ol seene guyyaa galgalaa cidhasaani wajjiin turan. Halkan guutuu firaaf ollaan hunduu sirba taphatanii gammachuu dhan oolan.
Akka aadaa Oromoota Arsiitti, erga namnii lama wal fuudhe torbaan tokkoof maati fi firootan isaani waliin wal hin arganii. Kuniis kan ta’e kabajaa gurbaafi dha.
Haala fuudhaa fii Heeruma Oromoota Arsii (Baale fi Dida’a) haala kanaan isiniif qopheesine. Irra akka waa barattan abdii qabna!
HUB: Gosa OromooArsii yeroo jennu kutaa #Arsii qofa mitii; kutaa #Baalees dabalatee jechuu dha.
3 Comments
Aadaa ofii aduu ofiiti! Aadaa teenna guddisuun dirqama Oromummaa hundaati!
Qomoon kiyya adaa keenna mudhisuuf yaalu kanaan baayyee galatoom jedhaan. kana qinddeessuu fi barreessuuf yeeroo kee hangam akka gubde tilmaamuun nama hin rakkisu.
Ani nama aadaan kun ammas itti jirutti dhaladhee aaduma kanaan kunuunfamee guddadhe waan ta’eef yaada sirreessaa xiqoo ibsuun yaaleetii Nahofolchaa.
Aadaa akkanaa yoo barreesinu uduu dabalataan naannoos ta’ee nama heddu irratti dubisnee (nama adaa san qoratee fi argamnaan keessatti guddate jechuu kiyya). ergaan aadaa sanii dogongora jechoota xiqoodhaaf jijjiiramuu waan maluuf
Fakkeeynaaf:
♥”Abbaa mooheetu nageeggesse” hin jedhamu
“Aabbaan fooyee nageegesse” jedhama. “Aabbaa” n maqaa kabajaa kan soddaa/ abbaa intala/idaayyaa heerumtuut. “fooyee” n horii/loon abbaan intalaa kenne irratti hundaayanii isa faarsu, geegayoo/jelkaaya jedhama.
♥”Osoo boo’u galgaleessee” hin jedhamu
“Osoo fooyuu galgaleessee” jedhama. loon hedduu/baayyee keessaa geegayoo baayee osoo yaasu jechoodha.
♥”Booyee garaa na qabbaneesse” hin jedhamu
“Fooyee garaa na qabbaneesse” jedhama. nagammachiise jechoodha.
♥”Erga namni lama wal fuudhee torbaan tokkoof maatii fi firoottan isaani waliin wal hin argan” MIT, NO definitely NO.
Dheebuu Jaalala wal hawwaa turanii akka sirritti bayaniif jecha hojii hunda lamaanuu irraa salphisanii akka bashannanan gochuuf torbaan tokko kennamaaf, “Idaayyaa” jedhamu (isa honey moon) jedhamuun wolfakkaata. intalti manaa fi warra saniif keessummaas waan taateefs. yeeroo kana keessatti “Gola” turti jechoodha. Firaa-fiixaan yeroo kanatti iddoo isiin jiraatutti dhufanii baraniin jechuudha. Firri dhiiraa marti fira isii ta’a jechoodha.
Qabeenni maatiin/firri gurbaa kennuufis yeroo kana keessa kennamaaf.”Dhoofsisa” jedhama. iddoo lamaanuu argamanitti hooriis ta’ee lafa itti mudhisanii keessani jedhuun.
♥ “Hennaa kadhatu fiixa cacabsa” mit
“Hennaa kadhatu wiixaa cacabsa
harkaan gayatu fiixaa arrabsa” jedhama “wiixaa” jechuun migira jechoodha. yeroo kadhatu jaalala qabsiisuuf jechaa iddoo isiin wiixaa faaya adda addaa ittiin tolchuuf cabsitutti bira deemee waliin gargaaree cabsa jechoodha. “Fiixaa” jechoon fira foonii jechoodha. Kan jedhus idaayyaa odoo hin taane wara idaayyaa ta’anii ijoollee durbaati (ashoo ashilaa mana intalaatti taphatamu keessaa isa tokko). isas jaalli ykn gurbaan fuudhu maallaqa haa kennuufiis sisaan tuqu jechoodha.
Isinitti baayyessee dhiifama jechaa kuni aadaa akka galaanaa ballatu keessaa fadhaanaan (spoon) waraabuu waan ta’eef abbaan Rabbi laafiseef balinnaan irratti haa dalaguu jechaa ammas waan balleesse maraaf nahofolchaa jedhaat nagaya isinitti dhaamadha.
Horaa bulaa!!!
arsiin aadaa fuudhaafi heeruma dabalate aadaallee gargaraa kan nama boossanii qaba waan ta.eefi sirriiti barreessaa. jajjabadhaa isin woliin jira