• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Abune Pheexiroos (Magarsa Badhaasa) Eenyu Ture? Dhuguma innii Oromoo dha?

6 Comments
 08 Feb 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Oromticha Qulqulluu Jaarraa 20ffaa- Wareegamaa Qulqulluu Abune Pheexiroos

Abune Pheexiroos

Abune Pheexiroos (Maqaa dhaloota: Magarsa Badhaasa)

“Gammachuu cubbuudhaan argamu irra uummata Waqaayyoo waliin gadadoo arguu filate” Ibroota 11:25

Bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan. Warri isaanii irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa Magarsaa akka ta’e himama. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’anu. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondar, akkasumas Gojjam fi Walloo deemuudhaan baruumsa afuurawaa qo’atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turanii dha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu(Zuwaay) dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisa turan.

Abune Pheexiroos

Abune Pheexiroos haala uffanna saanii. Uffatnii kuniifi maskallii isaani Magaala Baatuu(Ziway), Oromiyaattii argamaa.

Godina Arsii Aanaa Zuwaay(Baatuu) Dugdaa Hora Danbal irratti kan argamtu godaambaa afuurawaa Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi Masqaliin isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Tullu Guddoon bara mootuu Yoodit Tabotni Tsiyoon waggaa 40 iddoo itti dhokattedha. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Masrii, Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf manneen kiristaanaa gubaa, namoota ajjeesa turanitti qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan.

Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaales kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du’aa irratti murteessan. Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa; ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” dubbii jedhu dubbatan ture. Xaaliyaanotni uummatni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa maaloo jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.

Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa’aatii ilaallatan sodaan tokkollee irratti hin muldhatu ture. Haa ta’u malee abbaan murtii inni murtii du’aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.

Naannoo addaba’aaba’ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu/rukutuuf taasisaa ture.

Abune Pheexiroos

Siida Abune Pheexiroos (Maqaa dhaloota: Magarsa Badhaasa). Finfinnee Birbirsa Gooro/Piyaasattii kan argamu.

Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa ortoodoksi bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabotni maqaa isaaniitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yemmuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.

Siidaan isaanis Finfinnee Piyaasaa/Birbirsa Goorootti argama, yeroo gabaabaaf sababa misooma daandiitin ka’ee kan ture yoo ta’u Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajaan deebi’eera.

Maddii oodeefanno: Sagalee Dhugaa Ortoodoksi




Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



6 Comments

Mesfin Zewdu
9 years ago



Ququllu nama rabbii bara dhiyoo isaan qoofa kan taa’nii kan ibsuu!!! qaaman nubira dhabamanuus afuurii qulqullu isaanii rabbi wajjin nuu haa araarsuu!!!Amiin!!!

Gebre Mariam Mellese
9 years ago



Sagaalee jireenya bara baraan isaani dhagesisuu

Roben biniyam TD yaadata
9 years ago



Seenaa akkas dhokkaate ture nubaasu keessanif waaqayyoo m/isaarraatti sin ha yaadatu.ebbifama

endashaw
9 years ago



Jabadha Waqayoo sagalee jireenya siin haa dhagesisuu!

hora sanbata itafa
9 years ago



seenaa gototaa oromoo kan dhokatanii jiraan akkasumas enyumaan issanii kan dhokfamee heddutuu jiruu aderaa kessan namonii birroos ifaa basaa xalayaa jalalatif gumachaa. bayye galatomaa warii fulaa xalayyaa jalalaa jabadhaa!!!!

Guutama
9 years ago



Baay’ee nama tola






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...