BAQAQAA KOOMEE KOO!
Barreessaan: Odaa Gurree
Ani jaarsa guddaa umuriin koo waggaa 65 ti. Ergan dhaladhee guyyaanitti taa’ee boqodhee aara galfadhe hin jiru. Lafti bariitu dhiitu kan koo jooraa fi dadhabii dha. Waggaa 65 kana keessatti bu’aan buufadhe yoo jiraate goophoo dugdaa fi baqaqaa koomee koo qofa.
Lafaa fi bultii gaariin qaburraa bara Dargii keessa gara dirree waraanaattan ergame. Baran achi ture keessatti gara maatii kootti deebi’ee argee dubbisuuf carraas ta’e eeyyamma hooggantoota koorraa argachuu hin dandeenye.
Biyyoota ollaa mara keessa deemuun dirqama koo hedduu baheen jira. Xalayaa maatii kootti yeroo maraa nan barreessa garuu isaan biraa gaaf tokko xalayaan gaafa naaf deebi’ee ergamu argee hin beeku.
Kun hunduu gaaffii waan natti ta’uuf yeroo maraa hiriyyoota koo akkuma koo maatiif xalayaa barreessan nan gaafadha ture. Kan isaan naan jedhan ”obsi guyyaa tokkoo siif erguu malu, Bakka itti ergite dogoggora yoo ta’eef mirkaneessii” kanuma qofa.
Yaaddoon koo kanarra darbee hedduu natti cime. Yeroo maraa tarii maatiin koo lubbuun dhumaniiruu laata kan jedhus natti dhagahama. Yeroo tokko tokkommoo lakkiii xalayaa isaan naaf barreessuu hin dhiifne ta’a garuu warra isaan itti ergantu karaatti hambise ykn immoo bakka itti ergan dogoggoran ta’a jedheen of jajjabeessa ture.
Egaa turtii koo waggaa 14 waraana keessa tureen dhumarratti cinaachi koo gar tokkoo rasaasaan waan rukutameef akkan waraana gadhiisee bahu itti gaafatamtoonni koo murteessan. Gaafan achi bahuu harka qullaa xalayaa gadhiisee bahuu koo qofa naa laachuun gara biyya dhaladhetti na deebisan.
Waraana keessatti cimina lolaa fi kallattii diinni jiru adda baasanii beekuutiin kutaa waraanaa ani keessa ture sana keessatti kan anaan qixxaatu tokko hin turre. Garuu sadarkaan guddinaa tokkollee osoo naaf hin laatamne waggaa 14 biyya abbaa fi akaakayyuu koo lafee nyaattee anatti dabarten tajaajile.
Egaa akkuman isiniin jedhe gara maatii kootti yommuun qajeelu lafti ani rukutamee yaalamaa ture ammallee na dhukkuba ture. Karaa kana yommuun deemu maalittan gala laata jedhee hedduun dhiphachaa deema ture.
Mee isinuu yaadaa namni waggaa 14 afuura warrasaa otoo hin dhageenye jiraate miira akkamii akka qabu. Kana hundaa biyya anaafis maatiikoofis ta’e eenyummaa koof bu’aa hin buufneefan ta’e.
Guyyoota muraasa booda yommuun qe’ee koo durii gahuu manni koo achi hin jiru. Maali lafatu sigigaatemoo jedheen of gaafachuuttan ka’e. Edaa maatiin koo hundi buqqa’aanii naannoo waliin jireenyatti deemaniiru.
Namoota naannoo barbaachan ka’e ergan isaan argadheen booda namni hedduun na wallaaleera. Akkumasaatti of barsiiseen lafa maatiin koo deeman gaafan gaafadhu imimmaan quqquuqamaa ”Maatiin kee asii ka’anii gama sanatti galani” jechaa booyicha gadi gadhiise.
Anis otoo hin beeknen boo’e duukaa. Edaa ijoolleen koo dhiiraa xixinnoon ani manatti dhiisee deeme hundi waraana dhaqanii lubbuun isaanii akka darbe maatii kootti himameera. Haati manaa koos anaanis sagalee koo dhaggeeffattee dhabnaan bultii kan biraa ijaarteetti.
Egaa anis iddoon dhaqu waan hin qabneef ija haadha manaa koo otoo hin agarre lafa sanaa deemuun qaba jedheen fagaadhe. Otoo turee hin buliin mootummaan dargii kufee kan caalu aangootti bahe.
Anaanis na qabanii na dararuutti ka’an ammas mootummaa kana keessa waggaa 9 mana hidhaa keessattan gube.Ammas yeroon bahu jiruun koo karaarratti kufuu ta’e.Nama ana gargaaru tokko hin qabu. Kanan uffadhu tokkos ofittii hin qabu moofaa erbuun quba na quncaaseera.
Hamma humni koo danda’etti umurii koo kanaan ciisee hin du’u jedheen namaaf ba’aa baadheen nyaata koo nyaadheen bula. Gaafan dhabemmoo hagabuudhuma koon ciisa.
Miilli koo kan biyyatti sanaaf jedhee lafa hedduu qaqqabee dhiigni itti dhangala’e kunoo kophee dhabee baqaqaan isaa sulula guddaa qinxamaa na fakkaateera. Kun hunduu bu’aa biyyaa maqaa keenyaan dhaabbattee unuunimmoo nu nyaattuuf jecha duulee otoo waa tokkollee hin arganne balaaf saaxilamuu koo qofa.
Elaa ani kana booda miilli koo tokko boolla.Yaa ijoollee koo isinan gorfadha ammas warri waa dhaggeeffatuu fi dhaga’u yommuu odeessu nan dhaga’a Mootummaan amma jirtu kun karaa hundaan diina horuun isiiniin geessitee lubbuu keessan dabarsuuf,maatii keessaniif gaddaa fi boo’icha akkasumas diigumsa horuuf malee waan addaa isinii gootu hin qabdu.
Nama karaa tokkorra deemetu waa’ee karaa sanaa beeka.Itiyoophiyaadhaaf duuluun bu’aa tokko hin qabu anarraa baradhaa. Yoo dandeessan diinni fagoo hin jiru isuma as dhiyoo isin cinaa jiru kana ofirraa cabsaa gataa. Sana booda waraannis ta’e diinni badee hundi keessan nagaan jiraattu.
Anillee yoon du’e ekeraan koo nagaa argata.Biyya dhiiga keenyaan ijaaramte maqaa kan biraan waamamuun bara baraan nu dhiittu kana keessaa harka fudhadhaa. Nan amana yaa ilmaan koo gorsa koo kana hin tuffattan. Qalbeeffadhaa Waaqni tokkichi qalbii isinitti haa horu.
Akka koo koomee baqaqaa fi moofaa hodhuutti hin hafiinaa. Isinoo kumaatamaa fi miliyoona maaliif nama barbaaddu? Maaliif diina gurmeessitanii ofii biyya dhabdanii orma ijaartuu? Maaloo wal hin baqatiinaa. Oduu hir’isaa hojii hojjedhaa. Gaafa waa gootan hedduu hin gammadiinaa, yoo raawwachuu dadhabdanis hedduu hin gaddiinaa.
Waan balleessitan wal gorfachuun irraa baradhaa malee eeboo walitti hin luqqaafatiinaa. Biyyi keessan Oromiyaa qofa kaan hunduu ollaa dha. Otoo ani boolla hin seeniin diina mootanii yoom na gammachiiftu laata? Baqaqaan koomee koo kun qabbaneeffatee yoom duuda laata?
Anatti hin hafiin har’an du’aa fi boran du’aa koo hin beeku gorsa kana namni hin dhageenye seenaa itti haa ta’u…
Galatooma waan dubbiftaniif!
Hubachiisa:- Barreeffama kana namni fudhachuu qabu duraan dursee na gaafachuu qaba.Haala kamiinis ta’e lafa kamittuu akka barreeffama mataa ofiitti maxxansuun cubbuu dha. Hannadhas, hatuunimmoo gadhummaa dha
6 Comments
safuuuuuuuuu
SAFUU SOOFUU
Now
barreefama kana dubbisee baay’ee miira kootti hore, dhugumaan seenaan kun seenaa dhugaa ani kana dura odeeffadhe tokkoon wal fakkaata. waan guddaa ilmaan oromoo waan bor galata hin qabneefi aara galfii hin qabnetti dhama’aa jiran keessattuu loltoota, kaabinoota, poolisootaa fi nama mootummaa kanaaf biyya koo itoophiyaa jedhee hojjetaa jiruuf dhaamsa guddaadha. Otuu akka itoophiyaatii ijaaruutii silaa hr’a guddinnii fi hangafummaan keenya as hin turre.
Abdiisaa Aagaa,Qusee/Habtegiorgis Diinagdee fi kanneen biroolafee isaaniitiin biyyattii kadhattuu kana ijaaranii maal argatanii
hunduu itoophiyummaa waan jedhu irraanfatee oromiyaaf kan jedhu osoo dursee akkam gaarii turee?
galatoomi Odaa gurree…..barreeffama kana madda eeruun akkan itti fayyadamuu danda’u asumaan akka naaf eyyamtun si gaafadha.
Jecha Gorsa Ilma namaf Waan guddadha
wey hedduu garaa nama nyaata