Hiyyummaan Abaarsa Miti!
(Seenaa kana otoo hin dubbisne bira hin darbiin)
~ Odaa Gurree-tiin
Ani xinnumaadhaa kaasee lafa bal’aa malee jiruu fi jireenya bal’aa hin agarre. Dhugaasaa dubbachuuf haatii fi abbaan koo waan isaanitti hafe hin jiru.Hojii guyyaas ta’u hojjetanii waan afaanitti darbatannee bulluu inuma nuun gahu ture.
Egaa abbaan kiyya harmee kiyya faana laga bu’anii qoraan funaanu. Yoo abbaan koo muka yaabbatee ciru harmeen jala deddeemtee walitti qabdee tuulti. Sana booda haati koo dugda isheetti abbaan koommoo jorooroo(walitti fufsiisee) hidhee kan dugdi isaanii keessa dafqaan miicame, illeen garanaaf garasiin Dhagaa Siiletti fakkaatetu dhufee mana gaha.
Borumtaasaa ganama barii otoo aduun ol hin quuqiin ka’anii gara gabaa geessuuf ammas karaa eegalu.Guyyaa gara guyyaa jiruun jireenya ba’aa, ba’aa namarraa hin buune jiraatu. Kun hunduu anaan guddisuufii gabrummaa guddaa barri irra keesse humna isaanii xiqqoo Kanaan ofirraa fonqolchuuf waan tattaafatan fakkaatu.
Gaafa roobni roobee ganni dhufu garuu kana hundaa hojjechuun ni hafa. Sababni isaa mana keenyarraa hamma magaalaa gahutti laga gurguddaa sadiitu jira. Kana sadanuu allaattiin ana jette gaafa guutan hin qaaritu.
Hunduu ganni dhufuuf jedhee gaafa guungumuu eegaluu garaa keenyatti galaanatu guutee ciifnee waan dhumnu nutti fakkaata. Lafa dhabnee miti garuu nama ollaa keenyaa abbaa humnaa bara dheeraaf ofitti abbaa koo hirkisee hojjechiifataa turetu lafas lafees nurraa fuudhee nu qaqal’ise malee.
Haati koo yeroo maraa Waaqni nu uume eessaanuu nu hin geessu. Lubbuu keenya isatu uume gaafa inni isinii gahe jedhu nuu darba ykn nufudhate darba jetti. Jechishee kun anaaf nyaata caalaa jilba, mogolee, irree naaf ta’a. Garaa koo guuteetu ofirrattan deeffadha(deeqqifadhaa) oola.
Gaaf tokko haati koo galgala akaayii boqqolloo nuu akooftee abiddatti marsinee teenyee otuma taphannuu yaada keessa galee waan biyyaa bahe wayii fakkaate. Ani ija abbaa koo keessa otuman ilaaluu imimmaan ijasaa keessaa ‘’Fatalak’’ jedhee yoo bahu ifa abiddaa faana wal fudhatee waan dhiigni ijasaa keessaa roobu fakkaate. Anis lafaa ka’een ‘’maalooo abbaa koo ijasaa dhiigaa jira’’ jedheen iyyee maraadhe.Haati koo gara abbaa kootti takkaa fiigaa gara koottis fiigdee na qabaa dhiiga miti imimmani dha ifa abiddatu itti bahee dhiiga fakkaate malee jettee na sossobde.
Ani ammallee ishee hin amanne. Lakki na goowwomsita guyyaa gaafa qoraan funaantan mukatu lagatti waraanee na dhoksitan maleen jedheen. Isheenis otoo mukti waraanee miti otuma huubni seenee akkamitti hamma kana obsee taa’aa jettee na amansiifte.
Abbaan koos isa boo’uu addaan kutee dhufee anaan bada dhalawooti hiyyeettii taanus eenyutu dhalasaa jibbaree fuula koo isa daaraan itti uffate kana harkasaa isa muka falaxuun tatarsaasee akka haaduutti nama muru Kanaan na haxaawaa’’ dhiisi anuu sii jira. Hamman jirutti anatu rakkata malee ati rakkina tokko hin agartu.Hamman argadhu hundaan gammaduu baattus hin gadditu. Quufuu baattus hin beeloftu harkaa gara afaanii inuman isin jiraachisa ‘’jedhee booyicha koo addaan na kuchisiise.
Ammas deebinee iddoo silaarra teenye.Abbaa maaliif boosse jedheen gaafadhe. Innis’’ lakki hin boonyeem calliseen abbaa koon yaade malee ati gaafa na yaaddu ni boossa mitii?’’ naan jedhe. Anis kolfeen akka gammachuu wayiitu natti dhaga’amee lafan taa’uu ka’een dhaqee jilbasaa lamaan gidduu seenee dhaabadhe.
Areedni isaas baay’ee itti guddatee akka qoraattii harsamessaa nama waraana.Areeda kee maaf hin haaddattu abban jedheen. Ganama haati kee naaf haaddi amma dukkana dha naan jedhe.Kana gidduutti haati koos dabareeshee booyicha akka nama du’a dhoksaa wayii dhagayeetti mudhii qabattee hiiktee itti gadi dhiifte.
Ammammoo ishee duukaa boo’uutti kaane.Edaa isaan waa rakkatnii akkas ta’aa jiru. Guyyaa qoraan baatanii otoo gara magaalaa deemaa jiranii karaatti humni hin beekamne wayii lammaffaa qoraan qe’ee keessanirraa fiddanii gurguruu hin dandeessan jedhee isa isaan qabatanii turanis irraa fudhatee jennaan mana warra dur bira dhaqanii qoraan itti gurguratantu qarshii muraasa akkasumatti kenneefii harka qullaa mucaatti hin galiinaa harka isin ilaalti jedhanii gaggeessan.
Kan isaan akkas ta’aniifis abdii kutannaa ture.Ani kana hundaa natti hin himan. Yoo natti himanis badaa hin hubadhu daa’iman ture. ’’Egaa kana booda qe’ee jarattii kanaatti hamma yoomiitti hacuucamaa hafnaa?’’ jedhe abbaan koo harmee kootiin. “Isheenis kana booda miila keenya fageeffannee biyya nu hin beekne dhaqnee kadhanneellee haa ta’u dhala keenya tokkittiii kana guddifachuu qabna” jette.
Innis deebisee’’ anoo doofaa kana biyyaa bahee gaaf tokko ala bulee hin beeku mee garamitti baqannu?’’ jedheen. Isheenis biyyi kun hunduu keenyuma gaaf tokko yoo nama taane deebinee yoollee nuti dadhabne dhalli keenya isheen daaraa keessatti guddifnee kun lafa namichi abbaa humnaa kun nurraa fudhate falmattee ni deebifatti ‘’ jette.
Kanumaan waan qabnu harannee silaas maal qabnaa miti gara biyya adeemsa sa’a 5 miilaan nurraa fagaatuutti godaanne. Achitti jiruu fooyya’aa jiraachuu eegalle. Anis of baraan dhufe.Lafan ijoollee waliin taphadhutti waan hedduun ijoollee baraa dhufe. Mana barumsaas galee baradhee hamma Yuunivarsiitii baradhe. Yuunivarsiitii keessattis Seeran baradhe.
Waggaa shan dura lafa abbaa koo waggaa dheeraa irraa fudhatame falmee deebiseefii abbaan koo abbaa qe’ee,abbaa mirree ta’ee qe’eesaarra jiraataa jira.Anis mana murtiilee adda addaa keessatti namoota mirgi isaanii sarbameef abuukaattoo ta’uun haqasaanii falmuuttan jira.Hojii koo nan jaaladha.
Haqa namaa hin nyaadhu, hin dabsu.Hiyyummaanis abaarsa miti waaqaa gadi namatti hin roobu ykn sanyiin hin daddarbu.
Kanaafuu anarraa waa bara nama hedduun qe’een isaa irraa fudhatameera dhalootni haaraan jabaadhaa akkuman qe’ee abbaa koof falme qe’ee abbaa keessaniif falmaa.Wal qabannee isa keessa jirru keessaa haa baanuun dhaamsa kooti!
Galatooma!
___________
Maddii FB: Oromoo Fi Oromiyaa Afaan Oromoon
3 Comments
Nuuf jiiraadhuu
Qalamni kee hin gogin
Jiraadhuu adeeroo