Yaa Ilmoo koo isan hudduu Okkotee soofee guddisee!
Ani Angaatuun jedhama. Warri ollaa fi namoonni na beekan marti ”Harmee” jedhanii na waamu. Sababni isaas kan na harkaa nyaatee, dhugee beela hin bahiin hin jru. Qabaadheef miti garuu ishuman qaburraa garaa takkaa namatti hin jabaadhu.
Ani ergan abbaa warraa koo Abbaa Ganamoo narraa boqotanii ija dhiiraa ol jedhee hin ilaalle. Dhiirrillee dhiira natti hin fakkaattu. Namni hundi fi firrillee maa cabdee hafta bultii ijaari naan jedhanillee ani awwaala Abbaan Ganamoo dhaqen dhaqa malee hin heerumu jedheen haadha hiyyeessaa ta’ee Ganamoo koo guddisuufan of adabe.
Egaa Abbaan Ganamoo gaafa jiran jiruu bayeessa jiraachaa turre. Garuu, erga isaan lafa dhugaa dhaqanii dhukkubni abbaa sangaa dhufee horii dallaa guutuu na harkatti “Xab” godhee “mulluu sulleetti” dabalee deeme. Egaa anoo Waaqatti maquus hin dhaqne “ISAA BAGA!” jedheen dhiise.
Elaa yaa jara koo waanan isinitti himachuuf ka’e itti hin seenne. Ani Ganamoo koo akkattan guddise ana, lafa duudaa kanaa fi Waaqa tokkichatu beeka.Waanan isinitti himu kana na hin amantan ta’a. Dhugaa qabdu na amanuu dhiisuu dandeessu.
Ani Ganamoo akkattan guddise yoon yaadadhu lafatu naan mara, dhiiga kootu sammuurraa akka danfa bishaaniitti bulluqee na darbachuuf ka’a. Isaa jedheen ija ormaa meeqa keessa ilaale. Nama meeqatu manasaatii akka sareetti na ifate.Anoo inni yoo naa guddate nama naa ta’e bor ittti qabbaneeffadha.
Maal abbaasaa abban fedhe nattis haa tufu kun hunduu darbee bor nutis jiruu dhabnus jireenya nama dhabaa tokkoo ni jiraanna jedheen garaa bal’adhe. Akka inni ijoollee ollaa gadi hin taanee fi harka ormaa keessa hin ilaallee qoraan gurguruurraa hamma mana namaa keessa uffata miicuutti hojjedheera.
Keessumaa gaaf tokko intalli Haadha Badhaasaafaa isheen xinnoon kun maqaasheellee nan irraanfadhe, maal ijoo afaan keessa jira maqaanshee, hamtuudha silaas maqaanshee namaaf hin qabamu baddittiin kun.
Yaadadhe maqaashee Yaadanii balaan ishee haa yaadatu hin jedhu. Maal na gooti seetan intalli kun, anatu baatee guddise dur baran bara qabu amma barri isheef dabarraan narra ejjette malee akka farda hiddiirra ejjetuutti.
Deessee ciiftiiyyun akkan uffata miicuuf abbaan manaashee na waamnaan maal ta’a kan ormaayyuu nan mica kan isheen baadhee guddisee miti jedheen dhaqe.
Maal godha gadheen yoom isa durii yaadattiree akka “niitiin kun mana koo hin seenne dhiibbattuun kun abbaa manaasheeyyuu isheetu dhiibbatee ajjeese. Na dhiibbachuu dhufteetti narraaa baasi” jettee abbaan manaashees qarshii 10 otuman diduu uffata kootti naa gudunfee na gaggeesse.
Boo’ichan gaafas boo’ee imimmaan koo Waaqatti facaafadhee deeme otoo laga ta’ee yaa’ee Gibeen caala ture. Kana hundaa Ganamoof jedheen salphadhe malee ani otoon isa hin qabaannee dubartii ulfoo dha.
Egaa bineensuu dhalasaa irratti du’a mitiiree? Kanumaan humni koo qoraan funaanuu fi uffata namaa miicuu waan dadhabeef okkotee fi manqallii(gaanii) fi harkiftuu(masaabaa), Koddaa bitadheen hudduu okkotee soofee haraqee baasee isa guddisuuttan ka’e.
Araqeen mana koo ija maqaa qaba. Inni ana jedhu dhugee mitiitii foolii fuudhee irraa hin hafu fooliin machaa’a. Mucaan koo ganamoon erga naa jabaatee otoo dadhabe hin jedhiin bishaan eeleetu naa raaba.Na waliin geeshoo tuma, biqila eega, mana baaburaa mataatti baatee naa dhaqa. Takkaa harree kadhaa ganda namaa hin dhaabanne.
Waa’een Ganamoo koomoo imimmaan na xuxurfachiisa. Dafqee gaafa dhufu dafqi illeesaa mirgaa fi bitaarraan sarara baaseetu anaanimmoo imimmaantu na hudha.
Yaa dhala koo sirraa abbaa kee anarraa abbaa manaa koo duunni fudhatteetu siinis jireenya gadadoo, anaanis jiruu dhamaasuuf nu afeerteen jedhee garaa koo keessatti obseen dhiisaam. Ganamoo kanuma keessaan mana barumsaa isaa keessaa kutaa hundumaarraa dhuma waggaa irratti qabxii olaanaan badhaafama.
Manni barumsaa hundatu isa beeka.Warri mana koo dhugaatii dhuguu dhufanillee maqaasaan deemu. Kanumaan barumsasaa fixee gara Yuunivarsiitii Finfinnee seene. Kan inni barates Yaala namaati (Doktora).
Bara waggaa dhumarrattis qabxii guddaan fixuun gaafa eebbasaa anis isheen isaaf ergurraa hambisee binnoo keessa suuqaa ture walitti coreen dhala koo hin qaanessu jedheen WARQEE harkaa fi mormattan sarare.
Innis baay’ee boo’e anis naan boo’e wal qabannee boonye. Kan nu boossise otoo Abbaan Ganamoo ulfina kana argeera ta’ee jenneetu, lammatammoo rakkina keessa dabarres yaadanneetu.
Kunoo Ganamoon koos Okkotee Soofuu jalaas na baasee,anis ija koon isan itti dadhabe amma taa’een nyaachaa jira.
Dhalan itti hudduu okkotee soofee, araaqee baasee guddifadhetu anarra darbee biyyaafis ifa ta’ee sabasaa tajaajilaa jira. Bagan sitti dadhabee si barsiifadhe Ganamoo koo!
Dubbisuu keessaniif Galatooma!
_____________
Seenaa kana kan nuuf barreesse, Odaa Gurree dha. Odaa Gurreen toora Facebook dhaan qunnamuu dandeessu.
4 Comments
Baguma firii dadhabbii keetii dhandhamatte! Harmee koo ishuma akka kanaan na guddistes na yaadachiiste. Isheenis akkanati natti gammaddee jirtii laata? ofuman gaafadhe!
Baayee nama gammachisa jabadha!
Harme maal siin jedhu?
Mee eenyu siin jedhu moggaasni siif malu
Damma moo aannani jechi si madaalu?
Harme ka’ee dacheen si moggaasuu?
Isheetti fakkeessee oolmaa kee ifa baasuu?
Dhugaa namatti tola. Mee toora facebook tiin wal haa barru wanti gama kanaan waliin hojjennu jiraachuu mala.
oromoon haadha dhabuu manna, haadha dhabduu wayyaa jedhee.sanyiin kee haa baay’atuu.