Gabrummaa Gara Giiftummaa
Ummata hedduu biratti keessattu ummata Oromoo biratti seenaa intala Oromoo tokko jaarra 19ffaa keessatti akka gabratti biyyaa Jaarmanii kan geefamteetu dubbatama. Seenan kunii namoota hedduu biratii dhageetii guddaa qabaatus, kanneen seenaan kun dhugaa ta’usaa kan shakkan baayye dha. Nutiis gama keenyaan seenaa kana qulqulleessuf qorannoo taasifneetu jira. Barruu keenya kan har’aatis qorannoo waa’e intala Oromoo kana ilaalchisne wantoota hanga yoona hin baramne isiniif qindeessu yaalla.
Duraan dursinee seenaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha.
Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.
Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.
Yeroo jarri Awroopha seenan, turtii yeroo muraasa booda Magaala Budapest biyyaa Hangarii keessatti Mahbuuban cuuphamte turte. Achirra immo magaala Viyeena biyyaa Awustriyaa seenan. Ilmii warra mooti Hermann Von Puckler kuni Mahbuubaan qondaalota ol’aanotin wajiin barsiisu yaale. Ilaalcha qondaalota kana waan sodaatef, “isheen intala Mooti biyya Absiniyaa dha guddifachuuf biyya kana fidee”, jechuu dhan ummata goyyoomse. Mahbuuban akka aada fi afaan biyyattii barattuu mana barnoota magaala Viyeena sanatti galche. Hawwii afaani waan qabduuf ji’oota muraasa keessatti afaan Itaalii barachuu fi dubbachuu dandeesse.
Turtii muraasa booda biyyaa Awustriyaarra gara biyya Jarmanitti imalanii deeman. Biyya Awustriyaatti kabajaa dhaan haa jiraatan iyyuu, biyyaa Jarmaniitti garuu Hermann intala gurraacha jaalachuunsaa baayyee kan qeeqama ture. Keessattu haada mana Hermann kan durii, Mahbuuba akka biyyaa Jarman hin seenne barbaada turte. Isheen masara mooti seenuun safuu biyyatti cabsuu dha akka ta’e ilaalama ture. Ilmi warra mooti kuni immo tasuma ilaalcha namoota fi qeeqni inni argataa ture jaalala inni Mahbuubaf qabu dabalaa dhufe malee hin hir’anne. Haati mana Hermann kan durii utuu qeeqtu jaalala isaani kanarratti hinaafte harka kennattee dhiifte.
Bara 1840, Mahbuuban biyyaa Jarmanii erga seente booda nama Oromoo kan akka ishee harka gabrootan gurgurame tokkoon wal barte. Nama Oolshu Aaga kan jedhamuun erga wal baranii booda maqaan ishii kan warri ishii itti moggaafte Bilillee ta’u ishii Oolshuutti himatte. Iddoo isheen iitti dhalattee ofbarte immo Gumaa(Jimmaa) jedhamti jettees himatte. Yeroo kanatti Oolshuun weedduulle garagaraa fi Seenaa tokko tokko Bililleerra barreesse galmeesse.
Ji’a Hagayaa, baruma 1840 Bililleen dhukkuba sombaatin qabamtee turte. Masara warra mooti Hermann keessatti doktorrii akka fayyaa ishii ilaalu qacarame ture. Yeroo sanattii Hermann dhimmi dhuunfaaf magaala Berliin deemus yeroo yeroo dhan odeefannoo waa’e Bilillee doktorichaarra argataa ture. Ta’us garuu tajaajila yaala utuu argataa jirtu Onkololeessa guyyaa 27, sa’aati 6 waare booda, Bililleen masara warra mootii Puckler keessatti boqatte adunyaa kanarra adeemte. Yeroo sanatti waggaa 16 turte.
Bililleen lubbuu dhan dabartuus seenaan ishee hamma yoonatti onnee Oromoota hedduu keessatti hafe. Iddoo awwaalcha Bilillee magaala Muska’u biyyaa Jarmaniitti argama. Bakkee awaalcha ishii waggaa waggaan namoota dhaawwanna akkasumas seenaa ishii dubbisuuf muuziyaami taasifameera. Oromootni biyyaa Jarmanii jirtan seenaa Bilillee guutuma guututti muuziyaami Puckler kan jedhamu dhaawwachuu dandeessan. Barruuwwan garagaraa akkasumas xalayoota bara sana barreefame hunda achitti dubbisuu dandeessan. Marsariiti ykn websayitii isaani http://www.pueckler-museum.de/ seentanii ilaalu dandeessu.
Galatooma Seenaan kunii yoo isinitti tole ta’e akkuma barameetti gama Facebook, Whatsapp, Viber fi Twitter irrattii akka Share cuqaastanii waliif qoodhan abdii qabna!
Horaa Bula!
21 Comments
Seenaa imimmaaniti!! Haa ta’uutii:- 1. Guyyaa gaaf tokkoo seenaan kun baldhinaan funaanamee bifa kitaabatiin barreeffama jedheen amana.keessattuu,lammiilen Jarman jiraattan shoorri keessan olaanadha! 2. Osoon ani biyya Jarman jiraadhee;akka suurri mul’isutti, bakka awwaalaashee rooba fii k.k.fniin dhiqamee mofa’aa jiru kana nan haaromsiisa ture! Seenaa Lammii ofii dhiisatii, siidaan boca dhagaatuu xaaliyaanirraa as deebi’ee mitii!!!
Waan Kana Nu Beeksisuun Keessaniif Galatoomaa.
Siidaan Bilillee Mahbuubaa Oromiyaa keessatti otoo dhaabbatee seenaa ishee guutuu ilaaluu dandeenyee gaariidha.Biiroon Aadaa fi Turiziimii Oromiyaas dhimma Bilillee Maahbuubaa xiyyeeffannoo keessa yoo galche gaariidha.
baay’eesaa namatti tila
jechi kee onnee oromoota hunda tuqa
baay’eesaa namatti tolaa
Namatti tola galatoomi!
Waanti baay’ee nama gaddisiisuufi namatti tolu dhalli oromoo durumaa kaasee acuucamaa osoo jiraatu sammuu beektotaan hatamuu isaati.haata’u garuu namoonni dhala oromoo taatanii biyya jaarman jiraattan iddoo aalcha ishee kanaaf mootummaa biyyichaa gaafachuun osoo siidaa yaadanno kan waa’ee oromummaafi maqaa ishee ibsu osoo hojjetaniin dhaamsa kootii.
Galatoomaa namati tola sabni Oromoo akkuma huddumina qabu seenaa itti hindhaqabamne qaba isinitti haabaru
baayye namatti tola. dabalataan immo bilillen aanaa sigimo ganda onja iddo dubbaa jedhamtutti akka
wow nuu jiraadha barumsa bal’aa nu laateef
Duraan durse hawasa kessan seenan hallitani basuf yalun kankessanif bayye galatoma jedha akka nama tokkotti
Itti ansun seenaa oromoo kanafi kanneen bir akkasuma warroottan seenaa gagarii qaban kannen hawasa kessatti senan isani osoo dubifamin hafan barbaddani akka bifuma kanan barnoota barsisu kessan kana olitti itti jajabattanin isinin jedha.
Ajaa’iba! Ani Biyya Oromiyaa keessatti barsiisaa Seenaa barsiisudha. Yommuun waa’ee DALDALA DARBAA ITOOPHIYAA barsiisaa ture, barataan ‘ Daldalli garbaa Itoophiyaa keessatti taasifame harka caalaan godina kam keessa? ‘ jedhee na gaafate..Ani immoo….
Seenaa Saba keenyaa gad fageenyaan nama nuuf gumaachu hin qabnu.
Warri odeeffannoo qabdan dhaloota keenya gatgaaraa….
Bililleen baayy’ee bareeduffii intala sinboo gaarii qabdu/ayyaanaqabeettiidha kanaaf seenaan ishee baayyee waanamatti toluuf siidaan ishee seenaa ishee waliin biyya isheetti akka hojjatamuuf haa carrqnu horaa bulaa.
Seenaa ajahibaa fi baayye namatti toluudha. Seenan Kun seena barnoota guddan irra argamuudha. Seenan Bilillee immo seena hojiin aartii guddan ittin hojjetamu danda’uudha. Kanatu nurra eegama.
Isin garuu bayyee galatoomaa.
Barressa kitaaba Sona Gammachun -Abdii Oliiqaa irra
BAAYYEE NAMATTI TOLA
Namni osoo seenaa kana ibsuu dandauu dhiise seenaan isa gaafata
duraan dursee wareen seenaa intalaa boorantiti kana qorate waliitti qabun barreessef baayyee *2 galaatomin ittin jedha. ittin ansuun durii jalqabeCunqursaa hanga ammati Ummata Oromoo irra gaha turee seenaadhan duubatame hin dhumu.ega malgodhuure onnee dhuman waxalama jirachudha malee furmaata biraa tokkoo illee argachuu hin dandaanye wanta’eefidha.jiraa guyyaa tokkoo wanuma hunduumafu lamii koo.
Bakkii dhaloota ishee godina shanan gibee aanaa guumaa intala mootii guumaa
Qalaamnii kee ha mirgisuu garaa nama nyaata baayyee galaatoomi
I appreciate it. thank you please .there are vast history about oromo people in the world .please enable us to read on the in ternate especially I was astonished when I hear about oromo’s in south African ……