Seenaa Obbo. SIBIILOO KENNOO
Maqaan isaa Sibiiloo Kennoo(Kaadhimamaa PHD) Jedhama. Sibiiloon Abbaasaa Kennoo Nuuree fi Haadhasaa Qexii Cawwichaa irraa bara 1978 A.L.A, Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo, Ganda Tulluu Leencaatti dhaalate. Sibiiloon, akkuma hedduu keenyaa Ijoollee baadiyaa waan tureef naannoo km 5 mana jireenya isaa irraa fagaatee Mana Barumsa sad. 1ffaa Garambaamoo jedhamutti bara 1985-1990 A.L.A kutaa 1-6 barachaa ture.
Imalli Sibiiloo, Rakkinnaaf gadadoo jireenyaatiif osoo harka hin kennatin Bara 1993 A.L.A Barnoota sad.2ffaa hordofuuf gama Mana Barumsa Sadarkaa lamaaffaa Dodolaa isa geesse. Bara 1993-1996 A.L.A Barnootasaa sad.2ffaa jabaatee hordofe. Fageenyi ammaa kun caalaa dabalus gara km 55 kan geejjiba ammayyaaf daandiin hin mijanne waan tureef miilasaatiin imale guyyaa Jimaata galgala yoo ka’e deemaa bulee Sambata xiqqaa gara bari’utti maatiisaa bira gaha. Maatii bira Oolee Dilbata waan nyaatu fudhatee gara mana barumsaatti imalasaa eegala.
Haala kanaan bu’aa bayii jireenyaasaa injifatee bara 1996 A.L.A kutaa 12ffaa xumure. Dandeettii ajaa’ibaa qabuunis qabxii gaarii galmeesse.
Bara 1997 A.L.A Barnoota “Political Science and International Relation” jedhuun Yuunibarsitii guddicha biyyatti, Yuunibaristii Finfinnee(A.A.U) seene. Sibiiloon imala rakkina jireenya, bu’aa bayii jireenyaaf fi gadadoo heddu keessa darbee sad. kanarra gahe hin dhiifne ammas imala milkaa’inaa jabeesse itti fufe, dandeettisaas daraan agarsiise. Hirmaanna tokko tokkoon mumuldhachuu eegale.
Haaluma kanaa barreeffama ” The Relationship Between State and Religion in Ethiopia : by Sibilo Keno at 2000″ jedhu bara 2000 A.L.A maxxansiisuun Bachelor of Art(BA) isaa fudhate.
Hirmaannaa Siyaasaas agarsiisuun ‘biq-xiliq’ jechuu eegale, Siyaasaa Dr. Mararaa Guddinaa babaldhisuuf tattaafate. Ganda dhalootattis galee barsiisuuf yaale. Jarri Bulchootaas qabanii hidhatti darbatan. DR. Mararaan Bilbilee hiiksise.
Egaa Hayyuun hayyummaan isaa hin galmeeffamiinf kun imala eegale itti fufeera. Bara 2000 A.L.A Firii boonsaa dhaan ‘BA’ isaa gonfachuun Abdii jireenyaa horate. Abdii Maatii isaas dheeresse, Jireenyi Maatii inni keessaa bahe, obboleeyyan barnoota gadiin barachaa jiranii ife jechuun gammadan.
Sibiiloon yoom Bubbuleree, Bara 2001 A.L.A Dhaabbata Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Gambeellaa(Gambella Management Institute) keessatti mindeeffame. Yoona Sibiiloon Abdii namni hedduu abdate haalumaa abadateen hojitti hiike, Maatii bira darbee, Anaafi ijoollee isa beekan qofa osoo hin taane ijoollee Oromoo mana barumsaa keessa jirtu hunda adeemsa inni itti baratee sadarkaa kana gaheen wal madaalchisee qarqaarutiii ka’e.
“Osoo Ilmaan Oromoo keessattuu baadiyaarraa dhufanii Magaalatti rakkatan ijji koo argu, Mindaan koo yoo narraa hafeef Baankii keessa hin taa’u.” – Dr. Sibiiloo Kennoo
jedha irra deddeebi’ee….
Sibiiloon Dandeettii Ajaa’ibaa qabuun iddoo hojii itti mideeffamettis milkaa’ina galmeessiseen waggaa tokko booda Mootummaan Naannoo Gambeellaa Ati nama Boriiti deemii baradhu jedheenii Bara 2003 A.L.A Barnoota Digrii Lammataa (MA) isaatiif gara Yuunibarsitii Finfinnee deebise, yeroo kana MA isaa ‘International Relation’dhaan qo’ate. Barnootasaa wagaa lamaaf Finfinnetti hordofe. Sibiiloon yeroo kana guutumatti Siyaasa Dr. Mararaa hordofuu cimsateera, Yeroo kanatti Dr.Maraaraan Gaggeessaa Paartii duraanii waan tureef Sibiiloonis Hirmaannaa olaanaa keessaa qabaa. Dr.Mararaan Advisor Barnoota idilee isaas waan tureen namoota iciitii Sibiiloo beekan keessaa isa duraati. Kan biraammoo Dr. Maammoon, Gaggeessaan Barnoota Damee Filoosofii Yuunibarsitii Finfiinnee Hiriyyummaafi Namoota Sibiiloon dhiyeenyatti beekan isa lammaffaadha.
Haaluma Kanaan bara 2005 A.L.A, Sibiiloon Barnoota isaatiin Dirgirii Lammataa qabate. Yerooma kana Sibiiloo gufuun tokko tokko mudachuu jalqabdee jirti. Baruma eebbasaa kana Dr.Mararaan Biyya USA deemee, Advisor kee waan hin jirreef Qorannoo(Research) kee namni beeku isa qofa waan ta’eef hanga inni dhufutti dhiyeessuu hin dandeessu yeroo jedhamu wanta an qabatamaan beekuudha.
Sibiiloon beekaadha, Erga Dirgii lamaffaa qabatee immoo gara Mootummaa isa barsiisee Gambeellatti hin deebine. Yeroo sana Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa ture. Sibiiloonis Qajeelee Waajjira Obbo Abbaa Duulaa deemee, Ilma Oromoo akka ta’eefii Dandeetiisaatiin Hawaasaa ofii tajaajiluu akka barbaadu gaafate, yeroosuma Xalayaan gadi nuuf haa dhiifamuu Oromiyaa irraa Gara Mootummaa Gambeellaa barraaye. Dookumatiin Sibiiloo fe’amee gara Waajjira Mootummaa Naannoo Ooromiyaa gale.
Sibiiloon Abshaalas ture, wanti hubachuu qabdan Sibiiloon Siyaasa Dr. Mararaa gaggeessaa waan jiruuf Waajjira Oromiyaa galuuf hin feene. Dookumatiisaa mala baafatuun malate. Yeroma sana Barsiisaa Yuunibarsiitii ta’uuf dorgome(Jimmaafi Baardaar).
Yuunibarsitii Lamaan irraayyuu waamame. Ammas Carraa PHD kootiif kan na fayyadu jedhee Yuunibarsitii Baardar Filate.Mala Dookumantii isaa argatuun erga malate booda, Abbaan Duulaa Biyya alaa haa deemuu eegee, Namootni waajjiricha keessa jiran yoo inni achitti ramadame angoo dhabiinsaaf waan sodaataniif dookumatii isaa akka kennaniif ni beeka. Yoo Abbaan Duulaa Biyya Alaa deeme dhaqee dookumantii koo barbaade jennaan gaaffi malee kennameef. Bara 2006 A.L.A Yuunibarsitii Baardaaritti imale. Dararaa Ilmaan Oromoo Naannoo biraa keessa hojjatan fi jiraatan keessa jiranis dhandhame, jireenya hadhaayaa dhandhame. Dararaa duruu waan beekuuf sodaa malee hojjate, Ilmaan Oromoo barnoota isaa baratanis mataa ol qabatanii barachuuf carraa argatan.
“Barataa SIIVIKSII Obbo Sibiiloo kan ture Barataan tokko
“ይህ ዐይነቱ ጋምበላ ነዉ ዕንጂ ኦሮሞ አይደለዉም”
jedhanii natti lolan warri Amaaraa jedha Mucaan kun.”
Sababni kana jedhameefis Bifatu Gurracha waan tureef. Yuunibarsiticha keessaati Maqaan isaa yeroo gabaabaa keessatti barame. Baruma kana Dhuunfaadhaan Carraa Barnootaa PHD Biyya Swizerland irraa dhufe tokkotti dorgome. Dorgommichis akkas jedha” Decentralization and the Practice of Regional State in Ethiopia: The Case of Oromia Regional State”. Kan Barbaadamu nama tokko ture. Kan dorgome Namoota 52 yoo ta’an namni tajaajila(Exprience) waggaa 26 MA dhaan qabu fa’a akka waliin dorgoman nan yaadadha. Kana keessaa namni 26 Gaaffiif Deebiif) Interbiewdhaaf dhiyaate. Calallii Gaaffiif Deebii(interview) namni Afur(4) yeroo darbu Maqaasaa sadaffaarrati barraayeera.
Nageessoon Gaafa Warra Calallii Gaafiif deebii warra darbee maqaan maxxane sana argu namoota maqaan maxxane hunda warra Barnootaaf darban itti fakkaatee Koottu darbitee jedhee waame. Sibiiloon akka gaafa dur Miilaan deemee barate sanatti halkan guutuu deemaa bulee yoo Finnfinne dhufu, Kan Darbu nama tokko qofa Bor Gaaffiif Deebii dhumaa(Last Interview)dhaaf qophaayi jedhame.
Obboleessa kootiif Sibiiloonis rifatanii harkaa luki irraa bu’e. Nageessoon Jajjabaatee mala dhaheef. Tarkaanfii fudhachuu qaban murteesse, Sibiiloon Abdii kutatee dide, Nageessoon itti cimee Qophee barbaachisu godhaa oolanii bulan, Sibiiloofi Nageessoon Osoo hin rafin lafti itti bariite.
Bariidhaan ka’ee Nageessoon ‘Karabataafi Suufa” osoo Sibiiloon didu itti godhe, Marga Jiidhaa cireefii irra ejjadhuu bahi, Milkaayi jedheen. Sibiiloonis Obboleessa kiyya maaf suurta, Nama tajaajila waggaa 26 qabu moo’adhee darba jetteetii, erga dhufe dhiisee hin deebi’u jedheen malee dhugaa rabbii osoo Baardaaritti kana dhagahee hin dhufu jedhee, akka gadduu ta’e. Nageessoon harka qabee fuudhee iddoo gaaffif deebii geesse.
Sibiiloon 3ffaarratti waamame. Nageessoon ala taa’ee eega. namoota seenanii bahani gaafate Nageessoon haala jiru. Isaan keessaa tokkichi “Haayi Interview isaanii waan du’aadha, nama hin madaalu jedhe.” Nageessoonis amma Abdii kutate, Kun ni darba akkas taanaan jedheeti.
Sibiiloon yoo bahu Fuulli dur gurraachaa maraa Cilee fakkaata, Nageesso Mooraa kanaa naan bahi jedheen. Nageessoon Taasgabbeeuuf Yaalus dhagahuu dide.
Akkasumatti Mana Nageessotti deebi’anii boqatan.
Sibiiloon halkanuma kana badee Baardaritti deebi’uu akka qabu murteesse, Nageessoon yaadaan walitti bu’anis diqamumatti bulchee halkan naannoo saa’aa 9tti gaggeesse.
Sibiiloo Baardaarittis Diinni Habashaa itti dhalateera, kanaaf sardama ture. Hayyama dhoorgattee turtes, tuffatee biraa dhufeera malee.
Sibiiloon Deemaa Oolee kan dadhabe Baardaaritti gale, yoo inni mana seenee Hafuura baafatem Bilbillisaa iyyite. Bilbila Haaraa waan tureef caljedhee kaasee dubbise, bilbilchis ergaa akkas jettu hima, “YOU ARE PHD CANDIDATE, WHO IS SELECTED FROM EAST AFRICA, You have to report within 4 days” jedheen. Sibiiloon Amanuu dadhabe. Nageessoof Bilbile. Nageessoon Hojii dhiisee garas kaate, yoo gahu Maqaa SIBILOO qofatu maxxanee jira.
Nageessoon kophaasaa ol utaalee gammadee of wallaale. Sibiilonis amani jedheen. Gammachuun Qilleensarraan qaaritee nullee geesse. nuti gammanne.
Sibiiloon osoo hin rafin bule hardhas, Yoo lafti bariitu Gara Mooraa Mana Barumsichaa deemee beeksisuu waan qabuuf mala malate. Sibiiloon ganamaan Mooraa seenee Dura taa’aadhaan mari’ate. Pirezidaantiin Yuunibarsitichaa kun tasuma akka ta’uu hin dandeenye itti hime. Sibiiloon Amansiisuuf yaalus nama dhagahu dhabe.
Hubadhaa, Yoo Yuunibarsitichi Ragaa hin kenniniif Sibiiloon Barnootaaf deemuu hin danda’u. Akkuma waareen geesseen Koreen Bulchitoota Yuunibarsitichaa walgahii qabu. Innis caljedhee walgahichatti hirmaate. Hedduu mufatee waan jiruuf Walgahiin eegalee osoo hin turin, harka baasee
Sibiiloo:-“Barnoota koo maaliif na dhoorgitu” jedheen Pireezidaticha Yuunibarsitichaatiin.
Pireezidaantii:-Obbo Sibiiloo Amma Ajandaa kee irra miti kan jirru, deebii dura siif kenneen ala kan biraa hin qabu jedhee, dhimma keenya itti fufna jedheen.
Sibiiloo:- Dhimmi Dhuunfaa yoo furame kan waliinii furama, Sababa Carraa koo irraa dhoorgamuuf baruu barbaada jedhe.
Pireezidaantii:- Ati bara kana dhufte, warri waggaa kudhanii(10) ol tajaajilanuu hin baranne siif carraan kennamu hin jiru jedheen.
Sibiiloon:-Yoo du’ee na dhaban malee carraa kana na dhoorkattee walqixa as keessa waliin hin jiraannu jedheenii walgahii addaan kutee bahe.
Walgahichi kan qorannoo bulchiinsotaa waan tureef erga guyyaa lamaaf gaggeeffame booda Pireezidaantii Obbo Sibiiloodhaan walitti bu’an kana kaasanii Nama biraa iddoo buusan. Yeroo kana Obbo Sibiiloo Gabaasa Dhiyeessi jedhameef Finfinnee deemeera.
Yoo Sibiiloon dhufu Pireezidaantiin Hojiirraa ka’ee namni biraa iddoo bu’eera. Yeroo kana Mooraan guutuun Obbo Sibiiloon Pireezidaantii hojiirraa ariisise jedhamee Mooraan guutuun oduu waliin gaheera. Pireezidaantiin haaraa dhufe Gaaffii tokko malee Sibiiloof hayyama barreesse.
Sibiiloon Bara 2007 Barnootasaa PHD mata duree
Decentralization and centre-periphery relations
PhD dissertations linked with the project:
Sibilo Keno (University of Basel): Decentralization and the Practice of Regional State in Ethiopia: The Case of Oromia Regional State, 1991-2007
In a second phase (2009-2013), the topic is being further elaborated with a focus on post-conflict settings in Africa:
jedhuun Gara biyya Swizerlaand deeme. Qorannoon isaa Dhimma biiyya keessaa irratti waan xiyyeeffatuuf deemaa dhufaa qorannoo gaggeessa. Kutaalee Oromiyaa guutuu keessa deemee qorannoo isaa hojjachaa ture.
Yeroma kana Sibiiloon Boqonnaaf Gara Biyyaa Magaalaa Dodolaa dhufe. Gaafa Sibiilo ni dhufaa dhageenyu Ani fa’a Mana Barumsaa hin deemu, Naa dabarte jedhee dhaabadhee eega hanga inni Nabira gahutti. Sibiiloon Abbaa Hiyyeessaa ture. Obboleessa kootiin walqixa jaaladha. Kanaaf dhaabadhee eegas.
Maarree hardha Ajaa’ibatu ta’egaa. Anillee barataa Barataa Mana Barumsa Sad.2ffaa ture. Ganamaan mana galutti Obboleessi koo Bilbilee hardha Sibiiloon waan dhufuuf waa irraa fudhu naan jedhee naa bilbile. Mana Barumsaa deemuuf ‘Yuunifoormii’ Mana barumsaa kaawwadhe baafadhee deebi’ee rafe. Saa’aa afur yoo jedhu daandirratti bahee eeguu jalqabe. Saa’atiin 6 yoo gahu ni dhufe. Namoota hedduu hanga bulchiinsa Magaalaa Dodolaa fa’a wajjiin turan, isaaniin dhiisee an Barattoota wajjiin tura jedhe nu wajjiin deeme. Bilbilasaa ol baasee barattoota beektu hunda waami jedhe, Namoota bilbila qaban hunda bilbilee waame, hanga ijoollee 20 geenya. Hundasaaniiyyuu Foon Affeeree, Kan Qalama hin qabne, kan dabtara hin qabne jedhee hundaayyuu fedhii isaaniitiin kaaniif uffata biteefii raabse, “Osoo barataan rakkatee karaa irra deemu ani mallaqa baankii hin kaawadhu ‘jedhe…….
Asuma keessa ilmoo habashaa ollaa inni Finfinnetti Kireeffatee jiraatu takkatu dhufaa huccuu qulqulleessaaf turte. Maqaan ishee Tizitaa jedhamti. Haaluma kanaa itti hiiqxee manattis Ittoo hojjachuufii eegalte. Ittoon ishee ni mi’aawa jedhanii jaju turan.
yeroma kana Abbaan isaa dhukkubsatee gara mana isaa Finfinne dhufe, Mucayyoon tun abbaa akka malee itti hiiqxee gagraarutti kaate, yeroo kana dhoksaa dhaan wani isa wajjiin eegalte jira ture. Isa harkatti deebifachuuf dhagaan isheen hin baanne hin jiru.
Hiriyyootni isaa kana shakkanis of eeggannoo itti laatani. Isheen edaa isa WAA NYAACHIFTEE jirti. Xiqqoo turee itti ka’e. ijji isaa Boora fakkaatte, mana yaalaa irradeeme, Qoricha dhuunfaa wayya jedhame. Anis iddoo tokkoof lama deemee ture. Akkasumatti dhiisee Barnootaaf gara Kabiraa deeme.
Yeroo hundaa naaf bilbila ture. Qorannoosaa fixachuuf dhiyaateera. Garuu Dhukkubichi humna fixaa dhufe. Du’aaf yoo torbaan tokko hafu naa bilbilee ‘TIZITATU Waa Na NYAACHISE” naan jedhe. Rifadhee of wallalle. Sana booda inni Hospitaala seene, Bara 2011 Baarii 8ffaa keessa Addunyaa kanarraa du’aan Boqate.
Haati warraa Tizitaan akkas goote sun Awwaalchaaf guyyaa sana biyya deemtee takka bulteee gara biyya warraa deebitee lixxe, Habashaan Beekaa keenya nyaatte, hardha eessa jirtii ishee hin beeku warri Sibiiloo.
Habashaan Diina, waliif dhaamaa irraa fagaadhaan Dhaamsa Qindeessaa Seenaa kana Abdiisaa B. Jaarraa Finfinneerra.
_____________
Galatoomaa
2 Comments
Nuti Sibiiloon haala kanaan, akkanati asitti nurraa hambisan jennee hin yaanne ture hundaafu biyyoon isatti haa salphattu ammas dacheen oromiyaa Sibiiloo Maliyoonota Oomishuu ittuma fuufti
OBBO sibillo keennoo nammoota seena kan nuuf geetanif galan guddaan isiin fi yaa ta`u.