Seenaa Mohammed Husseen Al Amoudi
Gur 07, 2016
Maqaansaa Mohammed Hussein Al Amoudi jedhama. Abbansaa Hajj Husseein Al Amoudi fi Haatii isaa aadde Weyzeero Ruqiyaa Mohammed Yaassin jedhaman. Abbaansa araba lammii Saudi Arabiyaa yemmuu ta’uu haati immo Habashaa lammii Itoophiyaa dha. Abbaansaa lammii Saudi Arabiyaa haa ta’uu iyyuu, gosnii abba isaa hundeensa biyya Yamanii gosa Alamuud irra akka dhalatee beekamaa dha. Akkaata haadhaf abbansaa wal baran sirritti qoratamee beekamu baatus, seenan tokko tokko akka jedhuuti adde Weyzeero, bara 1943ALA Saudi Arabiyaa magaala Jiddaatti kan mana namaa hojjachaa turtee dha. Adde Weyzeroo mana Haajii Hussein nama jedhamuu keessatti akka qulqulleesitu ykn eegdu ijoollee akka qacaramte hojjachaa turte seenan ni ibsa. Haaji Husseein Al Amoudi haadha mana qabaatus, bareedina intala habasha kana dinqisiifatee safuu gosa isaa cabsee bira darbee intala habashaa kana ulfeesse ture. Maqaa gosa saatu bada waan sodaatef intala habasha kanarra ilma diqaala argachuu waan sodaatef ishee akka biyya ishiitti deebituu dirqisiise. Adde Weyzeroo garaa ulfa baatte Itiyoophiyaatti galte. Biyya ishii Waldiyaatti galuu sodaatte, magaala Dasseetti akka galtee odeefannoon tokko tokko ni ibsa.
Bara 1946ALA mucaan Mohammed Al Amoudi jedhamuutu dhalatee. Mohammed erga dhalatee boodde Addee Weeyzero gara maati ishii magaala Waldiyaatti akka galtu dirqamtee turte. Yeroo mana maati ishii geettu, sobaan akka heerumtte abba ishiitti himattee. Abban mucaa kanas Saudi Arabiyaa akka jiruus himattee turte. Turtii muraasa boodde Weyzeroon mucaa ishii biyattii dhiiste Saudi Arabiyaatti deebite. Iddo ishiin dur hojjechaa turte sanatti deebitee boodde bara 1954ALA, Haajii Husseein Al Amoudi fi adde Weyzeero Ruqiyaa Muhammad walittii dabalamanii wal fuudhan.
Mucaan angafa isaani kan ture Mohammed Hajji Hussein Al Amoudi bara 1957ALA biyya Saudi Arabiyaa abbaasa bira akka geefamu ajajamee. Yeroon sun inni kun waggaa 11 ture. Boodde achuma abbaasaa fi haadha isaa waliin turee jiraacha turan. Giddu giddu dhan immo itoophiyaa akka deddeebi’anis beekama dha. Achitti Weyzeero ijoolle 7 ammas arabtichaaf akka deesse marsaalen garagara ni ibsa. Ijjoolle torban kunnen immoo dhiirota 4(Sayiid, Husseen, Abdalla, fi Saaleh) akkasumas durboota 3(Taayiba, Nuura, fi Fituum).
Mohammed Hussein Al Amoudi kunii bara 1970moota keessa nama qabeenya abbasaa dhaale dha. Abbansaa mootota Saudi Arabiyaa waliin firummaa waan qabuuf, Abbansaa Sanyii mootota Araba Saudii Arabiyaatti lakka’ama. Inni kuniis haatisaa lammii itiyoophiya ta’us, Al Amoudi sanyii mootota arabaa Saudi Arabiyaa akka lakka’amuu ni beekama. Erga qabeenya abbaasaa dhunfatee boodde, inveestara ijaarsa biyya Saudi arabiyaa nama gaggeessa turee dha. Bara 1988 mootumma Saudi Arabiyaa waliin hidhaa gaaza lafa jalaa (underground oil storage) akka ijaarsisuu kontraakta biliyoonan lakka’amu itti kennamee. Innis hidhaa kana erga ijaarsisee boodde qabeenya gaaza biyya Saudi Arabiyaa argamuu hedduunsaa akka isaaf kafalamuu ta’amee ture.
Qabeenya wa’ee lafaa wal qabatee namnii kunii wa’ee qonnaa irrattii nama hawwi qabaacha turee dha. Bara 1980moota keessa biyya itiyoophiya keessattu lafa Oromoo kan diriira ta’ee keessattuu naannawa Arsii, Jimma, Lixa shaggar, Iluuabbaboora fi Baale irratti akka qotatuu hawwi isaa mootumma Dargiitti agarsiisa ture. Garuu yeroon kunii Dargiin Soomaliyaa waliin lolaa waan turteef walii galtee Al Amodi wajjiin mallatteessu dadhaban. Boodde erga Dargiin kufee mootumma Wayaanen lafa qabate bara 1994 keessa MIDROC Itiyoophiya dhaabbata jedhamu banamee ture. Lafa Oromoo kan dur Al Amoud kun hawwataa ture hunda argachuu calqabee. Bara sanattii Wayaanen fi ABO lolarraa waan turteef lafa qonnaaf toluu kanneen kutaa Baalee fi Naannawa Shaggar jiruu yeroof akka hin kennamnee Meles Zenawii ajajee ture. Sababniisa ummatnii kunii qawwee waan qabuuf nuttii ka’aa sodaa waan tureefi.
Mootumichii garuu lafa Oromoo gurguruufi qabeenya Oromoo irratti duroomu waan karoorfataniif. Lafa warqee qabu gurgursiisu calqaban. Yeroo sanattii rakkoon Oromoo wa’ee lafa qonnaa fi bilisumma argachuu waan tureef, wa’ee qotiinsa warqee namnii hubannoo qabuu hin jiru ture. Lafa, bishaani fi garreewwan(Tulluuwwan) Oromiyaa kan warqeen beekkamuu Al Amoudiinitti gurguramee. Galin kanarra argamee immo Wayaanen Qawwee fi meeshaale waraana garagaraa bitachuu calqabdee. Oromiyaa keessa Laftii warqee fi Albuuda garagara dhan beekamuu kutaa Gujii fi Wallagga Lixa dha. Laftnii kanneen hedduunsa Al Amoudin kaampaanisaa MIDROC jalattii kan bitamee dha. Lafa Gujii qofarrattii namnii kunii saamicha warqee fi Meetta kilo kuma 5 waggaan argata. Kunii immo albuuda garagara otoon taane kun warqee fi meetta qofa dha. Gama qarshiitti yoo geeddarree namnii kunii saamicha Doolaara Ameerika miliyoona 190 lafa Gujii qofa irra argataa. Kanumtu iyyuu Gujii keessa iddoo Laga Daambi jedhamtuu qofaa dha. Hanga ammattii namnii kunii saamicha Albuuda Oromiyaa ittuma fufee hojjetaa jira.
Bara Bulchiinsa Abba-Duula sanattii, naannawa Wallagga keessattii Albuuda dinqii ykn dhakaa diinqii(Precious Rocks) fi Warqee tu naannawa kanatti argamee dubbatamaa ture. Bara sanatti Oromoota naannawa kana jiraatu fii gosoota Benishaangul gidduutti akka wal waraanan irratti hojjechaa turan.
Bara kanattii Oromootni naannawa Matakkal hedduunsaani ajjeefamanii turan. Oromootni Matakkal kan baqatanii Mandittii galan hedduu turee kanneen hafaniis jiru. Kanneen hafan immo Afaan, seena fi aada Oromoo mana barumsattii hin barsiisan sababbiinsaa, naanawni Matakkal kunii bulchiinsa mootumma Benishangul Jala galee jira. Ummatnii lafa Matakkal jiraatu Oromoota Wallaggaa, gosa Matakkal akka ta’ee seenaan sirrittii addeessa. Lafnii Matakkaal yeroo kanattii Albuuda warqee ganda Bulaana fi Galeessa keessatti kan qotamuu, warqeee kiilo kuma 2 fi 300 waggaan qotamaa jira. Kunii immoo qarshii Doolara Ameerika miliyoona 86 ol galcha. Qabeenyii kunii ummata Oromoo iyyuu dhiisi ummata Benishaangul kan lafa kana itti kennameef iyyuu bu’aa tokko wantii inni fidee tokko hin jiru.
Al Amoudi kunii akkuma amala isaa saamicha Lafaa fi hora albuuda qabu irra darbee immo Lafa qonnaa irrattii tarkaanfate. Naanawa, Jimma fii Illuuabbaboora keessatti lafa bitachuu calqabee. Urjii Misooma Qonnaa Biyya Saudi (Saudi Star Agricultural Development), kaampaani jedhamuu biyya keenyatti hundeesse. Kaampaani kunii misooma Saudi Arabiyaa maqaa jedhuu biyyaa keenyatti dhaabbate. Wantii kunii waan nama ajaa’ibsiisu dha. Kaampaani guggurdaa naannawa Jimma keessatti Lafa bunaa kan qabu Al Amoudi dha. Bunnii innii Jimma irratti omishuu, kampaani dhugaati bunaa biyyaa Ameerikatti kan beekamu Starbucks itti gurguraa. Akkasumas Naannawa iluuabbaboora lafa innii ruuza itti facaafatu qaba. Arsii fi Baale keessattii heektera kumaataman qaba. Bara 2009 kutaa Arsii keessatti mana barumsaa 3 sadarkaa 2ffaa magaala Itayyaa fi naannawa ishii akka ijaaru ummatan goyyoomsa ture. Kanaan immo Lafa diriira qamadii kan irrattii facaafamuutu kennameefi turee. Mannni barumsaa innii waada gale sanas 1 qofaatu ijaarame. Naannawa Baale keessatti Xaafii facaasuf waanuma wal fakkaatutuu raawwatame.
Kan nama ajaa’ibu kan biras, wayyaanen lowwan fi gaala biyya keenya keessatti horiisiise bulaan keenya irratti kan gibira mootumma hin kafallee fudhatamee Al Amoudiinif ummata biyyaa Saudi Arabiyaaf qalamaa jira. Kaampaani ElFora kan jedhamuu Arsii Lixaatti lafa heektara kuma 4 (Shaallo fi Nettle) isaaf kennamee ture. Lafa kanattii fi lafa Hora Baatuu(Ziway) irrattii, handaanqo(Lukkuu) fi beelada garagaraa irratti horsiisee biyya Jibuutittii daldalchiisa jira.
Namnii kunii saamicha lafa Oromoo irra argatuu kanaan akka sooromaa jiru hubachuun namattii hin ulfaatu. Kana hunda kan saamsisaa jiruu Mootumma Wayaane fi lukkeele OPDO akka ta’ee nibeekna. Inni kunii yeroo ammattiii nama dulloome waan of beekef qabeenya isaa ilma isaa Abdulrahman kan jedhamuu akka irra dhaalu marsaale garagara ni ibsaa. Kanaaf ilmaan Oromoo kanarra ilaale alagaan nurratti wal dhaale nusaamuf waan karoorfataniif nutii isanitti dhammakne of baruu qabna!
Saamichii Lafa OROMOO haa dhaabbatuu!!
Saamichaa Albuuda OROMOO haa dhaabbatuu!!
Saamichaa Loowwanii fi Gaallen OROMOO haa Dhaabbatuu!!
———————————
Barreessa: Naa’ol Abba-Firrisa
4 Comments
Kun aja, ibaa yoo qabeenyii oromo akkanati saamamuu nama aja, ibsisaa
Alamudiin gantuu wayyannee wajjin walii galee ardiillee fayyida qaban hundaof harka galfatee kanaafuu nutii oromonnii tokkummaan omisga iskufiisudhan of harka hagalfannuu
Waanumma namaa ajaa’iibbu
Amma yeroon inni itti wal calaluu gaheera .