• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Waan Jimaan Na Godhe Qottoon Muka Hin Goone!

5 Comments
 25 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Jimaa

Suuraa Jamaal Abbaa-Wajjii

Waan Jimaa Na Godhe Qottoon Muka Hin Goone!

Ani maqaan koo Jamaal Abbaa Waajjiin jedhama. Kanan dhaladhee guddadhe Godina Iluu Abbaa Booraa, Aaanaa Baddaalleetti yommuu ta’u baadiyyaasaa keessa gara daqiiqaa 30 kan deemsisu ganda Qotee Bulaa xiqqoo tokko keessatti.

Egaa mana barnootaa koos kan sadarkaa 1ffaa achuma ganda keenya sanatti baradhe. Yeroo booda akkan kutaa 8 fixeen booda mana barumsaa ol aanu barachuuf gara Magaala Baddallee deemuun dirqama koo ture.

Kun kan ta’e bara 2000 A.L.I dha. Bara sana ani barataa kutaa 9ffaa dha. Mana kireeffannee ijoollee hiriyyaa koo faana jiraachuu eegalle. Ji’oota muraasa booda barnootni afaan ingilizii kun natti jabaataa dhufte. Jiruun koos dhiphinaan guutamte. Anis hiriyyoota kootiin barnoota kana naaf ta’aa hin jirtu anoo galeen buna hundee 5 yoon dhaabe jireenya koo nan jijjiiradha jedheen. Isaanis yaada adda addaa naaf dhiyeessan.

Tokko lakki hin galiin baradhu si gargaarra naan jedha. Kaanimmoo gali maal abbaashee dararamta jedhee garaa na kuta. Silaas hundi hiriyyaa dhugaa dha jettaaniituu? Otuman Kanaan jiru qormaatni giddu galeessaa(mid-exam) nutti gahee dhiphinni koo hedduu dabale. Sanarrattuu barnootni pilaazimaadhaan waan tureef hedduu dhiphadhee ture. Amma ijoollee faana dubbisuuf jennee dabtaraa fi kitaaba guurrannee gara bosonaa deemuuf kaane. Hiriyyoota koo faana yeroo jalqabaaf waliin deemuu kooti egaa. Isaan edaa waan amaleeffatan qabu. Otuma manaa baanee deemaa jirruu mana suuqaa namicha Shamsuu jedhamuu kan jimaa daldalu tokkootti na biraa goran. Anis dhaabadheen ijoolleen kun maal godhuuf deemu jedheetan eega ture.

Yeroo dhufan inni tokko Jimaa hidhaa guddaa tokko akka nama daa’ima hammatuutti hammatee dhufe. Inni tokkommoo Jimaa bobaa jala kaawwatee achii as natti deebi’an. Nan nahe ani takkaa isaanii Jimaa gaafa ganda jirru qaamu argee hin beeku anis Jimaa ofitti butee hin beeku.




Yeroo as natti deebi’an ‘’Haa deemnu maal siif binnu?’’ naan jedhan. Anis homaa hin barbaadu budduuksee bishaanii qabadheeran jedheen. ‘’Har’a egaa barnootni si dide kun akkamitti akka siif galu si agarsiifna’’ naan jedhan. Animmoo garaa kootti Muu otoo mana barumsaasaa narratti ijaartaniiyyuu naaf hin galu jechaan ture.

Yeroo muka baargamoo naannoo Magaala Baddallee keessa geenyu asuma teenyee qayyabanna jedhanii muka guddaa qabbana qabu jala tetteenye. Isaanis Jimaa isaanii lafa kakkaawwatanii miila wal jala dabarsanii ofirra quxuuxxatanii taa’an. Anis kitaaba Baayoloojii baadheen ture isa baneen dubbisuuf yaalaa ture.

Jarri lamaanuu hamma kana kitaaba isaanii hin saaqne.’’Jamaal kan keenyarraa sii qoodna mee kana yaali barnootni siif gala’’ naan jedhan. Anis garaan koo akka barnootni naaf galtu waanan barbaaduuf toolen jedheen. Isaanis irraa qoodanii naaf kennan. Anis nan jalqabe. Otuman jedhuu natti tolaa dhufe. Qaamni kun natti ho’ee gogaan qaama koo qola waan biraa natti fakkaataa dhufe. Dur haasaan jaaladha ture gaafan daqiiqaa 30 afaan keessa kaawwadhee luqquumuu eegalu afaan na sakaalame. Ijoolleen wal ilaalanii natti kolfu. Erga gara sa’a 2 tureen booda hidhii kee kutii gati naan jechuutti ka’e. Jimaa ijoolleen naaf kennan ofirraa fixeen kan isaaniittin ce’e. Isaanis’’miseensi heddummate’’ jedhanii qama’i hanga feete jedhanii ofiin natti butuu eegalan.

Kanumaan achi ture yeroon lafaa ka’u lafti gooba baasee natti mul’ata. Addunyaan kun hundi to’annoo koo harka waan seente natti fakkaate. Kitaaba Baayoloojii baneen fuula 90 akka bubbeettin keessa fiige. Calliseen gaggaragalchaa jiraam. Nan gammade naaf gale egaa jedheen. Edaa jimaan sammuu hin ta’u gowwummaa kooti malee. Xinno turree aduun dhihee horiin warra magaalaa muka baargamoo keessa yaa’ee nutti dhufnaan kaanee jalaa gara manaa qajeelle. Otuman deemuu funyaan koo kun dheerachaa natti dhufe. Nama hundaa gaafa natti adeemaa dhufu maaloo na jalaa turaa funyaan koo isin rukuta jechaan deema.

Barsiisaan keenya kan baay’ee nama sodaachisu barsiisaa Ispoortii natti dhufe jennaan Jimaa akkan qaame narratti baraa laata jedheen lafa dhokadhu barbaade. Akka tasaa kobbee kiisa koo keessaa baasee yommuun ilaalu kobbeen hamma tulluu natti gahe.

Maalifan kobbee koo jala hin dhokadhu jedheen of fuuldura qabee dhaabadhe hamma barsiisaan sun darbutti. Innis dhaabatee na ilaale. Hiriyyoonni koo warran faana oole kitaabaa fi dabtara isaanii bakkeerra facaasanii lafarra gangalatanii fincaan fixatu. Waan deemaa jiru hundi naaf hin galle.

Barsiisaan deemaa dhufee “maal taate?’’ naan jedhe ani garuu maaloo barsiisa gaara kanatti buutu,yoo gaara kana dabartanis funyaan koo isin hin horeessu,ni duutu narraa fagaadhaa jedhee iyyuuttann ka’e. Innis nahee’’mucaan kun sammuusaatu butamee? Maaliif itti kolfitu mana yaalaa haa geessinu’’ jedhe. Anis akkuma sanattan dhaabadhe. Hiriyyoonni koos ‘’takka takka akkas ta’a gaggabdoo qaba yoo fuunee gallee bishaan qorraa itti naqne ni dhiisaan ‘’jedhan. ‘’Toole yoosoo amma fuudhaa deemaa karaarra dhaabdanii nama hin agarsiisiinaa’’ ittiin jedhee deeme. Akka inni nu bira darbeen nutis karaa keessoon qajeelle.

Otoo deemnuu karaa guddaa Asfaaltii Magaalaa Naqamtee gara Jimmaa geessutti baane. Karaan sun galaana guddaa fakkaatee natti mul’ate. Ijoollee hiriyyoota kootiin maaloo hin seeniinaa bishaan isin nyaata. ADARAA RABBII jechaa iyyuun eegale. Namni karaarraa koflaan dhumuuf deema. Uffata koo baasuun eegale daakee cehuuf. Ayii yaa guyyaa Sanaa otoo kaameeraan jiraatee waraabameera ta’ee fiilmii akkamii ta’a seetan. Namoonni dhufanii na sossobanii gara manaa na geessan.

Mana yommuun gahu balbala kana dandahee ol hin seenu ani jedhee jeequuttan ka’e qaamni koo kun hektaara caalaa natti bal’ate.

Ijoolleen humnaan na qabanii manatti ol na galchan. Gaafan seenu ammas manni na jibbisiise. Qaamni koo kun kan wal caale natti fakkaate. Hiriyyoota kootiin maaloo gara miila koo kanatu ulfaate mataan natti salphate jedheen itti hime. Inni tokko akkas goota naan jedhe. ‘’Mataa keetiin dhaabadhuutii isa gara miilaa dhaqe gara mataatti dachaasi.Sana booda nagaa argatta’’. Anis akkan mataan dhaabadhettan bule. Ganamasaa eenyu ol jedhee haa deemu. Safuu waanan gaafas ta’emoo? Sana booda anii fi jimaan waliif toobbata taane.Itti hin deebine. Ijoolleen hamma har’aatti ‘’funyaan koo isin rukuta ‘’jedhe Jamaal jedhanii natti qoosaa hafan. Egaa waan takkaa goonee hin beekne raawwachuun waan takkaa hin beeknellee nu hojjechiisa yaa jamaa. Barnoota koollee nan baradhe.Amma hojjetaa fayyaa ta’een dalagaa jira.

Galatoomaa!

_____

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



5 Comments

gudisa
9 years ago



odeeffannoo gaarii

Badhaasaa Nagaasaa
9 years ago



Seenaa Nama Barsiisudha. Kun Odoo Akka Filmitti Qopha’ee Akkaam Filatamadha. Galatoomi!

jafer lelisa
9 years ago



Garuu maal sobni hammana ga’u?

Asfawu
9 years ago



barumsa gaarii dha. Lammikoo jabaadha akkasumatti waggaa muraasa gidduuttii Afaanicha abbaa Afaan kitaaba danuu gochuu dandeenya.

Iliyaas Adam
8 years ago



Aboo Waan Jimaan Ta’ee Maalitti Beekta Miti Afaan Kee Walitti Qabadhu, Atu Jaamadha.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...