• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Waggaa 256 jiraate Niiti 24 fi Ijoolle 200 ol horate – Iciitii Jireenyaa

3 Comments
 22 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Waggaa 256 jiraate Niiti 24 fi Ijoolle 256 horate

waggaa 256

Li Ching Yuen Waggaa 256 jiraate

Maqaansaa Li Ching Yuen jedhama. Dhalootan lammii Chaayinaa dha. Odeefannoo garaagara irrattii akka barreefamuutti Li Ching Yuen, bara 1677 A.L.A dhalatan. Garuu kanneen guyyaa dhalootasaa shakkan jiraatanis kan irratii walii galan Obbo. Li Ching Yuen lubbuu dheera jiraachusaati. 

Qorannoo gaha irratii xiyyeefatamee hojjetamu baatus odeefannoo bara 1930moota keessa akka barreefameetti nama umrii 256 kan jiraate dha Obbo. Li Ching Yuen. Gartokkeen ummataa Obbo. Li bara 1736 kan dhalate dha kan jedhan yoo ta’u, Gartokkeen immo Obbo. Li bara 1677 dhalatan kan jedhantuu jiru. Gareen lameen kunniin ragaa quubsa qabaachu baatanis kan irratti walii galan guyyaa du’a Obbo. Li bara 1933, Caamsaa 6 adunyaa kanarraa boqachuusaaniti. 

Obbo. Li Ching Yuen, kutaa Siichu’an, aana Chinji’ang keessatti dhalatani yemmuu ta’u, ijoolummaa saaniitin nama barnoota  Chigong(Qigong) irratti nama dandeetti guddaa qabu ture. Barnootni Chigong(Qigong) waa’e humna qaama keessa kan nama barsiisu dha. Sochii qaama fi diriiraa adda adda kan nama barsiisuu fi qaama namaa humna barbaachisuu kan dabaluu dha. Obbo. Lii immo barnoota kana fi dandeetti kana ijoolumma isaatin kan horatee turusaatu beekama. Barnoota ammayyaas kanneen akka Qubee afaan Chayinaa barreessuu akka aada naanno isaanitti dirqama ture. Innis waggaa kudhanitti nama qubee Afaan Chaayinaa qomaan sirriitti yaadachu danda’ee dha.
Bara dargaggummaasaa hanga bara 1749 A.L.A gidduutti daldalaa qoricha baalaa ture. Baala biyyoota garagaraa daldaluuf biyyoota akka Tibet, Taayiland, Viyeetnam, Kansu fi Shansi keessa naanna’u dhan qoricha adda adda gurgurataa ture. Ogumaa kanaan hanga bara 1749 erga hojjetee booda, barsiisaa Karaate ta’udhaan waraana kutaa Siichu’an keessatti dabalame. 

waggaa 256Baruma 1749 hanga bara 1927 A.L.A barsiisaa Karaate fi daldala qoricha baalaa(uumamaa) gurguraa nama jiraata ture dha. Bara 1927 itti suura asii olii kana kan kaafame ture. Suura kana kan kaase ture immo hogganaa waraana kan ture Obbo. Yang Sen dha. Afeeraa masaraa hogganaa waraanatti afeeramee suurichi achumaan kan kaafamee dha.

Jiruusaa keessatti Obbo. Li Ching Yuen, niitii ykn haadha manaa 24 kan fuudhe yoo ta’u ijoolle 200 ol kan horatee dha. Iciitii innii lubbuunsaa hammana dheerachu danda’e gafatamnaan. Deebii gabaaba kan akkas jedhuun deebisee.

Onneen caldhisuu, Akka qocaatti taa’u, akka gugeetti (handarrii) deemu, fi Akka sareetti rafuu. – Obbo. Li Ching Yuen

Iciitii lubbuunsaa haala kanaan dheerachu kan taasise akka barreefameetti, Obbo. Li nama qoricha baalaa fayyadamuu fi nyaata uumamaa akkasumas shaayi magariisaa (Green Tea) fi ruuza qofa kan nyaacha turuusaaniti.

__________

Maddii Odeefannoo: Wikipedia

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



3 Comments

kado
9 years ago



bayyee gariidha itti fufa

Youzrsifi
9 years ago



Ok

Jonse Ketela
9 years ago



Hammam akka dhugaa taa’ee shakkiisisaadha ani itti hin amanuu






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...