Xuurii
~Odaa Gurree-tiin
Xuuriin ganama bariin ka’eera har’a. Yeroo durii caalaa ganamfatee jira. Waqtiin isaa birraa waan ta’eef qorri ganamaa sun fuularraa namatti ”shuuuuu…fuf..fuf..” jedha. Gurratti nama asaasa. Innis fooxaasaa mana hidhaa Jaatootti abbaansaa waggaa dura dhahee harmeesaatti ergeefii funyaanii fi gurratti butatee qooxii isaa mana jalatti ijaarraterraa akka qeerransa mukarraa lafatti utaaluutti utaalee lafa bu’e.
Dhufee cufaa sooyyoma duudaan ijaarame harka loosee danqaraa keessaan harmeensaa galgala looftee cufte banatee mana seene. Yeroo ol seenu haatisaa haati Xuurii abidda gola keessaa qayyoochuuf jecha dibaa dooddotaan kan dibdee ofirra qucummattee garagalchaa jirti.
Haati Xuuriis ”kaatee ilmoo koo?” jetteen. Xuuriiniis hamuummachaa” ee….eeyyee immaa koo!” jedhee itti deebise. Ammas irra deebitee ”har’a yeroon kaateem,korma naa taate jechuu dha!” ittiin jette. Innis deebisee ”ani duraanuu nan dammaqa garuu qooxiin mana jalatti ijaarre kun irraa bu’uusaatu na yaaddesseen ciisa malee” ittiin jedhe.
Haati Xuurii afaan ilma isheerraa fudhattee”Gadi siif butamee haa ijaaramuuree?” jetteen.Innis irra deebi’ee ”lakkii maal ani xinnaachaan deemaa? Ittan guddachaa deemaam,Uffatayyuu keessatti guddatta jettee kan abbaa koof ta’u naaf bitta mitii gabaa sanbateetii?” ittiin jedhe. Haati Xuuriis jechasaa kana kan dinqisiifatte fakkaatti. Ilkaanshee isa aannan fakkaatu kana isarrattuu tumaan ilkaanshee baddeessaa bilchaate fakkaatu ”Basaq” gootee seeqxe.
Barcuma abbaa luka sadii kan ijoollummaasaatti Abbaan Xuurii Xuuriidhaaf muka Dabaqqaa irraa lafa midhaan irraa bineensa eegan taa’ee soofeef ofitti buttee”Koottumee asirra taa’i na bira na yaaddee hin bullee?” jetteen. Xuuriinis”Immaa koo ani yoomuu sin yaadaam garuu waanan guddachaa dhufeef akka ijoollummaa koo yoon sirran taa’a jedhefaa dandeessee na hin baattu jedheen malee!” jedhe.
”Gooftaa koo ani yooman si dadhabe siin jedhee? Gaafa ati fuutu qofan si baachuu dhiisa anoo…” ittiin jettee innis barcuma sanarra taa’ee gudeeda haadhasaarra gadi jedhee mataasaan ciise.Haati Xuuriis rifeensa Xuurii qaqqabaa takkas akka hooquu,al tokko tokkommoo injiruutti eegalte. Yeroo kana Haati Xuurii yaadaan baddeetti. Mucaanis harka harmeesaa kana ofirratti dhaggeeffataa foolii wandaboo harmeesaa kan ijoollumaasaarraa kaasee beeku kana suunfachaa hirriba ho’aasaa keessa bade.
Yeroo isheen galaana yaadaa daakte keessaa”binin” jettee dammaqxu Xuuriin hirriba dhugaa keessa seenee kurruufaa jira.Gororri Xuurii hirriba keessa otoo of hin beekne wandaboo harmeessaa looxxessee jira.Isheenis suuta jettee boquusaa akka hin haqaaqamneef gar tokkotti nannessitee erga ofirra ciibsiteen booda Itillee duubashee dadacha’ee taa’u harka tokkoon hiixattee ofitti gototte.Itillee sana akkumasaatti erga diriirsiteen booda Xuurii akka dilbaa ulfaatu kana midhaan birraa quufee waxabshaa ta’eeru humnaan geessitee Itilleerran geesse.
Yommuu gara abiddaatti as deebitu ibiddi isheen sila qabsiisuuf saaqxee turte dibaarraa dhaamuuf xiqqoo tokko”bil..bil…billic..” jechaa jirti.Ani badeera otoon mucaa gowwaa kana gangalchuun abidda kana dhaamse jechaa ofitti guumgumaa caccabaa (hurraa) qoraanii fofottoksitee qabsiisuuf afuufuutti kaate. Xuuriinis hirriba isa du’aa keessa seenee jira. Daqiiqaa muraasa booda abiddi isheen qabsiisaa turtes dirrisee mana keessa guca fakkeesse. Xuuriinis ho’a abiddaa dhaga’ee hirribasaa keessaa hihhiixachuu eegale. Haati Xuuriis ”Xuurishaa…..Xuurii….Xuurii koo…”jechaa sagalee jaalalaa fi marartoon si’a sadan arfan tokko erga waamteen booda dammaqee ol jedhee Itilleerra diriirfatee taa’e.
”Ati eda otoo hin rafiin bulte mitii?” jettee itti dubbattee.”Lakkii Immaa koo anoo rafeera garuu harki kee gaafa rifeensa koo naaf qaqqabduu fi injirtu iddoo ciisichaa gaarii caalaa natti toleetun rafe malee” ittiin jedhe.Toole dhala koo maal abbaa koon siif godha jetteetu otoo toleewoo akkas hin turre egaa carraa keetu gaarii miti anuu sii jira hiyyeettii ta’us sin guddifadha akkumasaatti ittiin jechaa imimmaan harcaasuutti kaate. Imimmaan Haadha Xuurii dhim’uu manaa Utubaa manaarra gadi konkolaatu kan fakkaatu ”kolol” jedhee maddiishee isa tumaansaa sararamee morma jalatti wal gahu kanarra tumaa kan birraa fakkeesse.
Xuuriinis iddoo taa’uu utaalee ka’ee…”Immaa….Immaa….Immaa koo maal taate?” jechaa fiigee dhaqee ofitti hammatee qabe. Imimmaanshee Kittaa Xuurii dool’esse.Innis sossobee waan isheen taate gaafatus deebiin ishee ”homaa hin taane calliseenii” qofa ta’e.Furrii fudhachaa bishaan Xuwwee dhiqannaaf bitatte kan supheerraa hojjetamte yeroo maraa abidda gajjallaa teessutti bishaan ”Laph” godhattee fudhattee boroo manaan baate.
Kutaa lammaffaan itti fufa……Yaadni keessan kutaa itti aanu jabeessuuf na fayyada.
14 Comments
Wow Dhugaa baay’ee Namati tola seena ijjoolumma Nama yaddachisa wow qalamni kee haa migirsu!!!
guddaa galatoomi nama barsiisaa see naa baayyee nama yaadachiisa kutaa 2ffaa saa abdiin si eegna
Baayyee nama gammachiisa…wal qabatni jechoota fayyadamtee gaariidha. Sirna tuqaalee hunda fayyadamuuf yaalii. Irra deddeebii jechoota Tokko tokkoos qusadhu. Kutaa ittaanu si’aayinaan eegna.
bay’ee namatti tola adaraa addaan hin kutina hawwidhaa sin eeggana .
Xalayyaa jaalala kana heroine baay’ee hodofa beekumsaa danuus argachaa jira jabaadha rabbii siin haa eebbisuu. keessuuma Asoosama Xuurii kana abdii fi
[…] XUURII – Asoosama Gabaaba Kutaa 1ffaa […]
Galatni kee salphaa miti.
baay’ee namati tola galatomi!!!!!!!!
Jabaadhu,ati sabboonaa oromoo aadaa oromtichaa sirriitti beekudha.
seena ijoollumma nama yaadachisa jabaadhu
jabaadhu lammii koo galanni kee kuma kuma seenaan si yaadataa…………….kun yaada kooti kutaa itti aanuuf jabina kan siif tahu uumaa saba oromoon siif kadhadha
Qalamnii Lee yaa mirgisuu itti nuuf fufi
Wow baayee nama tti tola
namatti tola