Xuurii Kutaa 2ffaa
~Odaa Gurree-tiin
Haati Xuurii cufantaa boroo manaa bantee yommuu gadi baatu bokkaan birraa halkan akka tiifuu ta’aa bule boqqolloo isheen urgooftuu dibataa fi nyaataa kannneen akka qoddoo, kusaayee, kefoo, qullubbii adii, qullubbii diimaa fi kkf keessa tokko tokko dabartee akka ilkaan kaarruu fakkeessitee sussuuqxee ture kan amma guddatee dhukni mukasaa utubaa manaa fakkaatu boqqolloonsaa akka guntuta durbaa reef saalfattuu achi jedhee qara babbaasee dhaabatu irraa gadi coccophaa jira.
Isheenis takka dhaabattee ijaan boroo manashee ilaaltee asiif achi erga ijaan rukutteen booda xuwwee harkarraa qabdu lafa dhooqsitee hojjetattee ture keessa keessee ammas ol jettee garaa samii keessa ol ilaaltee ”Yaa Waaq kan koo kun maalii?, Carraan maatii kanaa maalii?, Carraan duudaa kanaa maalii?, Carraan Abbaa Xuurii jaamaa duudaa waan hin beekneef qabamee waggaa hamma kana otoo dhalasaa hin agarre Jaatoo keessa jiru kun maalii?, Atis warra abbaa yeroo fi abbaa humnaa waliin namatti dollottaa?, Imimmaan koo yeroo hundaa lola’u kun yoom qooraa?” jettee kadhatte takkas imimmaan ishee lolaasaa ofirraa hammaartee gara Samiitti facaafte.
Ammas”Eeyyee….ani bara baraan…nan boo’a…..hundasaa sumattan dhiisa!” jechaa dhiqachuuf ofirra gadi teessee bishaan fudhattee baate sana harka tokkoon budduukfattee harkashee tokkotti naqachuuf yommuu jettu waa agarte.Fuuldurashee baala buqqee(dabaaqulaa) kan as dagaagee achi dagaagee bosona Baalee fakkaatu kan lafarra lo’ee dhufee mana bira gaherra dhoqqee faana namaa fakkaatu kan fuulduraa fi duuba ejjete agarte.
Bishaan harkasheerra gadi dhiiftee lafaa ol kaatee faana lamaan sana otoo irra hin ejjetiin cinaasaa ejjechaa faana dhahuutti kaate.Yommuu baala dabaaqulaa sana bira dabartee jettu ammas kan lafa qonnaa keessa miila guddaadhaan hodhoggeessee kutee fuudhe agarte.Haati Xuurii naasuu guddaadhaan liqimfamte.Itti fuftee faana dhayuuf humna dhabdee ”Xuu…..Xuuu….Xuuriii** jechaa sagalee addaan ciccitaa kan humna dhabeen waamte.
Xuuriiniis yeroo haatisaa waamtu fiigichaan garashee dhaquu waan jaalatuuf fiigaa boroo manaan bahuuf yommuu jedhu,qiinaaxxii manaa kan galbii jirurraa saagaa(sutaan) asii ol sutame mataa Xuurii keessa waraane.Xuuriinis mataasaa qabatee ”Aa..aa….aaaa…a’aa” jedhee otoo afuura hin baafanne ofirra gadi taa’e. Haati Xuuriis isa faana dhooftu dhiiftee ”Wayyoo dhala koo sin nyaadhee? Isa siif dhufe anaaf haa godhu kaa,hiyyeettii koo hambaa du’aa koo” jechaa fiigaa yommuu achii as fiigdu isheenis miillishee baala dabaaqulaa keessa seeneee yommuu ol fudhachuuf jetti hiddi dabaaqulaa xaxeenii fuulduraan baala keessatti lafa dhoofte.
Xuuriinis dabareesaa dhukkubbiisaa keessaa rifatee ka’ee”immaa….immaaa…..haftee?” jechaa fiigee dhaqee akka waan dandahee lafaa kaasuu ol gototuu eegale.Isheenis ”mee turimee afuuran fudhadha ofii keefuu duutee oolte ati irraa haftee? Mataan kee si dhiigee ? Memmee fidimee siifan ilaala” jette achuma ciiftee. Inni hojii haadhasaatti kolfaa”Yaa immaa koo hojiin kee yeroo maraa anaan hedduu na ajaa’iba isa ofiikee du’aa jirtu dhiiftee waa’ee koof dhiphatta.Amma otoo dandeesse du’afaarraa na oolchuu feete mitii?” jedheen.
Haati Xuuriis”Silaawooree ani haati kee rakkina kee arguurra awwaalamuu naaf wayya!” ittiin jette. Innis ”Ka’i egaa Immaa koo waan na waamteef natti himi” ittiin jedhe.Mee gara godoo jabbootaa,sangootaa fi kan kottee duudaan itti galan sana hundaa fiigiitii ilaalimee,baniitii akka horiin hundu jiru ilaali jetteen.Innis maaliif naan jettellee otoo hin jenne gara mana balbalaatti fiigee naanna’ee deeme.Akka isheen jettetti mana sadansaa banee ilaale.Yommuu mana sadaffaa banee jedhu sangoota cimdii toorba (Sangoota 14) keessaa sangaan tokko hin jiru. As deebi’ee ”Immaa….Immaayyee…..banneerra….uuu…..uuu…” jechaa….
…. KUTAA 3FFAA ITTI FUFAA!
Asoosama Xuurii Kutaa 1ffaa dubbisuuf hidhaa kana tuqaa (https://xalayaa.com/seenaa-fi-aada/xuurii-asoosama-gabaaba-kutaa-1ffaa/)
6 Comments
[…] XUURII – Asoosama Gabaaba Kutaa 2FFAA […]
[…] XUURII – Asoosama Gabaaba Kutaa 2FFAA […]
namati tola
Gaariidha. Anilleen Asoosama Gabaabaa IMIMMAAN jettu barreessee xumureera. Yeroo dhiyootti ittiin wal agarraa
baayyee namatti tola qalamnii kee hin gu’in sin jedha.
Aoosama bareedaadha