Xuurii Kutaa 3ffaa
~ Odaa Gurree-tiin
As deebi’ee “Immaa… Immaayyee… banneerra…uuu…uuu…” jechaa…. Mataa qabatee takka harmee isaatti fiigaa takkaammoo gara karaatti gadi fiigaa iyyee lafa balleessuutti ka’e. Haati Xuurii akka naasuu haa ta’u aarii ” Gurbaa Xuurii mataa qabatee Ayyaanni Abbaa koo sitti haa iyyu yoom sirriitti ilaatee iyyitaa? ” jettee iyyasaa addaan isa kuchisiifte.
Kana gidduutti jiraattonni ganda sanaa ykn ollaan buna waliin dhugan yeroo maraa gara mana Haadhaa Xuuriifaa kanatti gurra qeensanii dhaggeeffachuu hedduu jaalatu. Ollaa fi dugdaan lafa ka’u jedhama mitiiree? Abbaan Diinkolaas gaabii isaanii isa weeca fakkaatu abba dhuqdhuma jahaa lafarra gototaa fiigaa ”maaloo maaltu dhalate dhala koo haadha Xuurii koo….maaltu na jalaa qe’ee kee seene…” jechaa dhufan.
Haati Xuuriis ”maaloo Abbaa Diinoo koo gadi na qabaa!” mee dura adda baafna mucaa kanatu horii ilaalee tokkon dhabe jedhee iyyeem jette. Mee horii kami jedhee gaafate. Godoo gatiittii koo jette. Sangoota ishee gatittii jettee waamti. Maarree otoo sangaan hin jirree maaliin jiraata qotee bulaan.
Abbaan Diinkolaas gara godoo sangootni itti galtuutti miila fudhachaa quqqufa’aa qajeelan. As deebi’anii….” Ee…ee….yeee haadha Xuurii koo waan shakkite qabdamoo maaliif ilaali jettee?” Namni keenya shakkii jaalata mitiiree?. Haati Xuuriis mee naa ilaalaa as deebi’aa waanan isin agarsiisutu jira jette.
Abbaan Diinkolaas ol seenanii yommuu sangoota lakkaa’uuf jedhan sangaan gurraachi guddaan maqaansaa ”Gurree” jedhanii waaman Abbaa Diinkolaas irratti gaabii adii gaafa argu akka nama seexana ijaan argee ta’ee urgufamee dhufee jaarsa guddaa kana ol fuudhee qinaaxxii manaatti rarraase. Abbaan Diinkolaas” Dhaadachaa….eessa abbaa keetti….maal isheen sangaan badduun….” jechaa dikee horii keessa gaabii darbatanii gangalachuutti ka’an.
Haati Xuuriis alaa ulee galgala Xuuriin balbala godootti hirkisee balbala cufee dhiiseeru fudhattee ol galtee uleedhaan sangaa gurraacha irraa ariite. Kana keessa jaarsi lafa ciisanii maaloo hunda gadi yaasi narraa natti deebinaan du’uu kooti jedhan. Haati Xuuriis qosoqqostee hunda yaaftee balbalarra dhaabatte lakkoofte. Sangootni hunduu jiru. Mucaan sangaa ciise hin agarre ture.Warruma dhaabatu 13 argee naasuun biyya jeeqe.
Abbaa Diinoo koo gaatiittiin koo jira jettee ol fiigdee jaarsa qaamni dhoqqee ykn faltii horiin bulbulama itti maramtee. Jaarsis achi ofirraa qabaa mee achi jedhimee baga waaqni iyyaa fi iyaafata nu oolche abbaa koo. Amma otoo hataniiru ta’ee faanni badeera yoona bokkaan barii kana roobde faana balleessiti jedhan.
Mee ooltanii…irraa haftanii sababan isinitti ta’e mitii jaarsa koo jette Abbaa Diinkolaasiin. Isaanis lakki sangaan kee kun duruu lafan horii tiksuttillee lafarraa na jibba budaa anarraa isa ciniinen wallaale jedhan. Mee koottaa kaa dhaqeen waanan argen isin agarsiisa ittiin jette.
Toole jedhanii Abbaan Diinkolaas sangaan isaan miidhuu hin oolu dhidhiibbachaa ulee isaanii qal’oo mimmixa caalaa diimattu kan qaqamtee qinaaxxii manaatti suuqamtee aara quufte sana kan halaalaa waan dhadhaan luuggatan fakkaattu itti rarra’anii duuba haadha Xuurii qajeelan.
Isheenis mana boroo naannoftee faana sana mana lafa agarterraa kaaftee itti agarsiifte. Isaanis gadi jedhanii taakkuu quba isaaniin safaranii gaafa ilaalan yoo xinaate taakkuu tokkoof walakkaa ol ta’e. Harki Diinkolaas nama naannoo sanaa keessaa hamma kan isaanii kan gahu hin jiru. Ijoolleen akaayii isaan al takkaa hammaaraniifiin guyyaa guutuu saawwa tiksaa oolti osoo afaan boqonnaa hin argatiin.
Abbaan Diinkolaas ol jedhanii waan kun waan cimaa fakkaata. Mee hamma dallaattan faana dhayee ilaala jedhanii faan-dhayii itti fufan. Yommuu mooraa jala gahan maagaraa dallaa sanaatti dhoqqeen faalee kan yaabbatee bakkeetti utaale argan.
As deebi’anii lakkiimee waan kun warra Ollaas,warra ulees,warra abbaa lagaas, warra afooshaas waamnee yeroodhaan faanni kun haa dha’amu jedhan. Abbaan Diinkolaas tokko dubbatanii kumaatama dhageessisan waan ta’aniif gara mana Abbaa Dhiig’deebisitti adeemsa isaanii godhan.
Mana Abbaa Dhiig’deebis boroo daangaa lafa qonnaarra dhaabbatanii asii gadi waamaa jiru……
…. KUTAA 4FFAA ITTI FUFAA!
Kutaa 2ffaa: ( Hidhaa kana tuqii)
6 Comments
bayyee namatii toolaa
Jalqaaba issa baay’ee gaarii xumuura isaas kana akka ta’uun hawwaa
Guddina haarka Abadiinkolaas haammaarraa akaahiisaanii tokkon ijollen guyyaa gutuu tiksaa oltii osoo afaan boqqonnaa hinargatiin: ) ajaahiba baayye namatti tola galatomaa
Orommoo aadaa orommoo beekudha ati
Bay’ee namattii tola. Kutaa itti anuus abdiin egnaa.
kutaa 4ffaa hadaraa itti fufaka