• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Giiftii Gidiramtuu Akkoo Manooyyeen Wal Baraa – Afoolaa

0 Comment
 30 Apr 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Akkoo Manooyyee

Mana samii gadii lafaa olii naaf ijaara! – Akkoo Manooyyee

Giiftii Gidiramtuu Akkoo Manooyyee Wal Bara

Bar-durii, giiftiin biyya bulchitu, maqaan ishee Akko Mannooyyee jedhamtu tokkotu ture. Giiftiin kun uummata garmalee rakkisaa turte. Namni hundumtuu odaa jalattii walgaa’eeti waaqayyoon galgalaa ganama harka isaanii gara samiitti olkaasanii yoo kadhatan, “yaa waaqi, giiftii gidiramtuu kana nurraa buqqisi” jedhanii kadhataa turan.

Gaaf tokko, uummata walgayii waamtee, “namoota gabaaba ta’an mara akka fixxan” jettee labsii (ajaja) dabarsite. “Maaliif?” jechuun uummanni ishee gaafannaan, “aangookoo keessa galanii waan jeeqaniif meeshaa waranaa qabdan hundaatti fayyadamuun balleessaa” jettee ajaja dabarsite. Ummannis sodaachuun namoota gaggabaabaa fixanii, gabaabaa tokkicha qofa odaa jala dhofkatan.
Akkoon Manooyyee erga kana raawwachiifte booda, otoo deemtuu kanniisni ishee hidde. Achuumaan galtee, “gaagurafi kanniisa” lafa kana irra akka balleessitan jettee labsii dabarsite. Uummannis namicha gabaabaa mala akka himuuf dhofkatan san mala gaafatan. “Mucaa isheetifi  isheef damma laadhaa!” jedhee uummata gorse. Uummanni akkuma gorfameetti damma hoggaa ishiif laatu “Gaaguraafi kanniisa hin xuqiinaa” jettee labsii duraan kennite diigde.

Yeroo gabaabaa erga turtee booda, uummata yaa’ii waamte. Uummanni yommuu walga’u, teessoo ishiirraa kaateeti “Manan itti boqodhu samiif ardii gidduutti atattamaan akka naaf ijartan,” jettee uummata akeekkachiifte. Sana booda, uummanni gara lixu dhabe. Niyaadan, nidhiphatan, waan godhan wallaalun namicha gabaabaa san bira dhaquun mala  gaafatan. Namichi gabaaban sunis akkas jechuun gorse.

“Akka aadaa keenyaatti utubaa abbaatu dhaabbata, kottuu dhabbadhu; isarratti hundoofnee  siif ijaarra” jedhaniin. Isheenis, utubicha dhaabuuf yaalte, garuu ta’uu dide. Kanaafuu, ajaja kanas diigdee ajaja biroo dabarsite. Ajajni kan biraanis akkana jedha ture: “Tuulluun gamasii sana biyyoota bulchu ilaaluu waan nadhooweef tullicha diriirsaatii dirree taasisaa!” jettee ajaja dabarsite. Ummaannis gorsa namicha abshaalichaa irratti hundaa’uun  yeroo ishee hirribni fudhate balbala cufaatii karaa tulluun hin mullanneen balbala baasan. Barii yeroo kaatu gama ishii yoo laaltu dirreen itti mullannaan, “ajajnikoo amma kunoo fiixaan ba’ee”, jettee gammadde.

Qajeelfamni ishii kun darbee yeroo xiqqoo erga turtee  booda, uummata walitti qabdee, “biyyakoo  ilaalee waliin ga’uu waan dadhabeef, bineensa gafarsa  jedhamu qabaa fidaaatii kooraa itti naaf fe’aa” jettee ajajje. Uummannis mala barbaada nama gabaabaa sana bira dhaqan. Namichi gabaabanis akkas jedheen: “Waaqayyo furmaata isiniif kennuuf” jedheen. “Akkamitti?” jechuun gaafatan. Namichi gabaabanis akkas jedheen,”funyoofi shiboo qopheessaatii gara bosonaa deemaa gafarsa marsaa qabaatii akkuma isheen jettetti kooraa irrattii fe’aafii. Achuumaan ishees irratti jabeessaa hidhaa!” jedheeti uummata gorse. Uummaannis akkaatuma gorfameen gafarsa qabuun irratti ishee hidhe. Daandii isheen irra deemtu irratti darbee darbee boolla waan tureef gafarsichi otumaa deemu boolicha yoo lixu, rifatee utaalee ba’uun Akkoo Manooyyee fudhatee bosona keessa bade. Yeroo kana, ishee kuffisee lafarra harkisee allayyaa buusuun lubbuu ishee dabarse. Uummannis sana booda nagaa argatee jireenya haaraafi gaarii jiraachuu jalqabe jedhama.

Afoolaa Xalayaa.com

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017





Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...