• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Lammiin si gaafata! Diraamaamoo fiilmii, Akkamiin amanna? – Walaloo

14 Comments
 15 Feb 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Walaloo

Lammiin si gaafata! Diraamaamoo fiilmii, Akkamiin amanna? – Walaloo Abbaa Lataaaf

Nagayaan boqadhu!
Ni boqatte jedhu
Dhugaadhaa? Abbaa Lataa
Amanuu dadhabee
Lammiin si gaafata!


Diraamaamoo fiilmii
Akkamiin amanna?
Ciistee hafte jedhu
Dhibee si mudate
Mee eenyuun gaafanna!?


Saba si jaallatuuf
Maa Garaa jabaatte?
Halkan dukkanumaan
Kan deemtee fagaatte!


Nama umurii guutuu
Aadaasaaf jiraate
Aartii isaa guddisuuf
Dabarsee of laate
Akka Nama tokkoo
Qixxee namaa duute!


Garaa jabeettittiin
Duuni maal saalfatti
Cimaa akka keetiis
Isa yaraas nyaatti


Si dhukkuba jechuu
Ani homaa hin dhageenye
Niboqatte jennaan
Amanuu hin dandeenye!


Egaa ati hin deebitu
Tarii nutu dhufa
Guca ati qabsiiste
Ifee itti fufa


Dhalachuufiin duuni
Wal qixxee jiraata
Garuu kankee kuni
Garaa nama nyaata!


Atis kunoo egaa
Qixxee namaa ciistee
Diraamaafiin baacoos
Hundumasaa dhiistee !


Lubbuukeef jannata
Maatiif jajjabina
Nuyis sabni keetii
Siin dhabuuf gaddina!

________
Barreessaan walaloo

Roobeeraa Hinsarmuu
Yaadannoon Abbaa Lataaf.
Thanks for the beautiful poem!
Xalayaa.com

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



14 Comments

Dassaalany
9 years ago



Goota aadaa lammiif jiraate. Biyyoon siif haa salphattu. Seenaan bara baraan si yaadata. Garuu du’a isaa amanuu hin dandeenye. Miidiyaan tokkollee waa’ee isaa dubbachaa hin jiru. Badii maal qaba?

Redwaan Jemaal
9 years ago



Baayyee baayyee tokko nama gaddisiisa worra isaatiif ummata oromoo hunda jajjabina hawwaa abbaa walaloos nuu jiraadhu bakka isaa nu bu’ii siin jiraadha

GADDISA GIRMA
9 years ago



biyyeen itti haa saalpatu lubbuu isaaf jeenata maatisa jajjabinan hawwa

Abdi
9 years ago



Maatii isaa fi Uummata oromoo guutummaaf jajjabina hawwina!

jambare guutuu
9 years ago



biyyeen itti ha salphattu goota aadaa keenya

Jireenyaa Namarraa Taalgaa
9 years ago



Nan na dhibeera kun akkamin callisuu duuti Admaasu akkam akka dhokatu midiyaan kamuu hin ibsu, fb qofaa waa’ee isaa an ibsu=====//=====//=== //

    Tamrat Hussen
    9 years ago



    Maatii isaatii fi Uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwa!!!!!!

xiyyoo sabasaa tokkummaa
9 years ago



gaddine akka malee
abbaa lataa dhabne
hayyuu keenya coollee
garuu hojiin jira
boodallee fuuldura
lubbuun haa boqottu
abbaa lataa hayyuu lammiin jaalattu

motishifara
9 years ago



RIP!!!!!!!!biyyeen sittii haa salphatu!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

Motuma Chalchisa
9 years ago



Baay’ee Namatti Dhagahamaa Dhugaadha

Tamrat Hussen
9 years ago



Maatii isaatii fi Uummata Oromoo maraaf Jajjabina hawwaaf!!!!!!

keebar
9 years ago



Baay’een gadde waanan jedhuun wallaale biyyeen itti haa salphatu

Gaaddisaa kabbadaa
9 years ago



baayyee nama gaddisiisa.ta’us garuu maal ta’e du’u danda’e dkukkubaa ture? quba qabddu

Ifaa seenaa sammuu
9 years ago



Miidi’aanillee kan kee calluma jette; cubbuu oromoon hojjete wallaalle; tigireedhaaf ji’a tokko ululleen afuufama; qaanqee og-barruu ati qabsiisteef qeerroon oromoo yeroo mara si yaadata! lubbuu keef jannatan hawwa; lammiikee ummata oromoo maraaf jajjabinan hawwa!






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...