Beenu Sin Gabbaruu
Waraansa jecha namaa waliin dabarsinee
Nuti addaan hin baanu jennee wal abdannee
Hiriyaa jaalalaa walfaana kan kaane
Addaan osoo hin bahin kan waliin guddanne
Hololaaf hamiidhaaf iddoo kan hin laanne
Rakkoof dararama waliin dandamannee
Kunoo hanga har’aatti kan waliin jiraanne
Har’a maaltu dhufnaan addaan ba’uuf kaane
Waan hedduudha ture kan waliin dharraane
Maalin godha garuu akkan yaade hin taane
Ija mararteedhaan yeroon si ilaalu
Addunyaarraa dhabeeni sirra kan naaf caalu
Siin ala eenyuree kan dhibeekoo yaalu
Osoo kana beektuu maalif na darartee
Jaalala mi’aawaa seenaa maaf taasistee
ofiikee filattee naan kophaa koo hambistee ??
Akkatti na jaallatu sana yemmuttiin yaadumee
Isati na masiftee naan jettu
“Wąąqumęę”
Har’a jaalallikee sun dafee maaf dhumee?
Hin gowwoomin maaloo qabeenyi fixeensa ganamaatii
Uumama kamiyyuu kan walitti hidhu jaalala dhugaati
Ganna dabarsanii birraatti tarkaanfatu
Jaalala jalqabanii dhuma rabbiin kadhatu
Rabbi kan naaf kaa’e kankoo nan dhowwatu
Mee dhumakeen arga sichillee hin goyyoomuu
Cubbuun jaalalakoo sin gadhiisin yoomuuuuuu..
ofit si harkisee humnaan sin dararuu
Karaan dugda hindaaqqoo beenu sin gabbaruuuuuuu…
→ Imimmααn koo seenαα siif hααtα’u…!
→ Seenααnkoo yααdαnnoo siif hααtα’u…!
→Yααdαnnoonkoo gαlαα jireenyαkee siif hααtα’u…!
ßye♥! ßye♥! ßye♥!
Walaleessa: Addeessoo Etana Moodo
Hub: Barreessaa walaloo kanaa hin beekamu waan ta’ef abbaan walaloo kana barreesse erga gama keessoo dhan nuuf haa barreessu! Abbicha walaloo kana beekamtii fi hamileesaatif walaloo kana jalatti barreessinaa!
12 Comments
nuuf jajabadhu!
Baay’ee gaariidha
galatooomi Naa’ol
JAJJAABADHU
JAJJABAADHU
Jajjabaadhu Jajjabee Koo
Jabaadhu galanni kee bilisummaa haa ta’u
namatti tola jajjabee koo
wowwwwwwwwwwwwwwwwwwwwwwwww!
qalamnni kee hin gu’in
Horii buli.
Ajaa’iba