• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


[Walaloo Ajaa’iba] Dhabee Bituu Hin Wallaalle Jaalala Keetu Nattii Caale

22 Comments
 09 Feb 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Siwaliin

Kophee obbo. Naa’ol Abba-Firrisaa

Naa’ol Abba-Firrisaatin

Siwaliin gubadhee
Siwaliin dhiitamee
Waliin fiigne
Waliin cabnee
Nattii rarraatte
Aniis sittii rarra’ee
Nattii maxxanttee
Aniis sittii maxxanee
Hin ulfaatta jettee nan ceephine
Ba’aan koo sittii tolee
Siwaliin mixii biyyee nyaachisee
Udaan sareefi kan nama waliin ejjanne
Laga 9 waliin dabarree
Iddo cubbuu fi tola hunda waliin imallee
Qoree fi gufuu hunda tarkanfannee
Waraanamne miidhamnee
Iciitii keenya waliif dhoksinee
Waldhabna jenne tasaa hin yaadne
 
Harra immo sidhiisuf karoorfadhe
Kolfa fi qosa hiriyoota kootu nattii caale
Si jibbeeti mitii ufiif yaade malee
Tarsaa keetu nama natuffachiise
Waggaa bayy’ee wajjiin jiraanna se’ee
Qarshii koo hunda sirrattii dangalaase
Si didhiibee
Dhadhaan si bareeche
Dhibaati hundaa bitee sittii laaqe
Namaan uf qixxeesuf si dhiqee
Si miichee si bareeche
 
Waggaa baayyee waliin jiraanna jedhee abdadhee
Warrii sigurguran na amansiisani si bitadhee
Kaleessa gabaa oole
Qalbiin koo na dhaabbatee
Si dhiisee kan biraa ilaale
Isa sicaalu argadhee
Kan dubrumma qabu argee
Kan takka hin tarsaafne
Kan gandarraa hin deemne
Kan urgaan ishee shittoo chaalu
Kan ijattii namattii toluu
Kan baraaf furguggee nawaliin dabarsituu
 
Hin gaddiin nattii
Galata kee hin dagadhuu
Ammaaf immoo nagaattii
Barrii hin darba
Aniis si darbeera!
Walaloo Barreessa: Naa’ol Abba-Firrisaa

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



22 Comments

hawwen
9 years ago



walaloo kee kanaaf galatomi jabadhu.

    singitantesfaye
    8 years ago



    namatti tola

    Muzemil Buliyo
    5 years ago



    Baayee gaariidha

Kiriish Abdulmanan
9 years ago



Baay’ee Isin Jaallanna Nagaan Nuuf Jiradhaa

beekaan Ayansa
9 years ago



Nuuf jiraadha dhaloonni qubee qalamni keessaan hin dhumiin

Hambisa
9 years ago



gaariidha,galatoomi.

jonse ketela
9 years ago



Horii buli nuf jiraadhu fira koo

Abdisaa
8 years ago



Dhugaa Qabdaa

jara
8 years ago



Akkam namatti tola silaa!!!

diriba yadata
8 years ago



baayyee baayyee gaariidha walaloo kee kana buusee hiriyaa koo durii amma jibbeef ergeera. Dammituu Buzunaa Ingidaa jedhamti.

mohammed khazali
8 years ago



baayee namatii tolaa nuuf jiradhaa lamii

ashe
8 years ago



qalamnii kee hin dhumiin galatoomi afoola keenyaa waliin haa guddifnu jabadhu!

Gutama Daba
8 years ago



Heedduu natti tolee jabaadha itti fufaa, anis jaalallee koo oromiyaadhaaf walaloo akkan barreessuu abdiin qaba. jajjabaadha. biiftuun dhiitee baatuun hin ooltuu.

Gebissa Ayela
8 years ago



Dhugaadha baayyee namatti tola. Isa hubatee dubbiseefis barnoota gaaridha. Ulfaadhu

BORIFAN ELIAS
8 years ago



WALALOO KEE HEDDUU NAMATTI TOLAA DABALIMMEE

SANYII GOOTAA

MULUGETA
8 years ago



walaloo kee hedu namatii tolaa gara fulduratii kan cala itii qophestee yada ijoo fi bilichata saba oromo bonsuu akka nuf baresituu abdii waqara qaba

g man
8 years ago



dhaloota qubee qalamnike akka gaaritti sif ha mirgisu!

nuha beekan gadaan
8 years ago



bareedaadha namatti tola.

terefe zeleke
8 years ago



jabaadhu jajjabe!qalamni kee hin gu’iin

amena
7 years ago



heddu galaatomii

Ramata
6 years ago



Baay’ee namatti tola!

Abdi Tamiru
5 years ago



haala ajaa’ibaan namatti tola kana malees nuuf barreessaa!!!!!!!






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...