• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa eenyu dha laata?

20 Comments
 03 Jul 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Dr. Gurmeessa Hinkoosaa eenyu dha laata?

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa eenyu dha laata?
Gammadaa Olaanaatin

Uummanni Oromoon hayyoota hedduu Oromiyaaf furmaata ta’aan akka cirracha garbaati qaba. Hayyoonni Oromoo fi Oromiyaan qaban ammoo beekumsa adda addaa kan gonfatanii fi beekumsi addunyaa kun kan keessaatti walgaheedha. Haata’u malee hayyoota meeqatu beekumsa gonfataan kannan sabaa fi lammii isaanii tajaajilaa jiruu? Meeqatu ammoo beekumsa gonfataan keessaa ba’anii uummata burjaajessaa jiruu? Akka kooti namni hunduu beekumsa gonfateen lammii isaa gargaruu danda’a jedheen amana dirqama waan isaan hin ilaalane keessa seenanii oliifi gadi borcaa ooluun furmaata waaraa uummata keenyaaf hin fidu. Yoo xiqqatee waan baranneen onnanee kaanee uummata keenyaaf yoo gumaachine jijjirama fiduu dandeenya.

Midiyaan hawaasaa ammoo bara kana keessa karalee ittiin ummata keenya barsiisuufi beeksisuu dandeenyu midiyaa Waaqni bilisaan banee nuuf kenne dha. Itti kafaliin hin jiruu, poliisiin gulaallii (editorial) hin jiru, maaliif barreesiteen hin jiru haata’u malee of eegannoo cimaan itti fayyadamuun barbachisaadha. Akkasumaas dhimma tokko qofaa irratti xiyyeefchuuniis barbachisaa miti kanuma irraa ka’uun eegaa namoota midiyaa hawaasaa dantaa saba isaaniif fayyadmaan keessaa dargaggoo ol deemaa dhaloota qubee ta’e Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa waliin wal isiin barsiisa.

Dr. Gurmeessa Hinkoosaa eenyu dha laata?

Dr. Gurmeessaa Oromiyaa, Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu Galiilaatti dhalate guddate.

Bara 1991 G.C godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Leemmatti Gootuu araddaa Jabbikaa jedhamtutti harmeesaa aadde Xurunesh Dhugumaa fi abbaasaa obbo Hinkoosaa Ayyaanaa irraa dhalate. Bara 1998 G.C mana barumsaa Makkannisa Addaamoo jedhamtutti barnoota eegale bara 2005 G.C qormaata naannoo kutaa 8ffaa qoramee persentaayilii 99.7 fidee gara kutaa 9ffaa tti darbe. Barnoota sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2007 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qorame. Haata’u malee qormaata bara sanaa kan mana barumsaa isaanii Dhaabbanni Qormaata Biyyoolessaa (National Organization for Examination) seera qormaata eegdanii hin qoramne jedhee guutummaa guutuutti hojii ala taasise. Dr.Gurmeessaa dabalatee baraattoonni bara sana qoraman hundi isaanii waggaa tokkoof carraa barnootaa mulqamanii mana taa’aa baa’anii waggaa itti aanutti akka qoraman itti murtaa’e. Bara 2008 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoraman gosa barnoota 10 keessaa gosa barnootaa sagal “A” gosa barnootaa tokko ( Amharic) “ C “ galmeessee qabxii 4.00 fidee gara kutaa 11ffaatti darbe. Barnoota qophaa’inaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2010 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramee qabxii 546 fidee gara yuuniversiitii darbe. Yeroo sanatti kaarikulemii international ta’een ‘Medicine’ kan barsiisu eegale jiru mana barumsa ‘Saint Paul Hospital Medical College’ waan ta’eef dorgommiidhaan seenee barnoota Medicine itti fufe. Bara 2015 ji’a Ebla keessaa qormaata qualifying exam qoramee darbee maqaa/title dooktorummaa fudhate. Akka gosi barnoota isaanii gaafatutti eebbifamuudhaaf title dooktorummaa fudhatanii erga hojiitti seenanii booda waggaa tokkoof “ intern doctors “ jedhamanii hojjachuu qabu.  Yeroo ammaa kana Hospitaala Phaawuloos (St.Paul hospital) keessaa hojjechaa jira.

Gara facebook seenee page ofii isaatii duraan Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa boodana ammoo Dr. Gurmeessaa jedhamu banee. Barnoota akka kennu kan na taasise jedha Dr.Gurmeessaan “Inni guddaan fedhii fi jaalala ani fayyaa irratti lammiikoo jijjiiruuf qabuufi haala amma uummanni Oromoo waa’ee fayyaa ilaachisee keessa jiruudha. Dhaloonni qubee dhugaa dubbachuuf dhaloota dubbisuufi dhaloota jijjiirama dheebotu akkasumas dhaloota teknooloojii waliin wal simate waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee waanan baradhe saba koo barsiisuun anaaf ergamaaf imaanaa Oromummaati jedheen yaada. Hospitaala keessa taa’ee dhukkubsataa yaaluun hojii kooti malee qabsoo miti.

OSOO HOSPITAALA HIN DHUFIIN MANATTI, OSOO HIN DHUKKUBSATIIN FAYYAATTI, LAMMIIKOOF QAQQABUUN GARUU ANAAF QABSOODHA!  –Dr. Gurmeessaa

“Kana galmaan gahuuf ammoo daandiin ani ammaaf argadhe karaa facebookiiti. Dhaloonni qubee meeshaan isaanii inni guddaan social media(Marsaa sabqunnamti) dha. Ni dubbisu, yaada kennu, ni gaafatu, abbootii fi harmoolii keenya dubbisuu hin dandeenyeef ammo dubbisanii ibsu jedheen yaade, isaanis taasisaa jiru kanaaf duddubatti waanti na deebisu hin jiru dhaloota qubee waliin fuulduratti tarkaanfanna.” jedha. Yeroo ammaa kana Pagen Dr.Gurmeessaa jedhamu hordoftoota kuma 20 kan qabu yoo ta’u namootni hanga ammatti #Like hin godhiin jallachuudhan odeefannoo fayyaa keessanii argachuu dandeesu.

Hanga ammaatiis gosoota dhukkubaa 16 ol irratti barreefamoota qopheesee uummatni isaa fayyaa qabeessa akka ta’u tasisaa jira kanneen keessaas;

1. Mataa Dhukkubbii (Headache).

2. Dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Viral hepatitis)

3. Dhukkuba Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa (Impotence)

4. Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)


5. Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid)


6. Funuuna ykn Dhiiguu Funyaanii (Nasal bleeding or epistaxis)


7. Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes)


8. Akkaataa Ittisa Ulfaatina Qaamaa Itti Hir’isan (How to Loose Weight)


9. Dhukkuba Kintaarootii (Hemorrhoid)


10. Gaggabdoo (Epileptic seizure)


11. Mala Ittisa Da’umsaa Uumamaa (Periodic abstinence family planning method)


12. Mala Ittisa da’umsaa Hatattamaa (Emergency contraceptives)


13. Marsaa Laguu (Normal menstrual period)


14. Kuunuunsa Dubartoota Ulfaaf Godhamuu qabu (Care for pregnant women’s)


15. Dhiibbaa Dhugaatiin Alkoolii Qaama Keenyarratti fidu. (Problem of Alcohol Addiction)


16. Mallattoolee Nama Fayyaa (dha’annaa onnee, hargansuu, dhiibbaa dhiigaa)

Dhukkuboolee kannen armaan olii keessaa kan Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid) jedhe inni barreese hangam haala hamaa yeroo ammaa Oromiyaa mudatee keessatti lubbuu namoota meeqa akka baraare dubbachuun nama hin dhibu. Eegaa Dr.Gurmeessaan kana gochuu isaatti uummanni Oromoo faayidaa olaanaa gama fayyaan argateera jedheen yaada gara fulduraatiis akka itti fufee fayyaa hawaasa isaa eeguu waadaa seenera. Mee namootni ogummaa adda addaa irratti bobbaatanii jirtaan uummata na barsiisee sadarkaa kannan na ga’eef bu’aa maalii buuusaan jira of gaafadhaa. “Beekumsa Lammii ofiitiif hin taane maaliree bu’aan isaa” jedhe mitiree Wellisaan keenya Kabajamaa Dr.Ali Birraa.

Fuula Dr. Gurmeessa Hinkoosa hordofuu hin dagatina. Odeefannoo fayyaa fi egumssa fayyaa ilaalchisee fuula Facebook Dr. Gurmeessaa hordofuun waa hedduu akka irraa barattan abdii qabna!
_____________

This article was previously published on GibeTube.com under the same author. All views and/or opinion of the article is that of the writer; Xalayaa.com does not take full  direct and/or indirect liability of the article. Question concerning this article can be sent to Gammadaa Olaana on his personal Facebook page. 

 

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



20 Comments

Dr. Gurmeessaa - Dhukkuba Kalee Maali dha? Akkamitti Yaalama?
9 years ago



[…] Dhukkuba Kalee – Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa […]

Abdu dambi dollo
9 years ago



Kalen kiyya yero heddu natti dhaga’ama akkuma sanan yeron bishan dhugu natti wayya’a.yero fincan kiyya ni dimata ykn bifa jira.kanafu ani na qabachufiree??

matiwos taye
9 years ago



jiraadhu,umrii dheeraa nuti ilmaanni oromoo,dhalootni qubee siif hawwina.

Lemessa Negessa from Amuru.
9 years ago



Really you’re appreciatable Dr.I’ve no words that express you.God bless your life and your mental that is the factory of this information.Continue….!!!

Hambisa Gurmu
9 years ago



Waaqayyoo ija hamtuu irraa si’aa qusatu.nuuf jiraadhu. Yaadikee baay’ee namatti tola Dr.

Dachaas roobaa
9 years ago



siin jaallanna Dr keenya nama lammiif yaadu hamtuu rabbiin isarraa haaqabu

BIQILAA SHIBBIRUU
9 years ago



Baay’ee si galateefanna DR keenya umurii dheeraa siif haa kennu rabbiin.

Abune kedir
9 years ago



baay’ee jaalannee jira Galatoomaa

olika
9 years ago



wow great struggle!
this story touches my heart and lets me ask my self- “who am I?”

Obsinaa Dhaabaa
9 years ago



Qabxii universiitiis haa eeramu Garuu Doctor baay’ee si dinqisiifanna si jaalannas jabaadhu ammas.

TARESSA
9 years ago



BAYYEE SII JAALANA SII KABAJANA DR LAMMI KEE GARGARUUF ATTI CISTEE HIN BULEE GALLATONI

Gammachiis Siisaay
9 years ago



Hedduu naman ajaa’ibsiifadhuuf kabajudha!Beekumsi lammiisaaf hin taane silaas beekumsa jechuun namatti cima!Jabaadhu Dr.keenyaa

Baacaa Qalbeessa
9 years ago



Baay’e gaalatooma! Anii sinitti Gamadeera!

Baasha Zubeeyri
9 years ago



Fayyaa ta,i nuf jiraadhu lammii bekkuumsa
Guddaa sirraa argannee.

Guuto tilmo guuto
9 years ago



Galatiomi sanyiikeena faaydaa baa’yee sirraa arganne akkanumatti itti nuufufi sijaalanna galannikeemmoo bilisummaa oromootin yadeebi’u oromia shall befrii insha’allah

Senayet
9 years ago



Galatomii leccakenyaa waga baay’ee sirraa badanee!!

Kumera Bekere (Welega Begi) irraa
9 years ago



Ani garuu maaliif walirraa hinbarru laata ?kan nedhuudha.Namootan beekutu oogummaa Fayyaa qabaatanii dhimma him qaban.Dr Gurmeessaan garuu maqaan Abbas isaanii Hinkoosaa ta’us innimmoo Abbas Oromoo hundaa ta’uu isaa mirkaneesseera.

Ahmed Adem Usman
9 years ago



Dr.Gurmessaa dhukubnii ukaa ykn utalloo yeroo dheeraf naadararaa TURE mana yalaa demeen qorichaa isaa fudhadhee qorraa jedhamee naaf kennaame garuu qorichaaa saniiin fayyuu hin dandeenyee .ammmaantanaa sadarkaa hammarraa naan gahee jira . mallaatoleen isaa yeroon shawara fudhee naa uksiisa ykn naaqufaasiisa. akkaasumas yeroo qilleensii gogaan jiruu naaqufaasiisaa.kanaaf Dr.furmaannii isaa malii?

Tsegaye Mekonen
6 years ago



maqaan koo B/saa TSAGGAAYEE Mokonnin Jedhama ani yeroo baay’ee funuunatu daangaa malee na dhiphisa maaloo furmaata Isaa York jiraate bakkuma ATI jirtun dhufa

Abduu muusaa
6 years ago



Dr.obboleettii haadha kootii dhibeen funuunaa ji’a tokkotti guyyaa 20 kan ga’u dhiigni karaa funyaan lakk_0921660736 harargee lixaa magaalaa ciroo irraa.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...