Dhukkuba Kalee – Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Dhukkuba kalee yoo jennu dhukkuboonni kalee hedduun kan ka’umsaan, mallattoon, yaalaanis wal hin fakkaanne hedduun waan jiraniif altokkotti hunda ibsuun hin danda’amu. Kanaaf dabaree dabareedhaan akkan isin biraan ga’u hin shakku. Har’aaf garuu kanan xiyyeeffadhe cirracha kalee (renal stone or renal culcli) kan jedhamu irratti.
Dhukkubni kun dhukkuba bal’inaan hawaasa keessatti argamu yoo ta’u dibbeenta 8.8% ummataa keessatti kan argamudha. Dhukkubni kun kalee irraa jalaqabee hanga afuuffee fincaaniitti qaamota sirna fincaanii jiran kanneen akka Kalee, ujummoo fi afuuffee fincaanii (kidney, ureter, bladder) keessaa bakka tokkotti kan uumamudha.
Dur yeroo ijoollummaa kiyyaa cirrachi xixiqqoon bishaan waliin seentee kan kale keessatti haftu natti fakkaata ture. Cirrachi kalee garuu kaluudhama keessatti walitti qabamuun kan uumamtuudha. Cirrachi kalee kan uumamu sababaan isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman:
1. Bishaan ga’aa dhabuu
2. Dhukkuba sukkaaraan qabamuu
3. Furdachuu
4. Nyaata prootinaan olka’aa nyaachuu fi kkf.
Cirrachi kun gosoota addaa addaa qabaatus dhiibbaan inni namarraan gahu walfakkaataadha.
Mallattoon dhukkuba kanaa bakka cirrachi jiru ( kalee, ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii) irratti hundaa’ee mallattoo garaa garaa argisiisa. Yoo cirrachi kan kale keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hin dhageessisiin waggoota dheeraaf taa’uu illee ni danda’a. Yoo kan ujummoo fincaanii (ureter) keessatti argamu ta’e immoo dhukkubbii baay’ee hamaa fi nama obsachiisuu hin dandeenye kan cinaacha keenyarraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama.
Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warren hammaan xixiqqaa ta’anidha. Cirrachi gurguddaa yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal’oo kanaa waan hin dhufneef akkanatti nama hin dhukkubsu. Dhukkubbii irratti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokaan dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fiincaan waliin walmakee ba’a.
Cirrachi kalee yoo nama waliin ture ammuma nama keessa tureen miidhaa geessisaa deema. Yoo baay’ee qaama keessa turee kan hin yaalamne ta’e sadarkaa itti miidhamni kalee dudduuba deebi’uu hin dandeenye irraan illee ga’uu danda’a. Kun ammo yaaluun isaa rakkisaa waan ta’eef mallattoolee akka: dhukkubii cinaachaa, dhiiga fincaa’uu, mallattoolee infekshinii kale akka nyaanni oldeebi’uu, qaamni gubuu, ammaa amma fincaa’uu, fincaan garmalee nama gubuu, fincaan hammaan xiqqoo ta’e fincaa’uu yoo ofirratti arginu deemnee osoo kaleen keenya baay’ee hin miidhamiin yaalamuu qabna.
Yaaliin isaa yeroo hedduu baqaqsanii baasuudhaan kan geggeeffamu yoo ta’u, akkuma teeknoloojiin fooyya’aa deemeen osoo hin baqaqsiin xiyya garaagaraan dhakaa sana caccabsuudhaa akka ba’u taasisuun illee danda’amee jira.
______________
Gaaffiiwwan Fayyaa qaama keenya ilaalchisee yoo qabaattan Fuula Facebook Dr. Gurmeessaa seenuudhan gaaffii keessa gaaffachuu dandeessu!
Galatooma!
9 Comments
Rabbi Umrii Dheeraa Isin Haa Jiraachisu, Beekumsa Kana Caalu Isinii Haa Dabalu!!!
dhugaa yoo dubbanee umaanii keenyaa hangaa ammatti beekumsaa akkana argattanii hin beekan kanaaf, kanaaf rabbii beekumsa dabbalatta siif haa keenu jabadhuu siin jedhaa, umrii dheertufi fayyaan sii walliin haa jirattu…
Muxaannoo kana nuuf qooduu keessaanif gudda galatooma
Galatoommi Dr. Yaala malee karaa sochii qaaman kaleen dhukkubsate ykn hubamte fayyisun hin danda’amu??
doctora Kenya nuti sin bonna bar garuu hanga ammaa osoo Nanni akka ketii kun lammi Kenya cinaa turee rakkon ummata kenyaa furame jedheen yaada .umriin tee nuf haa bultu jabadhu naa galanni kee kan hammana jedhamumi galatoomi naa!!!!!!!
Galatoomaa,nuufjiraadhaa jireenyikeenya isin wajjiin bareeda!
Dr.rabbii gaditti bekkumsa fi wal’ansa guddaa nu kennitan galatooma.!
Galatoomi doktor
galatoomi !!