• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Dr. Gurmeessaa – Dhibeen Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa Maalirraa Nama Qabaa?

39 Comments
 12 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Saalaa

Dhibeeen Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa

Dhibeeen Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa.

Dr. Gurmeessaa 

Dhibeen ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa ykn erectile dysfunction or impotence jedhamu, maalii? Maalirraa nama qabaa? Furmaanni isaahoo?

Dubbisaa!

Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu (erection) yoo hormooniin sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa (pressure) uumudha. Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu danda’a (decreased libido).

Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen dabalaa deema. Giddu galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa dibbeenta 5% yoo hubu, warreen waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga dibbeentaa 15% hubuu danda’a.

Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa:

1. Rakkoo xiinsammuu (psychological problems). Kun yeroo hedduu namoota saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf qaban.

2. Dhukkuba sukkaaraa

3. Tamboo xuuxuu

4. Dhukkuba narvii (hidda)

5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.

6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf ajajaman kan akka, antihypertensive, antihistamine, antidepressants, etc.

7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee in jiran.

Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa qorichoonni garaagaraa jiraatanis yeroo baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects) qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu (diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea). Fi kkf.

GALATOOMAA.

___________

Odeefannoo barsiisawaa waa’e Fayyaa qaama namaatif fuula Facebook Dr. Gurmeessaa hordofaa isiniin jennaa!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



39 Comments

dinkolas
9 years ago



yaada barnota gaha kennuudha kun galtoma yeroo heroin nuu barsisa

Girmaye
9 years ago



good suggestion

Seid genemo
9 years ago



Baayee namatti tola

Seid genemo
9 years ago



Thanks

mustefa
9 years ago



bayyee galatoomaa!
namootni biroo dandeettii qabaniin akka ummata isaanii tajaajilaniifis fkn gaarii taataniirtu!!!

Dagne kebede
9 years ago



Galatoomi. beekumsa guddaa jirraa argadheera. gara fulduraatis itti nuuf jabeessa

Ayano Felema
9 years ago



Dr barnoonni nuf kennitan baay’ee baredaa Fi kan waan heddu irra nama gorsuu dha .Ammaa nu erga….. Isiin in Jenna.

jafar
9 years ago



kan utuu qaama dubartiitti hin galin sanyii kormaa dhangalaasee sana booda ka’uu didu hoo?

Farouk Khalid
9 years ago



baay’ee nati tole jira.heddun isinirraa baradhee doktor baay’ee galatoma.fayyaa fi umrii dheera isinif haa kennuu

keno
9 years ago



DR guddaa Galatoomaa

Samey
9 years ago



Galatoomaa! Lammii lammiisaaf yaadu!

jaalataa lammii
9 years ago



Ulfaadhaa Dr.Gurmuu keenya

    Samuel fikiru
    5 years ago



    Wow namatti tola nuuf jabadha

kebena fufa
9 years ago



Baayyee barumsa kenna.nuuf jiraadhaa.

eliyas
9 years ago



Galatoomi. Irraa baradheera.

eliyas
9 years ago



Wow

bilisummaatu na marare
9 years ago



yaada kana waan nuuf hirtaniif ulfaadhaa kabajamaa garaa fuula duraatti immoo qalamni keessan hin gu’in.

tesfaye Abdi
9 years ago



Fuulli kun hedduu namatti tola barumsa gaarii laata itti nuuf jabaadhu lammiiko

Dagaagaa Gudar
9 years ago



Ilma oromtichaa, Samm
uunkee yaa mirgisu

Feyissa Woyema
9 years ago



Galanni keessan guddaadha.Mee dhukkuboota biroollee yaala isaa woliin nuuf ergaa!!!!!

debii
9 years ago



baayye gaaridha yaadi keessan
dr kanarra akka nubarreessitan isiin gaafadha.

guta tadesse
9 years ago



bay’ee ergaa garidha qalaamni kessa hin gogin

Abdela yusuf
9 years ago



Baayyee gaariidhaa wantoota kanafafakkaatan nuuf dabalaa

sufiyan yusuf/oromo/
9 years ago



bayyen sirra baradhe!!!!! garu qorichi aada fi viagra wal ni faallesa??????? madhan inni dhaqabsisu ho hangam takka ??????

    Samuel fikiru
    5 years ago



    Wow namatti tola

melkamu
9 years ago



dr’iyyee galatoomikaa

Yadi
9 years ago



Wow wow galatoomi dr.

Direba
9 years ago



Galatomi Dr.

Ordogun Jimma
9 years ago



Thank you Dr.for explain about human sexual problames & uses drog viagras benefietes&problames.

Debela Diriba
9 years ago



Dr Yanii Kessan Bayyee Garidha Bayyee Galatomii

Debela Diriba
9 years ago



Dr Yanii Keessan Bayyee Garidhaa Bayyee Galatooma

Enjigu gonfa
9 years ago



Dr baay’ee namaatti tolaa barumsa guddaa irraa argacha jirraa … Haaluma kanaaan itti fufiii

jambaraa
9 years ago



galatoomi doctor.

Geleta Eebba
9 years ago



qamaa saala dhiraa kana akka inni yeroo qunnamti saala rawwatu akka sanyin korma hin bune kan tursu jira? innis fayidaan isaa Mali? midhaan isaahoo

jonse ketela
9 years ago



galatooma Dr keenyaa
!!

Belema
8 years ago



baay’ee galatoomi Dr. nuuf jiraadhu akkanumaaan itti nuuf fufi!!!

Tilahun
8 years ago



yaada nama barsiisu dha galatoma

midge mesgebu
8 years ago



Galatians aboo

Badhaasaa
6 years ago



Waaqayyo Isinhaa eebbisu!






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...