• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Dr. Dhinsa Yonas – MIIDHAAN DHAQNA QABAA DUBARAA FIDU MAALI?

0 Comment
 28 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


dhaqnaMIIDHAAN DHAQNA QABAA DUBARAA FIDU MAALI?

Dhaqna qabaan mucaa dubaraa irratti raawwatu hundinuu miidhaa malee bu’aa tokko illee hin qabu. Dhaabbatni fayyaa addunyaas (WHO) kanuma sababeeffachuun, dhaqna qabaa dubaraa garee 4 (afur) tti hiree lafa kaa’un balaaleffata.

Miidhaa akkuma dhaqna qabaan sun raawwateen dhufuu danda’an:

1. Dhukkubii fi dhiiguu garmalee,
2. Gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa (shock),
3. Fincaan fincaa’uu dadhabuu,
4. Dhibee wantoota ijaan hin mul’anneen dhufan (infections),
5. Daddarbuu dhibee HIV/AIDS fi ‘Heepaatayitis’ B fi C jedhaman,
6. Miidhama nafaa naannoo qaama saalaa jiran,
7. Lubbuun darbuu (du’a)…. Du’i kan dhufuu danda’u, garmalee gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa kan garmalee dhiiguu yookiin dhukkubbii garmalee akkasumas ‘infeekshinii’ irraa kan dhufuu danda’uuni.


Miidhamni yeroo dheeraa booda dhufuu danda’anis:

1. Dhukubbii yeroo dheeraa,
2. Madaa’uu qaama saalaa,
3. ‘Infeekshinii’ fi malaa godhachuu,
4. Godaannisa qaama saalaa irrattii hafu,
5. Kaka’umsii fi fedhiin wal-quunnamtii saalaa hir’achuu fi
6. Rakkina sammuu; dhiphina irraan dhufu dha fi kkf dha.

Yoo godaannisni uumamee guddaa ta’e immoo:

1. Rakkoo marsaa laguu yeroo isaa eeguu dhabuu,
2. Dhukkubbii gaafa wal-quunnamtii saalaa godhan,
3. Daa’ima godhachuu dhabuu(Infertility)
4. Yeroo daa’imni dhalachuuf jedhu illee, godaannisni uumamee ture sun tarsa’uun rakkoo guddaa fiduu nii danda’a.

Akkamittiin dhaqna qabaa dubaraa ittisna?

Egaan dhaqna qabaan mucaa dubaraa fayyaa irratti miidhaa fidu irratti dabalataan seeraan illee dhoorkaa yeroo ta’u , mirga dhala namaa cabsuu fi saala dubaraa dariitti dhiibuudha.

Miidhaa dhaqna qabaan dubaraa fiduu danda’an kan armaan olitti ilaalle hundumaa uummata biraan ga’uun, akka uummatni keenya hubannaa argatee dhaqna qabaa dubaraa balaaleffatu gochuun miidhaa dhufu hundumaa hir’isuun nii danda’ama!

Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsa Yonas




Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017





Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...