• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Dr. Gurmeessaa – Tuqaalee 9 Kan Moluu Ofirraa Ittisuu Dandeenyu! 

9 Comments
 05 Jul 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Moluu

Mataa Moluu

MOLUU (BALDING) OFIRRAA ITTISUU DANDEENYA!

Wantootni dargaggoota sodaachisu keessa inni tokko mataa moluu qabaachu dha. Keessattuu dargaggootni utuu umriinsaani ol hin guddatiin kan rifeensi mataan sutee molaa’u. Rakkoo rifeensa mataa namarra sutu kana akkaata ittii gaababsinee ittisnuutu jira. Mallattoolee asii gadii kana yeroorra hanga yerootti yoo fayyadamne rifeensa mataa keessan carraa moluu ta’u hin hir’isaa. 

1. Yoo mataa dhiqannu shaampoo sirrii ta’etti fayyadamuu qabna. Kunis kan antifungal ketoconazole jedhamu of keessaa qabu yoo ta’e filatamaadha.

2. Mataa jiidhaa tasuma hin filatiinaa. Haga danda’ametti yoo mataa dhiqannu ammoo kafanaan haxoofnee gogsuu irra qilleensan yoo goge filatama.

3. Nyaata sirrii nyaachuu. Nyaatota cooma hedduu of keessaa qaban nyaachuu dhiisuu. Nyaatni sukkaara hedduu of keessaa qabus haga ta’e hir’isuun barbaachisaadha. Bakka isa kanaa nyaata pirootinii garii of keessaa qaban nyaachuu qabna.

4. Aduu cimaa keessa warri oolan yookaan yeroo dheeraaf deeman mataa isaanii “kuffiyyaan” haguuganii yoo deeman gaarii ta’a.

5. Zaayita hanqaaquu *kan keessa ishiitii dhangalaatu san* halka halkan rifeensatti dibachuun ganama ganama irraa dhiqachuu qabna. Yoo ganama dhiqannu shaampoodhaan altakkaa qofa dhiqanna al lama shaampoo itt godhachuu hin qabnu.

6. Cuunfaa qullubbii diimaa, qullubnii adii, zinjibila keessaa tokko ( walitti makuu hin qabnu) halkan rifeensa keenyatti dibannee bulchinee ganama ofirraa dhiqachuu.

7. Shayii magariisa (green tea) yoo argame bishaan waliin danfisnee rifeensa keenyatti naqannee sa’aa tokoo booda ofirraa dhiquun rifeensi akka guddatu gargaara.

8. Sammuun dhiphachuu ( stress ) irraa haga dadeenyetti of eeguu qabna.

9. Yoo kun hundi fiixaan ba’uu dide moluunis nu jibisiise qorichoota mana yaalaa kennaman illee fudhachuu dandeenya.

Fayyaan Faaya

Dr. Gurmeessaa

Gaaffilee keessan gama Facebook Dr. Gurmeessaa ykn marsariitii isaanii irraan qunnamuu dandeessu! 

 

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



9 Comments

girma
9 years ago



gorsa gaariidha Dr baay’ee galatoomaa!!

GIRMA HUKA
9 years ago



DR .QORICHOOTA KUN HANGAM AMMANSIISAA? MIIDHAAN ISA HOO?

GIRMA HUKA
9 years ago



DR .QORICHOOTA KUN HANGAM AMMANSIISAA? MIIDHAAN ISA HOO?

FAKKEENYAAF NAMICH FOOTOON ISAA JIRU KUN FAYYAA HIN DANDA.A

MOHAA USSOO
9 years ago



NUUF JABAADHAA

jonse ketela
9 years ago



baayyee galatooma Dr waan hedduun irraa baradhe
hora bula

feyisa
8 years ago



kan caala beeksumsaa isnif haa keenu jenna Dr

Seifu
8 years ago



Umuri dherradhu haatun si argiin dr

Shekoofeh
8 years ago



Hi how can i speak with dr gurmessa?can i have email of doctor gurmessa please

Alex G
4 years ago



Gorsa keessaniif galatooma.rifeensa mataa ko duraa lallaafaa fi luuccaa ture.amma garuu ni jajjabaata ni buqqa’as falli isaa maali akka ogeessa fayyaa tokkootti.please please support me






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...