• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Dr. Gurmeessaa – Turtii Walqunnamtii Saalaa Akkamitti Dheeressu Danda’u?

38 Comments
 14 Jun 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Walqunnamtii SaalaaAkkamiin turtii walqunnaamtii saalaa dheeressuu danda’uu?

Wantoota dafanii xumuruu hin barbaadamne keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Keessattu waarra dhiiraf walqunnamtii saalaa turtii gabaaba qabaachuun qaani ta’u danda’a. Haadha manasaani yookan jaalalleesaani gammachiisuf turtii yeroo dheera kannen hawwan danuu dha. Rakkoo kana furuuf yookan immo akkaata turtii gammachiisa kana dheerifachuuf isiin gargaaru keessa isa asii gadiitti tarreefamee dha. Dr. Gurmeessaa rakkoo kana warra kunnameef akkaata itti fooyyessuu dandeessan barruu gabaaba barumsa dhiirotaaf ta’u walitti qindeesseera. 

Namoota rakkoo walqunnaamtii saalaa dafanii xumuruu qabaniif:

1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa.

2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an.

3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha.

4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara.

5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna.

6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema.

7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf.

Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa





__________

Gaaffilee kan kanaan wal fakkaatu gaafachuuf akkasumas waa’e fayyaafi dhukkuba qaama keenya huban keessa warri qabaattan toora Facebook Dr. Gurmeessaa seenuu dhan gaaffilee keessan gaafachuu dandeessan. Fayyaan Faaya waan ta’ef faayya keenya yeroo hunda eegu fi eegsifachuun dirqama mataa keenyaati! 

Hanga barruu biraan walitti deebinuttii turtii gaari!

Galatooma! 

 

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This



38 Comments

tesfaye alemu
9 years ago



baayyee galatomii gafii tokkoo qabaa 1 ffaa dubartiin qamaa (pense) dhiraa isaa qalaa immoo furdaa jalatii kamtuu ittii tollaa 2faa dheeraa immoo gabaa?

GIRMA HUKA
9 years ago



DR BAAYYEE GALATOOMI BAAYYEE NAMATTI TOLA.

sabura
9 years ago



galatommi

musxee
9 years ago



Dr yaada gaariidha baayyee galtoomaa umrii nuu dheeradhaa
Rabbiin oromummaa siif kennee
Umrii si haadheeressu jabaadhaa
Nu barsiifadhaa
Galtoomaa

Abdee
9 years ago



Yaadaa gaariidha galatoomi

    Dita Edasa
    6 years ago



    waan baay’ee irraa baradhe yaa Dr kiyyaa baay’ee isaa galatoomi

chala
9 years ago



wontoota asiin gaditti barreeffame kana dubbisuudhan faayyaa keessan akka fooyyessitan fayyaan faaya!!

Gamme
9 years ago



DR. baay’ee nama baarsisa galatoma

Gamme
9 years ago



DR.baay’ee nama baarsisa galatoma

Nigaatuu Dheekkoo Waaree
9 years ago



Dr. baay’ee isiin galateefadha. fuula duraafillee wantoota gaggaarii ta’an akka nu barsiiftan abdii guddaa qaba.

Faye Fikadu
9 years ago



Dr. Baayyee galatoomaa. Ati abdii sabaati.

A/jebbar Mohammed
9 years ago



Dr baay’ee nama gammachiisa nama barsiisas.Gaafiin qaba.Innis qaama saalaa (penis)nyaata akkamii fa’a yoo nyaatan namaaf dagaaga(guddata)?? 2ffaan yoo sexual dalaguu baatan maaltu nama qunnama? Rakkoon gahu jiraa? Yoo jiraate nuuf barreeysaa.Thank you very much! Keep it up.

jonse ketela
9 years ago



galatooma

Gumi edo
9 years ago



Odeeffannoo sirraa argannu baayyee natti toleera bayyee galatoomi,ulfaadhu ,nagaa fi fayyaa him dhabin.

Carraa Abirihaam
8 years ago



Dr. baayee gaalatooma waan heedduu irraa barannee

WAKGARI
8 years ago



BAAYYEE GALATOOMI ATI ABDII SABAATI

WAKGARI
8 years ago



GALATOOMAA

Muluken Desta Ayana
8 years ago



Beekumsoota gaarii hedduu qabdu. Galatoomaa isaan sanaaf. Saayinsiifi amantiin safartuu wantootaati. Isaan kunniin lamaan keessaa tokko garuu safartuu dhugummaansaa yoomuu dhaabataa ta’uudhaan amansiisedha. Yaadni saayinsii armaan olitti isin dhiyeessitan kun giddu-galeessummaa niqabaa garuu?Fakkeenyaaf,amantiin tuttuqaa(masturbation) isin jettan kana ejja jalatti ramadu nijira–amantii warra Wangeelatti amananii.Yaadni saayinsii kun kanaafuu wabii lubbuu niqabaaree?Ani akka kootti masturbation nanmorma.Kan koo safartuun(standard) jalqabaa Wangeela;safartuun lammataammoo Saayinsiidha. Lafa saayinsiin Wangeela mormutti,yaaduma Wangeelaa duwwaan fudhadha.Walumaagalatti,waan Wangeelli hinmirkaneessine,hojiirra hinoolchu an.

Gobena Abdesa
8 years ago



Dr Baayee Namatti Tola waan hedduu barannee jirra guddaa galatoomaa ammas haaluma kanaan itti fufaa

diriba yadeta
8 years ago



Dr Gurmu, jiraadhu. an gaaffilee armaan gadiin qaba
1. assume, dhiira 5(x1, x2, x3, x4, x5 ) fi dubartii 5(y1,y2,y3,y4,y5) jira, isaan kun kurnanuu wal jijjiiranii wal quunnamtii saalaa yoo raawwatan jechuunkoo x1 n y1-y5 tti akkasumas y1 n x1-x5 tti yoo wal bira ga’an HIV virus isaan gidduutti uumamuu danda’aa jalqaba irratti hundumtuu yoo -ve turan?
2. miidhaa aariin qabu naaf tarreessi. sababnin kana jedheefis yeroo baayyee ogeessota yaalaarraa dhibeewwan akka garaachaa, onnee, maraanmartoo, maraannaa, mataa haarrii, molachuu fi kan birootiif hin aarinaa jedhu. kun dhugumaa?
3. wal quunnamtii saalaa gochuuf yeroo qaamni namaa ijaajju dhukkubbiin tokko tokko darbee darbee uretra namaa irratti dhukkubbiin maaf dhaga’ama?

kiya da
8 years ago



baayee gaariidha

Gobeana
8 years ago



beekumsa guddaa argannee jirra Dr baayyee galatoomaa

ashu gmikail
8 years ago



NUF JIRAADHA GARU BAKKA TOKKO TOKKOTTI KALLATTI AFUURATIN NI FAALLESSA FKN TUTTUQUUN SHAAKALU ISA JEDHAMERATTI KAN SANYIISA LAFATTI COPHSE ABAARAMA AKKA TA’E DUBBATA HOO WANGEELLI KEENYA KUNIMMO YAADA WAAQAYYOTTI NAMA BUUSA QABXIILEN BIROO ISIN LAATTANI GARU BARNOOTA GUDDA KENNA GALATOMA

saifu gaddisa
8 years ago



waantootaa moluu fayyisuu danda’am Email kootii naaf eergaa galatooma!

Muluken Desta Ayana
8 years ago



Baay’ee galatoomaa,Dooktar!

Negera Tadessa
7 years ago



Yadaa Gaarii Namaaf Qabda Waqayyoo Sihaa Ebbisuu

tg
7 years ago



wan attii yeroodha gara yerootti fbn gadhiistuu garii garuu nama tookko yoo ispeermiin jalaa xiqaatee malii fayaadamuu qaba?

diinaariyaa
6 years ago



baay’ee gaari dha nama barsiisa dr. garuu namoonni tokko tokko kiniinii fudhatu kun hoo miidhaa hin qabu?

Amanuel Chala Abdeta
6 years ago



Dr. Baay’ee galatoomi. barumsa guddaa irraa baranneerra

Omar huseen
6 years ago



Dr masturbation midhaa qabaa?

Omar huseen
6 years ago



Dr dhalaan spermi qabdi

Adisu Tamasgen
6 years ago



Dr.Baay’ee Galatooma

Abdullah
6 years ago



Warroonii. Fedhiin. Dhiraa. Irraa. Bahan. Garruu. Wanii. Irra. Bahuu. Sunii. Firii ilmoo. Ta.uu. hiin. Dandenyee. Dawwaa. Akkamii. Fayyadamuu. Danda.aa

urge jamal
6 years ago



doktor heddu galatoomi barnoota garii nuf kennite ulfadhu doktor

falmata hunde
5 years ago



Jiraadhu Umrii Nuuf Dheeradhu Dr. Gurmee Ammallee Yaada Kanaa Olii Nuuf Maddisi. Rabbi Summuu Kana Sirratti Haa Irraanfatu

falmatahunde
5 years ago



Best Of Best Keep It Up

hayilu.girma
5 years ago



bayyee nama fayaduu danda`uu dhaa bayye galtomaa ammalee yaadotaa akkasii nuuf dabaluu yaala nii barbanaa

famii
5 years ago



Dr gaffii aka mallee samu ko na raka jirru tokkoo yo dandeyssee na gargarrii gafin ko gurrii ko inii tokkoo naf hin dhaga’au Mana yallatiis bayen dadebii’ee warii fayyaatis Debi Wal fakatta naf debiisanii gurrii kee qullqulludha ykn fayyaa qaba nan jedhanii anaf imoo hin dhagayuu






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...