• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Baayyeen Siyaade Tolaa Koo

2 Comments
 19 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Tolaa

Tolaa fi Talilee 

Kanan hedduu jaaladhuu jaalallee koo Tolaa dhaf.

Tolaa ko akkam naaf jirta? Fayyaa keeti? Haala atii keessa jirtu beeku baadhuus, yeroo mara akkan sijaaladhu siif ibsuun barbaada. Rabbii jedhee hanga ijaan wal arginee waan keessa garaa keenyya mari’aannuttii nu lamaanu jaalala nukeessa jiruu ukkamsinee walii wajjiin rakkanna.

Tolaa koo jireenyaan akkam? Boqannan hoo? Erga gargar baane waggaa tokko guutuf jenna. Baayyeen siyaade Tolaa ko. Garuu maalif akkasittii baddee? Maaf garaa nattii jabaatte? Wa’ee koo akka siif hin taane nan beeka, nadhabdee guyyaa tokko buluu hin dandeessu ture. Sababa barumsaatiin gargar baane. Semester tokkoffaatti boqonna booddee nan dhufaa jettee waada naa galtee otuu sittii hin toliin haftee. Tarii, rakkateetu jedheetuman dhiise. Amma moo baruumssii cufamee boqonnaa dhaaf maatii keetittii galtee achumaan hafte.

Haadhaf abba kee akka ittii yaaddu nan beeka. Garuu maalii yoo gidduttii dhuftee nagaa nagaafatte? Tolaa koo, ammam akka sijaaladhu fi bakka akkamii akka anii siif qabuu otuu beektuu akkasittii garaa nattii jabaatte baduun kee tarii waan tokkoo rakkatteetu jedhee akka yaadu nataasise. Sababni isaas atii ana dhiiste ammana na obsitee teessa nattii hin fakkaatu. Jaalalle koo jaalala dhugaa kanii ijoolumma dhan jalqabne sana. Ijjoolumma keenyan yeroo kutaa 9 barannuu wal barre. Badiyaarra deddeebitee yeroo barrattu, manni keenyya immo nannoo mana baruumssa mana kireefachu barbaadde mana keenya kireefatte galte. Haala akkasiitin wal barree.
Barataa cimaa fi kan ofittii boontu waan taateefin sijaaladhe. Maatiin keenyallee baayyee sikabajuu. Tolaa koo, anii qabtiin na dhufuu didee asuma magaala Ginchittii barachaan jira. Atii immo qabxiin sii dhufee University Jimma galte. Erga deemte otumaa walii bilbilluu otumaa walii barreesinuu akkuma sila sin jedhe boqonnaa dhaaf maati keetitti galte deebi’uu diddee.

Nama jaalatan obsanii waggaa tokko ta’uun hin ulfaata. Tola koo anoo obsuun dhadhabee. Maaloo yeroo tokko koottu ijjumaa keesan silaala yoom akka wal agarruu hawwaan jira. Sin Jaaladha!

Akkuma xalayaa kana dubbifteen yoo dandeesse naa bilbilii. Yoo ta’uu baate immoo koottuuti anuma gammachiisu dhaf ijjuma keen silaala koottuu yeroo tokko na dubbisii sin jaaladha.

Jaalallee kee Taliilee magaala Ginchiirra.

Jaalalee koo Tola godina Shawa Lixa aana Jalduutti kan argamuuf.
__________

Tolaan akka Xalayaa kana arguu mee #Share godhaa Taliilee gammachiisa!

Galatooma!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



2 Comments

jonse ketela
9 years ago



baayyee namattii tola galatooma aadaan afaan guddisuu kun cimee itti haa fufuu

biruk
8 years ago



namatti tolaa baayye itti gammadeee tolaan dhagahee taanan akka siif dhufuu abdiidhan qabaa






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...