Roobni waqtii arfaasaa itti roobee akka burqaa baddeessaa jalaa ganamaa fi galgala mirgisee taalila burquutti burqaan imimmaan koo burqa.Madaan keessa kootti akka ooyiruu arfaasaa qotamee bullaa’ee diimatee alatti ba’ee waan mul’atu natti fakkaata.
Qotee bulaa qaxaleen osoo argee meesee xaafii waan facaasun seha. Keessi koo madaa dha. Madaa madaa’ee waan qoorsu dhabe. Akka madaa jaldeessaa horfaan itti baay’atee har’a bor fayyaa osoon jedhuu ittuu madaa’ee na dhiiga.
Madaa kulkulfachuun jiruu koo guyyuu natti ta’e. Isan argadherra isan argee dhabetu caale. Jaalala ho’aa afuufan hin qabbanoofne jedhee harkaan qabetu qabbanaa’ee na harkatti bushaa’e.
Namni nyaata miti yaada gabbata. Ani yaadni mana natti ijaareetun taa’ee yaadaan yeelala. Dhukkubbii koo dhokfadhee jiraadhus yaadaa fi yaaddoo mataa koo dhoksuun naa danda’amaaree?
Imimmaan namaa callisee hin bu’u. Ani jaalalan siif qabu duriirra erga ati narraa adda baatee miila fageeffatee natti caale. Sagaleen dhaga’u hundi sagalee kee natti fakkaata. Siin yaaduu fi karaa ilaaluun dhibee guddaa natti ta’ee jira. Cabni laphee koo caba lafee caale. Caba lafee ni fayyu kan kee kun kan hin fayyine natti ta’e.
Jiruu fi jireenyi akka tasaa waan namni hin eegne akka namatti uumtu nan beeka. Garuu, akkas gargar fagaannee halaalaa si kajeela jedhee takkaa yaadaan miti abjuunuu abjoodhee hin beeku.
Akkam ta’u maal godhu mee? Falli koo maali ammas taa’ee si eeguu,boo’uu? Karoora waliin baafannee dur jiraanna jechaa turre faallaa ta’ee yeroon argu ‘’maraadhu’’ naan jedha. ‘’Funyoo fudhuu of balleessi naan jedha’’. Jaalalan siif qabu ni beekta. Na hubattas jedheen amana ture. Ati garuu jiruu biyya ormaa filatte. Isa ho’ifatte. Ani gadduu fi boo’uun koo homaa fakkaatee sitti hin mul’atu natti fakkaata.
Bilbilaan ‘’jabaadhu hamma xiqqo’’ naan jechuun kee yeroof hamman si faana odeessutti yoo na jajjabeesse malee achiin booda homaa hiika naaf hin laatu. Mana duwwaatu natti huursa. Humnatu na bu’a. Maalifan jiraachaa jiraa na jechisiisa.
Akkas jechuun koo si jibbee miti. Garuu, of fuulduraan si dhabe. Si hammachuu, si dhungachuu, jaalala keenya kunuunsuun hawwe. Garaa jabina dur hin beektu amma eessaa akka akkas garaa jabaatte Waaqni fi lafti haa beeku.
Elaa ammas waan tokko na hubadhu imimmaan koo ganamaa fi galgala yaa’ee fuula koorra ciisu hammam akkan si yaaduu fi siif jedhee garaan raafamu siif haa ibsu.
Nagaatti !!
Ana hriyyaa kee kan Finfinnee jirtu. Hiriyyaa koo biyya Ameerikaanii jiruuf ..
#Oromia, #AfaanOromoo, #AfaanOromo
6 Comments
namatti tola
Jabaadhu Obsi Obsaan Aannan Goromsaa Dhuga Waaqni Waliin Isin Haga’u
Ashama akkam jirtu ? ani nagakooti
Wayi jaalala dhugaa!
Waa male wayi jaalala dhugaa hin jenne nan obsan kan hin dandeenye nan dhiisaf garaatu nan ciine yaa sabakoo mali maali?. Dhoksa icitti garaakooti jaalali naqabe har’a bakke bahe naqaaneesufim. Itti himachufis sodadhe….falakoo hinbeeku ituma fufa
Nagati
xalayaa jaalalaaf bareeffame madaa oonee namati kaasaa.galatooma
Jaalal Dhugaa dha kun!!!!!
hedduu namatti tola hedduu nama gaddisiisa