• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Jaalattaniis Jibbitaniis Dhiirri Hunduu Sobdoota!

12 Comments
 14 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Dhiirri Hunduu Sobduu Xalayaa Jaalalaa

Dhiira Kijibduu

Dhiirri Hunduu Sobdoota!

Siwaliin wal baruu koo fi siwaliin jaalala calqabee waggaa dheera siwaliin jiraachu koo bara koo guutu nagubee akka hafu nattii dagahama. Nama ajaa’iba isiin warrii dhiira maalirra akka uumamtan hin beeku. Hedduun keessan sobdoota! Maaliif sobduu garuu?

Qalbeessa, yeroo calqaba wal barruu akka baayyee najaalattuu fii naaf amanamtee ana waliin jiraachu barbaaddu nattii himte. Anii dhugaa se’en jaalala hin beekne keessa seene. Himmm, nama ajaa’iba!! Siif jedhee waanan anii hin taane hin jiru. Qalbeessa, maatin koo na jibbanii hiriyootni koo na jibbanii sababa keetin nama baayyee irra adda baheera. Akka atii baayyee na jaalattuu fi ana qunuunsitu gaafan arguu garuu, namnii hundu hafee siwaliin jaalala jiraachun koo akka carraa gaarii nan ilaalan ture. Kanaafis abdiin koo egeree koo boruu siwaliin akka ta’u hawween jaalala dhugaa dhan sijaaladhe. Onnee koo ishee qulqullu kanarrattiis moo si filadhee siwaliin jiraachu eegale.

Otumaan jaalalaan waliin jiraacha jirru, namootni hedduu wa’ee kee waan baayyee nattii himan. Akka atii nama gaari hin taane, akka atii anarrattii dubartii biraa jaalacha akka jirtu fi wantoota hedduu nattii himan. Isarra darbee, ana birattii nama bira. Yeroo anarraa adda baatu nama biraa akka taate ille dagaheen jira. Kana yeroon sin jedhuu ana birattii nama dhugaati tokko iyyuu hin dhugne, nama dhugaa, nama gaari, nama araada garaagararra bilisa ta’ee taateetu nattii dhihaatta. Gaafa anarraa adda baatu garuu, manni dhugaati sin keessumeessine akka hin jirree nama baayyeetu ragaa baha.

Nama ajaa’iba. Dhuguun kees machaa’uun kees simalee nama bira hin miidhu. Tokkoffaa mallaqa kee, lammaffa sammuu kee akka dhabdu baruu sirraa ture. Anaaf homaa mitii. Na dhokatte dhugdee na dhokattee xamboo xuutte na dhokatte waan baayyee gochuun kee sumaaf ta’a. Anii garuu kana hunduma yeroo namootni nattii himan anii isaan hin amanuun ture. Waanan baayyee sijaaladhu fi bakka ol’aana siif qabuuf.

Oole bulee dhugaa hin qal’atti malee hin cituu jedhama mitii? Amallii kee dhugaan ifa bahaa dhufe. Inniis yeroo aniif atii mana tokkootti gallee jaalalaan waliin jiraachu eegallu. “Erga nattii heerumtte boodde maal fiddee”, jettee amala kee dhugaa fidhuus anii garuu harka keetin mitii kanaan jiraadhu waan ta’eef jireenya mataa koo murteefachu nan danda’a. Sirra gargar bahuu koo dura garuu dhugaasa sittii himee yoon hin deebita ta’eef immo sigorfachuun yaale. Yeroo baayyee irra deddeebi’ee sittii hime.
Na dhagahuus hin dandeenye. Otoo iciiti koof kee namnii biraa dhagahuu baate nattii tola ture. Garuu immo, tarii namniis utuu isa gorsee gaari dha jedheen namootni hedduu akka sigorsan taasise. Atii gurra kee isa mirgaatin dhaggeefattee isa bitaatin dangalaafta.

Homa gochuu hin dandeenye. Isarraa dubartii biraa wajjiniin jaalala biraa eegalte. Yeroos siwaliin jiraachuf garaan nacitee kanaafan sirraa adda bahuun filadhee. Kana boodde lafa ani ka’ee akka ati teessu hin barbaadu. Maqaa koo hin dhahiin maqaa kees hin dhahuu. Jireenya gaari siif hawwa. Jireenya koo akka ati jeeqtu garuu hin barbaadu. Lamuu lammata karaan darbe akka atii darbituus siifin hin hayyamuu.

Sin Barbaadu! Utuu gorsaan deebita ta’ee, weeyta anii yeroo baayyee irra deddeebi’ee sigorsu na dhageessa ture. Kana boodde garuu hin deebitu aniis abdii kutadheera.

Fayyaa tahii. Sin Barbaadu!

Jaalallee kee durii Tamiima bakka anii jiruurra, magaala Adaamatti kan argamu jaalalle koo durii Qalbeessa dhaaf.

______________

Galatooma!

Xalayaa Biraan hanga walittii deebinuttii marsariiti keenya daawwadha!

www.xalayaa.com

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



12 Comments

Kanbeektu
9 years ago



Akkas kunoo!

Kanbeektu
9 years ago



Horii Buli.

Gemechis Guteta
9 years ago



Wanti si mudate dhuguma ta’uu danda’a garuu mata duree ati filatte irratti komeen qaba. ‘Dhiirri hunduu…’ gaafa jettu dhugaa warra kaanii ukkaamsaa jirta. Mana tokko keessa nama shantu jira haa jennu. Namni tokko hattuu yoo ta’e warra afuran hafan bakka ni bu’aa? Hin bu’u. Wanti gochuun sirra ture tokko jira- utuu jaalala cimaa fi ho’aa keessa hin galin waan qorachuu qabdu hunda qorachuu, amala isaa isa dhugaa xinxaluu fi kkf dha. ‘Tikeen dhaqa dhiistee gala mariyatti,’ akkuma jedhamu akka hiñ taaneef dursinee waan nu mudachuu danda’u irratti qophii gahaa gochuu qabna.

Haacaaluu
9 years ago



Dhirri hundi sobduudha erga jette biyya lafa kana irra jirachuun si dhiba.Sababiin isaa dhirri dubartii malee,dubartiinis dhiira malee jirachun hin danda’an.Rakkinni dubartoota inni guddan arrabatti amanu.Arrabdi hojii hin ta’u,ga’eelas jalalas hin ta’u!Ati nama waan ta’eef sammuu kee kan siif kennameef waa qortee madaalte akka fudhattuuf ykn akka kuftuuf malee bahaa isaa baattee akka dermtuuf miti! chao!

    Haacaaluu
    9 years ago



    Hayyamamadha!

Abarraa 0919840640
9 years ago



Ni dogogorte lilmoon kan keessa baatu malee kan ishee keessa baatu hin beektu jedhan

siham
9 years ago



ani kan jedhuu wonlif sibara

Abdoo kamaal
9 years ago



Atii dhiraa tokkonii wolii dhabidee hundanii sobdudhaa jetaa Dogoraa namaa tokkotifii hundaaa namaa Arfamuu hin qabuu yadaa ketifii galatomii

jonse ketela
9 years ago



Sobaas ta’uu dhisuus danda’a atii akka keettii yaaddee malee sirritti hin hubannee gutummaanguutuuttii dhiroonni ni sobuu jechuu hin dandeenyuu dhalan illee kan sobduu ni jirti garuu kana share gochuu keetif galatoomi!

amsaaluu
9 years ago



sobduun si’i mataa keeti hunda isa jette irratti

tagel tilahun demsie
8 years ago



garaa irraa muradhu

Qanaanii Tolesa
5 years ago



Dhiifama dogongortetta hadho, dhirri hundi sobdu, dubarri hundi amanamtu jechuu hin dandeenyu. Namni akkuma bifan addaa amalan addaa, namni hin dogongorres hin jiru garuu addaa bachuun jalqaba hubanna dhabuu shamarranitti malee. kanaaf waaqayyoo kan darbeef dhifama, kan dhufuuf hubannaa nuf haa laatu jedhi.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...