• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


YAA ILMA DHIIRAA YOOMUMMAA DHUGAA DUBBATTAA LAATA?

3 Comments
 13 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Dhugaa Dubbadhuu

Saara Dhaadhii Magaala Adaamaa kan argamtuu

Dhiirrii Yoomuma Dhugaa Dubbataa Laata?

Magaala Adaamatti kan argamu Yoonasif,

Yooni koo akkam jirta nagaa keetii? Anii galata rabbiif haa toluu jira malan ta’a jetteeti. Yooni Gochaa garaa jabummaa kee yaadatta garuu? Maal yaadattas ati waanuma nama irraa dhalate natti hin fakkaatuu. Warri dhiira nan taajabinaati dhiirri akka kee garaa jabeessii jira jedhee hin yaadu. Yoonas na yaadatta bara 2006 keessaa yeroo hojji koo akaayii gurguruuf Adaama keessa asif achii deemuu? Naa hordofaa turte. Yeroo baayee fuula sii dhowaadhus boodarra garuu dadhaabina kee gaafan argu waan dhugaadhan na jaalatte se’e onnee koo ijoollummaan namnii hin arginee sii kennee, Hiyyummaa kooti dhimma baate akka waan na gargaartu fakkaatte harkatti na galfattee olma kee nattii baay’atee, garuu yaada ati naaf qabduu adda ture. Hojjii isa kana akkan dhisuuf hojjii biraa akka na galchitu fi hojji biraa naaf barbaada akka jirtu natti himaa turte. Aniis keessi koo gammadee. Harmeen koo mana namaati deemte buddeena osoo tolchituu ijjii ishii aaran ilaalu dadhabdee dhukkubsatte. Aniis haadha koo dhukkubsatte gargaaruf hawwiidhan si eegachan ture. Olma kee waan natti baayyateef waan ati naan jettuu mormi tokko malee tole sin jedhaan ture. Olmakee siif kaafaluuf humna waanan hin qabnef dabarsee Eenyummaa koo mormi tokko malee dabarsee siif laadhee!
“Bofti bifnii isaa Bareedaa keessii isaa summii” akkuma jedhan, anii hogga bifa bareeda kee argu keessii keessas akkanuma baareeda se’en. Yooman bofa tahuu kee bare? Yooman bineenssa ta’u kee bare? Iddoo Guddaati odoo sii abdadhuu akka waan waaqa irraa naa ergamteetti odoon sii abdadhuu atii garuu bofa afaa jala nattii taate ergasii cilee bishaan lixe taate afuurri kee dhabee karaa mana keenya illee darbu lagatte. Bilbila kee yoo bilbiluu hin kaastu. Sirrumaa lakkoobsa koo blacklist jala galchitee.

Turee bubbullee, seena kee gaafan dhagahuu sirra akkan garaa koo kutadhu dirqame. Kichuu akka koo xobbe waan beeknee fayyidaadhaf gowwomsitee ijoollee baayyee akka mi’aatti itti fayyadamtee gaafa fedha kee guutatte baste akka gattu dhagaayee. Garuu Yooni, anii maalan sii godhe jireenya koo balleessuf kaatee?Maal qaba haadha koo anaaf jettee mana meeqa rakkattuu yoon gargaaradhee? Maal qaba odoo naa tahe jedhii mee of gaafadhu. Maal qaba jette odoo yaadde. Maal qaba odoo obboleetti kee ta’ee jettee yaadde. Obboleetti kee irraati odoo kun raawwatame maal taha jedhii yaadii.
Kan darbe darbeera. Dhibee kee irraa fayyiii anaaf homa mitii, amala bineensumma kee kana dhiisiti gara namumma keeti deebi’ii. Obboloota dubara qabda akkuma keetii yaadii. Obboleessa koo, Yooni koo, onnee koo ijoollummaa kootin kan namni hin argine siif kennee fedhii kee gaafa argattu na gatte deemte.

Uuuuuuuuuuffffffff me haa hafuu yoon dhiise wayya. Garuu waan tokko sii gorsa amala kee bineensumma kee dhiisi amala nama godhadhuu waaqa sii siif kadhaa kanaaf jireenya nama jiraadhuu sin jedhaa. Adaamatti kan argamtu Yonaas Tamirratif barreesse. Nagaan bakkuma atii jirtuutti sihaa qaqabuu.

Achuma Adaamati kanan argamttuu Saara Dhaadhiiti.

**********************

Kabajamtoota hordooftoota Marsaa Xalayaa.com, Xalayaa Jaalalaa kana akka Yoonasiif dhakkabu SHARE tuquu dhan waliif dabarsaa! Qophii xalayaa biraan hanga waal agarru torbaan torbeen Jaalalaan isinif haa ta’u

Hora Bula!



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This



3 Comments

Aboma tadase
9 years ago



Yaadni kun kan nama barsiisuufi kan nama jajjabeessudha.

diriba yadeta
8 years ago



barnoota irraa argatteetta, kan biraafis dhaamuun kee dansaadha

Urgessa edecha
8 years ago



Mal qaba waqnii kun garuu dubartii garaa qulqulluu fi dhiraa qulqulluu otoo wal qunnamsisee.ani dhiraa ta’ee seena kan keen wal fakkaatuun qaba.gubaan jireenyaa koti kan kee calaa.galatoomi!






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...