• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Facebook Kaadhima koo Na Dhabsiise!

7 Comments
 18 Jul 2016   Kan maxxanse Odaa Gurree

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Facebook

Facebook

Facebook Kaadhima koo Na Dhabsiise!

Anaan ilaala adabadha taa’aa! 

Baay’ee kan na jaalatu, barnoota koo akkan baradhuuf kan na gargaare, nama garaansaa taliila bishaani caalu, gara laafessaa fi nama hedduu gaarii ture.

Wagga sadan har’aa guyyaa abaaramtuu tokko lamaan keenyayyuu Facebook bananne.Ani asiif achi fiiguun jaaladha waan ta’eef hiriyyoota hedduu faanan firoome yeroo xiqqoo keessatti.Irra caalaansaanii dhiirota turan.

Dubbiin kan badde egaa iddoo kanatti dha. Dinqisiifachuurra darbanii si jaalanna, sii duuna, of rarraafna kan jedhan ergaalee hedduun na qaqqabuutti ka’an. Hunda caalaammoo ani garraamummaa koo suurota koo hedduu nama harkisanii fi babbareedan nan maxxansa waan ta’eef ergaaleen maaloo ni hiriyyoomnaa akka akka lolaa gannaatti yaa’uu eegalan. Akkan kaadhima qabu namoota hedduutti beeksiseera.

Kaadhimni koo akka Facebook koo seenee banee ilaaluuf waanan eeyyameefii tureef gara torbanoota jalqabaa tokko kolfee dhiisaa ture. Kaadhimni koos haalli kun hariiroo keenyarratti rakkoo guddaa akka fidu irra deddeebi’ee natti himus ani barreessuu waanan jaaladhuuf yaada koo jijjiiruu hin feene.

Waanan sobuu hin dandeenye keessaa tokko namootan waliin walii barreessaa ture keessaa muraasa faana yaadaan booji’amuun koo hin oolle. Ammas kaadhimni koo hiriyyootasaa jaarsummaa natti baasee akkan Facebook fayyadamuu dhaabu na gaafachiisus ani gurra koo muka boqqolloonan cuqqaalladhe.
Guyyaa Jimaataa tokko galgala irbaata otuma waliin nyaannuu akka hariiroon keenya itti hin fufne yommuu natti himuuf yaalu anis akka qoosaatti fudheen kolfee dhiise.

Inni garuu dhugaa naa godhe..

Waliin ooluun hafe. Har’a bor yaadasaa jijjiirratee deebi’ee dhufa otoon jedhee abdiin eeguu Amajji darbe kana keessa mucaa bareedduu tokko faana waldaa kiristaanaa keessatti seeraan wal fuudhuuf kuulamaniin arge.

Maal isiniin jedhuu?! Naasuudhaan funuuneen dhiiga qofan ta’e. Sanaan booda dhukkuba cimaadhaanan rukutame. Maatiin koo narratti roobanii du’arraa lubbuu koo oolchan. Dhukkuba cimaa ture.

Warran gaafa duraa hirriba koo dhiisee halkan guutuu barreessaafii ture sun yeroon akkas ta’ee dhukkeen natti galagalu kana furmaata naaf hin taane. Facebook koo sana cufeen ji’a laman boo’e. Mucaa baay’ee gaarii ture. Maal ta’a otoon miira koo of qusadhee waan inni naan jedhe sana guuteeraaf ta’een jedheen hedduu gaabbe.

Garuu, barfadheera. Intalli inni fuudhes hedduu nama gaarii waan turteef ji’a Gurraandhalaa keessa dhiifama na gaafachuu dhufte. Miila koo jalatti kuftee boo’aa ati nutti gadditee jireenyi keenya eebba hin qabu isa si uumeef jedhii dhiifama nuuf godhi naan jennaan anis kun balleessaa koo waan ta’eef waan hundumaatti itti gaafatamummaa nan fudhadha jedheen iddoo inni jirutti hundi keenyayyuu araara buufnee gargar baane.

Ammas taanaan ani isa irraanfachuu hin dandeenye yommuun yaadadhutti imimmaan koo eessaa akka maddu hin beeku anis akkumasaatti liqimseen gubachaa jireenyis kunoo itti fufaa jirti.

Seenaan kun seenaa nama ”Herry Tedra” jedhamtuuti.

Kan hiike Odaa Gurree.

Nama kaaniifis hiraa irraa haa baratan! Jaalalleen keessan Facebook yoo haala itti fayyadama keessanii jibbe itti dhiisaa jiraadhaan dhaamsa keenya!

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!
April 8, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017



7 Comments

bakri mohammed
9 years ago



Baayyee nama dinqisiisa, garuu isin lameen wal amantaa silaa qabaattanii kuni hinmudatu. Ammaas taanaan irra deebitanii osoo mariyattanii waliif galuunidandeessan. Mee irra deebi’aatii itti yaadaan ergaa,dhaamsa kooti!!!!!

qaasim muhaammad ahmad
9 years ago



Afaan koon dubbisuu kootiif galanni
Keessan guddaadh .
Sagantaa keessan barsiissa fi bashannansaa hordofuuf immoo ani
Qophaawaadh. Guddadhaa .dagaagaa. Meyraa lalisaa.

Taarikuu Xannaa Bakaree
9 years ago



Kun barumsa gaariidha. Kan gara fuulduraaf irraa barachuun namootaaf fakkeenya ta’aniif nama qopheessudha.

Anis irraa baradheera.

#OdaaGurree Ulfaadhu.

Taarikuu Xannaa
9 years ago



Baay’ee nama dhiba. kana irraas waan guddaan baradhe. gara fuulduraafis sinan hordofa.

#OdaaGurree, Baay’een si galateeffadha.

TSEGAYE MEKONEN
9 years ago



WAL AMANTAAN KEESSAN NI XIQQAATA.FEDHII WALII DAANGESSITANIITTU

jonse ketela
9 years ago



fb jaalalaa akka hin taanee otoo beektuu maalif doggoggortee
ani kanaan jedhu kanuma galatooma

usman kebato
7 years ago



heddu namatii toola qopeessitota xalayaa jalallaa . galanii keessan guddaa , yaada fi sammu nuu bashanansiftan . horaa bula hamtuun isin hin argii . galmee qlamaa keessaan hin dhummin …






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...