• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Guyyaa Tokko Akka Ati Gaabbitu Rabbiin Naa Agarsiisa!!

11 Comments
 27 Mar 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Gaaddisa

Guyyaa tokko akka ati gaabbitu rabbiin naa agarsiisa!

Maaluman si yakke kan na hiddite laata? Kan na ciniintee na tufuu didde? Ano situu naaf ta’a situu hunduma naaf caala jedheen sabbata sigodheen muldhitti si hidhadhe kan bofa taate na hidditee na tufuu didde. Hamma yoomitti na jeeqa nawaliin jiraatta laata? Hamma yoomitti akkasitti akka abidda mar’ummaan koo nagubaa nawaliin jiraatta laata? Yoon akkam godheen keessa kee bara laata? Agadaa yoo cabsanii ciniinani laalan akka inni minyyaa’u fi hin minyyoofne dhandhamani laalan. Nama yoo jaalatan immo akkamin akka nama jaalatuufi hin jaalanne addan baasani laalu laata? Keessa kee baruudhaaf baayye baayye nagubaa ture. Dhugaa rabbii sibeekuf waanan hin godhiin tokkollee hin jiru.

Silaa maalan godha?! Agadaa taate sitti dheese si ciniine akkatti najaalattuf akka ati nan jaalanne adda baase baruu danda’a mitii.. Sitti himeen dadhabee. Maal haa godhuu? Maqaan abbaaf haati kee sibaasan kan ollaaf firootni kee sibeekan sana dhiisi, maqaa addaatin jijjiireen siwaame. Waan jaalalli kee keessa koo moo’ateef. Ani waa’e jaalala keef boqonna homaa argachuu hin dandeenye. Seenaa waliin dabarsine sana maalif irraanfatte laata? Jaalala keenya booressuf maalif fiigde? Anaaf ati bar rakkina baayye waliin dabarsine.

Akkamitti akka irraanfatte sijalaa dhokate naa hin galle. Ani garuu boqonnaan dhabeen jira. Siif jedhee waanan hin taane hin jiru. Qullaa koos reebameera. Dhaqni koos dhiiga qofa ta’e. Jaalala keef jedhee waan baayye ta’eera. Atiis jaalala koof jettee reebamteetta! Gaaddisa ishee jaalala keenyaf jettee reebamtee imimmaan kee dhangalaaste boosisaa akkamitti irraanfatte laata? Anaan garuu seenaa waliin dabarsine sun yoomille taanan keessa koo baduu hin dandeenye, Halkan hirriba keessa nakaase qophaa na haasofsiisa.




Gaaddisa, mee ofduuba deebi’itii seenaa kaleessa waliin dabarsine sana yaadadhu! Seenaa qofa kaasanii odeessuni bu’a maal buusa jetteetu. Atoo har’a akka nama waan tokkoyyu waliin hin dabarsinetti keessa keeti baaste waan nagatte natti fakkaata. Sammuun kee si haa gaafattu. An sirra fagaannan nagatte. Ofii yaadatti abiddatti nakeesse. Yeroo sii bilbiluus natti qooste. Keessuma, jechoota ati nan jettu abidda godhee mar’umman koo na waade.

Gaaddisa, yoo jecha nan jettu sun kan naa ibsu ta’e ati goyyoomteetta. Ani nama kaayyof deeme malee nama waan akkasii dhaf deeme sitti hin fakkaatin. Jaalalli fageenyan kan irranfatamu otoo ta’e sila waan baayyeetu ta’a ture. Gaaddo, amalaaf jaalala naaf qabdu sana maalif seeru baayyifte? Gaaddooko waanan sigodhee fi kanan sitti balleese maaltu jira laata? Amma kana akka naa irraanfattu maaltu sigodhe laata? Inuma amma kana yaada kan sifaggeesse.

Egaa Gaaddo waanan sin jedhuu fi kanan siif barreessu narkaa dhumaniiru. Rabbiin hojii kee siif haa laatu. Jaalalli yoo fagaatan bade yoo walitti dhihoo jiraatanis jiraatu sirrattan arge. Yoo nama biraa jaalatte jiraattes siif haa milkaa’u. Isheenis yoo haalli tokko dhufee sirra fagaatte akka hin dhiisne. Adaraa kee Gaaddo koo dhaamsa ani siif dhaamu yoo jiraate. Akka koo nama hin godhiin, dhala namaatis hin taphatiin. Guyyaa tokko yeroodhaaf haalli immo geesse harka nama sanaatti sigata ofeegadhu!

Gaaddisa, kana siin jechuu dhaaf Xalayaa kana siif barreesse. Sikadhees dadhabeera! Amma obsa koo fixadheera! Amman booda sin barbaadu sammuuf onnee koo keessa sibaaseera. Ati nama seenaa darbe irraanfateera. Sirba Hacaaluu Hundeessa – Sin Barbaadu kan jedhu gara Whatsapp kee irratti siif ergeen sii afeeren jira. Karaan dhugda handaaqqoo siif haa ta’u. Dhumni kee maal akka ta’u nan ilaala. Dhuguman sin jedha waanuma waggaa kuma tokko waan adunyyaa kana keessa jiraatta sitti hin fakkaatin. Soba! Sekendii tokko giddutti adunyyaa kanarra dhabamuu dandeessa. Jireenya akka tasaaf jettee guyyaa natti dhukkaneessite. Harka kee marattee na ilaalte natti kofalte. Garuu guyyaa tokko akka ati gaabbitu rabbiin naa agarsiisa. 

Jabaadhu! Kan qabatte milkaa’i. Jaalala keef jedheen akka maraattun ta’e qullaa koon buuse. Yeroon boo’u homaa sitti hin fakkaanne. Isa kanas nan beeka. Keessa kooti baaseen sigateera. Sammuu koof onnee koo keessa ala sitaasiseera. 

Jabaadhu! Jaalallee kee duraani Obsee Tamasgen biyyaa Saudi Arabia irra, jaalallee koo duraani Gaaddisaa Gamme Adaamaa kan argamuufi! 



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017

Madaa Hin Qoorree
March 31, 2017

Obboleettii Koo irra Jaalalli Na Qabee!
March 26, 2017



11 Comments

Ibsaa Fagoo
8 years ago



Obsee waaqayyoo kana booda hiriyya amanamaa akka keeti sif haa barbaadu garuu dhiira hunda ija Gaaddisaan hin ilaalin.

Iftiyoom
8 years ago



onnee naraase

ebsa mohamed
8 years ago



dukana adunyaa wayi goww`umaa

Mh
8 years ago



I’m very sorry it’s sad full story about your. Love bad boyfriend don’t worry today is today tomorrow is another day

Gammee Bulchaa
8 years ago



Baay’ee namatti tola itti fufi

Gammee Bulchaa
8 years ago



Itti nu fufu

Garramaa Sutuumaa
8 years ago



Obsee koo!! maqaan kee iyyuu baay’ee si ibsa.kanaaf homaa mitii!.hub.kun jireenya adduunyati.#Tokko_jaalalaa_ dhugaa_barbaachaf_ joonja’a #kan_immoo_jaalala_dhugaatti_summii_bofaa_naqee_hawaasa_ittin_fixa. Kan Jaalalaa kee hubatu Rabbiin sif haa kennu.

firomsa
6 years ago



Homaa mitii obsi!

MOHAMMED AMAN
6 years ago



Addunyaan jijjiiramtuu fi qormaatan tan guutamteedha. Garuu kee onnee nama dhukkubsa. Dawaa isaaf waaqni kan akka garaa kee siif haa hiru.

mola teha
5 years ago



Baayyee Gaaridha

gammee jawar Ali
5 years ago



Obsee koo waan na mudate naaf kan ibsite natti fakkaate dhugaan siin jadha mudannoo Akkanaa na qunnamee ture






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...