• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Haadha Koon Yaade!

3 Comments
 07 May 2016   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Haadha

Harmee Haadha koo

Duraan dursee siihaa ga’uu nagaan koo kan onnerra madde.

Harmee koo, jaalatamtu fi kabajamtu Akkam naa jirta? Anii mucaan kee nagaa siif qaba. Atii waan hundumaa kooti. Deesse koo, fayyaa keeti? Egaa haalli jireenyya sirra nafageesse jira. Deesse koo, fayyaa ta’uun kee anaaf jireenyya kooti. Ayyoo koo, atii gaddisa koo kan yeroo hundumaa anii itti boqadhuu dha. Harmee koo dhugaa sin jedhaa galata kee akkaatti ibsee fixu hin qabuu. Deesse koo osoo atii hin jirtuu ta’ee sila maalan ta’a ture laata? Rakkoo koo hundaaf atii furmaata kooti. Aayyo koo sila bineenssatu na nyaata ture.

Baradhees akka hiriyoota koo sadarka anii irra jiru kanarra hin ga’uun ture. Yoona gola namaa keessan hojjedha ture. Kana hundumaa kan na oolche ganama osoo hin jedhiin aduu saafa osoo hin jedhin ganna rooba osoo hin jedhiin yeroo hundumaa fiigdee nabarsiifachu keeti. Haadha koo, nabarsiiste kuno qixxe hiriyoota kootiin nageesseetta. Aayyo koo, gorsii kee sunii har’a utubaa jireenya kooti ta’ee na tajaajila jira.

Haadha koo maal jedheen himeen fixa? Egaa gochaan kee baayyee narra baayyata. Akka nama ta’uu nagoote.

Harmee koo, isa atii nyaachu dhiistee na nyaachistuu, isa uffachuu dhiiste daara na baastu, ana guddisuuf jette bonaa aduu keessa, ganna rooba keessa fiigdee akkan nama egeree gaari qabu ta’uufis yeroo hunda nagorsite, hamaaf gaarii hundaa adda baaste natti himtee wa’ee koof boosse humna keef umrii kee, bifa kee isaa abaabo birra fakkaatu fixxe. Deesse koo maal godhu gocha kee baase fixa laata?

Maaloo yaa rabbii gatii harmee koo baasu akka danda’uu na taasisii. Deesse koo waan tokko uuma kootif siif kadhadha. Umrii irrattii umrii, ulfina irrattii ulfinaa, kabajaaf jaalala waaqni guddaa akka siif kennu lafa kanarra hamman jiruutti dhukkuba kee dhaba kee gaddaa kee hamtuun kee tokkolee nan dhageesisiin, ijaa koonis rabbiin nan agarsiisin.

Deesse koo jabaadhu rabbii keesa kee qulqullumma kee ilaale sigargaara. Deesse koo, egaa maal jedhee gatii kee baase fixuun danda’uu. Haali jireenya sirra na fageessera homaa mitii fayyaan haa jiraatu. Deesse koo, waliin jiraanna abdii jedhuun qaba. Hawwiin koos siwaliin jiraachu dha. Kafana qaama koo, kabajaf jaalala guddaa siif qabas.

Nagaan naaf jiraadhu. Mucaa kee Siddisee Abdiisaati Finfinnerra.

Deesse koo, baayye kanaan jaaladhuu Bashaatu Olaanaf godina Wallagaa lixaa magaala Najjoo kan argamtuufi.

——————————–

Siddiseef hamileefi jajjabinaa hawwinaaf, Harmee isheetif immo umriin haa dheerattu, ifaajje ishee mucaan ishii galmaan geessuf yoomu kan cimsitee itti hojjettuu dha.

Galatooma.

Share,Like,Comment

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Warri Qubee Fide Warra Qubee Hudheen Bakka Bu’e
March 12, 2017

Afuura Harmee isa Dhumaa!!
January 27, 2017



3 Comments

Abdisa Tato
9 years ago



Jiraadhu!!

abraham defar
9 years ago



nuf jiradhuu dhugaa kee dubbatte kan akka harmee olmaa nurra qabu jiru umrii kee nuf yaa dheratuu dessuu koo

Fiseha Debele
8 years ago



jaalalli haadha gatiin isaa yoomiyuu kanfalamee hin dhumu.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...