• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Ilmoo Naratti Gattee Biyyaa Alaa Deemte

0 Comment
 30 Jan 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


hawaa

Ilmoo Kee narratti gattee deemte

Akkam naaf jirta? Jireenyi badhaadha? Rabbiif galata guddaa haa ta’uti nagaan koo jira. Seena jaalala miyaawa keessa waliin dabarsine hardha maal dhageesse yaadan deddeebite garaa koo nabooresituus obseeto jiraachurra kan hafee anii nagaa kooti.

Hawaa jaalala dhugaa walii jaalannee waliif yaanne, fuula duraafis wal abdannee osoo waliin jiraannu, warri jaalala keenyatti summii ta’uudhaan gargar nubaasani. Anaanis akkan sidhabu kan nataasisan warra kee ta’usaa sii galeera laata? Hawwii koo, warri kee sijaalatanii ala sibaasuudhaf yookin biyya alaa si erguudhaf osoo hin taane, humna kee gara mallaqatti jijjiiruudhaf akka ta’e siif galeera laata? Hawwii, seenaa gudda kan waliin dabarsine ni beekta mitii? Seena keenya kan waliin dabarsine hunda irraanfattee, deemsa kee irra geenyan najibbitee.

Hawaa koo, kankoo haa hafuuti. Ilmoo kee kan harma afaanii fuute biraa deemte sun sin marartuu? Maal bineensi mukaatu ilmo ofii hin gatu. Garuu Hawwii, guyyaa deemuf jirtullee nagaatti nan jenne. Callisteetuma deemte. Maal wayya laata? Jaalala keenya kan akka nadhii damma mi’aawu. Kan akka abaabo urgaa’u sana irraanfattee bilbilayyuu naaf bilbiluu diddee.

Tari, akka bishaanii barreefamaan karaa Xalayaa Jaalalaa siif erge kanaan atiis dubbisuu baattus. Warrii dubbisan siif haa bilbilani. Biyyaa Oromaa yoo ta’e taa irra hedduu namarra ga’u dha. Kuniis kanuma argaa jirru. Garuu osoma asumatti waliin hojjenne waliin jijjiramnee waan hedduun nun mudatuu. Garuu achitti ille nagaaf fayyaa siif hawwa. Jaallee koo, durummaa biyya Ormaati manna hiyyumma biyya kee siif wayya! Ani bilbila kee argachuu hin dandeenye. Adaraa Hawaa koo anii nama biraa hin qabuuti suma abdiin koo. Sin Jaaladha sin abdadhaas. Yoo fiigi sin jedhan hin fiigda, murannoo hin qabu keessi kee. Maal irra argattu laata?

Mana koo diigan warri kee osuma beeku garaan kee. Gaafuma siif ife gaabbita hardha guyyaan siif dhimimmisaa.

Nagaaf gammachuu siif hawwaa! Yaada koo kanas namootni dubbisan yoo sitti himan yookin atiis yoo ofii kee dubbiste. Deebii akka naaf kennitu abdiin qaba! Deebii kees karaa fuula facebook Xalayaa Jaalalaa-tiin yookin karaa bilbilaatin nan eegadha.

Jaalallee kee barata Abdurahmaan Furooti, Jaalallee koo kan ilmoo narratti gattee biyyaa alaa deemte Hawaa Abduqadiiritif.



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017

Madaa Hin Qoorree
March 31, 2017

Guyyaa Tokko Akka Ati Gaabbitu Rabbiin Naa Agarsiisa!!
March 27, 2017





Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...