• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Sababaa Jaalala Keetiif Barnoota Koo Dhiisuufi! – Xalayaa Jaalalaa

8 Comments
 09 Jan 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Jaalala

Sababaa Jaalala Keetiif Barnoota Koo Dhiisuufi!

Addunyaan ganna tokko taate jedhame waa’e globalisation fi lafa fageenya technology weeyta ka’u, yaada koo kalamaan waraqaa irratti tarreesse siif barreessun sodaadhe. “Maal isheen? hin qaroomtu?” jettee waan yaaddu natti fakkaata waan tureef. Hardha garuu, yaada fi jechoota sirra dhufan hunda danda’u dhaaf of qopheesse xalayaa kana siif barreessuf murteesse.

Akkam jirta nagaa keeti? Ani jaalala keetiin hirriba dhabuurra kan hafe naguma kooti. Jechii koo kun tari si rifachiisu danda’a. Sababiin isaas atii kan beektu hiriyummaa keenya isa ijoolumma waan ta’eef baayye nama dhiba. Anis guyyaa tokkollee sammuu koo miira kana keessummessa jedheen yaadne. Garuu immoo muudanno jireenya waan namatti fidhuu hin beekani. Qalbiin koos sidhuunfachuuf qajeeltee jirtii. Umrii koo guutuu gammachuu dhaan sifaana dabarsuuf hawwuun koo wagga tokko lakkofsisuudhaaf baati tokkootu hafee.

Yeroo kutaa 12 turreetti barnootni semester tokkoffan dhumatee boqonnaa guyyoota kudhashanii keessa, obboleessa kee gaafachuuf yeroo deemteetti akkan sijaaladhe yeroosan bare. Yeroo barumsarra turre waan atii gootu, baacoo fi kolfi kee ijatti nadhufaa ture. Silaa hiriyoota hedduun qaba kankee maalif adda natti ta’e yeroo sanatti naaf hin galle ture. Obboleessa kee bira deebitee jalqaba yemmuu si argu, rifaati koo yeroo sanaa ammas hin dhagadhu. Onneen koo nakeessa baatee baqachuuf wanta muudamte fakkaata turte. Kun maalif ta’e? Eyyen sin jaaladhe!

Barnoota keenya qophaa’ina tumurree boqonnaa gannaatin booda qabtii hin arganne. Si’in gara Bulee Horaatti anaan immo gara Jimmaatti nugaggeesse. Walirraa fageenyi keenya kun hirriba nadhowwe. Barnoota koos sirnaan akka hin hordofne guutummaadhan nato’atee jira. Olii, yeroo ammaatti waan atii irra jirtu hin beeku. Yoonattis carraa qaba jettee takka jaalattee yookin immo ishee dhan jaalatamtee gammachuu dhaan dhandhamachaa jirta. Yaa Waaq kanalle dhugaa hin godhiin!

Maaloo Olii koo jaalala koo isa dhugaatif deebii isii laachuuf qabdu laadhuf. Abdii koo fi kan maatii koos galmaan naa haa ga’u. Atiis kanuma feeta mitii? Yoo akkana hin taane barnoota koo adda kutuuf dirqama. Olii, si sodaachisuuf mitii. Itii fufuuf humna hin qabaadhu waan ta’ef malee.

Xalayaa koo hanguma dubbisteetti deebii akka naaf laattu abdadha! Jaalallii anii siif qabu kan onnee koo irra madduu dha.

Tigist Tashooma Yuniversitii Jimmaa irra. Yuniversitii Bulee Horaa kan argamuuf Olaana Kumaatiif.

Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!
April 8, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017



8 Comments

biruk caalaa
8 years ago



Olaanan akkaa siif hubatuu abdii dhan qabaa waaqayyoo siyaagargaaru. garuu kan na ajaayibee anis hidhamaa jaalala akkaa keetit dabalataan ammoo mucayyon ani kutaa 9ttii jallaadhee osoo hin gaffatin university hanga waggaa 3ffaatii turee university jaalallen kee argamuu bulee horaatti argamuu isheeti. anilleen dhiyeenyaa fuulaa webssite kanatiin mucayyoo jaalladheef kessaa koo nin ibsaaf. kan keef garuu hawwii gaarin siif hawwa tigist rabbin si yaa gargaaru.

Ba/ Isheetu from Finfinnee
8 years ago



Tiji baayyee natti tooleera Qalamnii kee hin gognii.

Firanbek jamaal
8 years ago



yaa warra xalayaa jaalalaa galattommaa

B/saa Maammoo Galatoo
8 years ago



yaa tigee rabbii si haa milkeessu!

mukeram
8 years ago



Dhugaan Huddaa caalla Obsii

Battee Geetuu
8 years ago



Jaalalii dhugaa yeroo kamiyuu karatii hin hafuu waqaayoo siyaa garagaarruu Tg

Tolasaa Fiqiruu
6 years ago



Tg. Milkaa’i!

Waaqayyo nuu wajiin jira
6 years ago



Waaqayyo sihaa yaadatu






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...