Jireenya koo hin diigiin!
Nagaan koo lafuma ati jirtuttii sii haa ga’u. “Nagaan koo bakkuma atii jirtuttii sii haa ga’u”, yeroon sin jedhu jaalalaf kabajaa siif qabu siif ibsuu osoon taane, nama maraafu waan anii nagaa hawwuuf an nagaa siif hawwee. Akkam jirta sin jechuu hin barbaaduu!! Yeroo mara bilbiltee jireenya ko na jeeqta waan ta’eef nagaan ta’uu kee nan beeka. Kun garuu nagaa ta’us nattii hin fakkaatu. Yeroo tokko tokko bar gaafa ofii keenya nagaa dhabnu nama kaanis nagaa dhowwina.
Maati dhumtii kee akkamittii maqaa Jireenya jedhu akka siin moggaasan naa ajaa’iba. Jireenya nama diiga, Jireenya nama balleessa, akkamitti atii Jireenya taata? Maalumaafu, erga takka maqaan siif bahee haa ta’uu. Aniif atii wal barruu keenya waggoota hedduu lakkoofsisanis erga gargar baane boodde garuu gara naanno waggaa sadiitti dhiihaata nattii fakkaata. Duraanis osoon hin yaadin an sijaaladhe. “Walittii dhiheenya guddinaan jaalalli gidduu namattii uumamaa” yeroo jedhan soba nattii fakkaata turee. Anaaf sii gidduttii kan uumame kanuma. Akka tasaa otumaa baayyee walittii dhihaacha jirru jaalala keessa seenne. Yeroo maatiin koof hiriyootni koo siwaliin akka hin taane nagorsani jecha isaanitiif osoo bakkaan laatin yeroo baayyee siwajjiin jiraadhe.
Atii garuu, Jireenya jaalala osoo hin tahiin lubbuu koo akka kubba miilatti tattaphacha turte. Keessattuu akkan baayyee sijaaladhuuf sirra gargar bahuu hin feene gaafa hubattu, amallii kee martii jijjiiramee ana tuuffachu eegalte. Jette jettee dubartii biraa waliin ana bira teesse bilbilaan haasofta. Yeroos waan garaa koo nakutatuus nattii hin fakkaanne ture. Yeroo baayyee dararameera. Boodde garuu, gaafa naaf galu walittii dhufeenya anaaf sii gidduu jiru gargar kutuu akkan qabu naaf gale. Kanaafan sirraa fagaachu filadhee.
Erga sirraa fagaadhe boodde, Sin yaanne sin jechuu hin danda’u. Yeroo muraasaf sirra gargar bahuun baayyee na rakkisaa ture. Oole bulee garuu, wantii hin danda’amne hin jiru. Sin dhagadhe!
Ammaf rabbii yaa galatuu. Jireenya haara jiraachan jira akka heerumees beekta. Abba manaa koo waliini erga wal barree waggaa tokkoof ji’aa jaha lakkoofsifneerra. Akka baayyee nakabajuu fi najaalatu innis nattii hime, maatii koos beeksifnee, akka seera biyyattii jaarsuma erganne maati koos hayyamanii, qubeella waliif keenyee amma mana tokko jiraacha jirra.
Atii Garuu jireenya koo jeequ dhaf oliif gadii kaata jirta. Abbaa manaa koo bilbilasaa barbaadde irratti bilbiltee wa’ee koo waan baayyee jetteen. Dursee wa’ee kee waan hedduu waanan ittii himeef, inni sin amanne. Bilbila koorratti bilbilttee jecha hin taane nan jettaa. Akka najaalattuufi anii yoo dhabdee jiraachu akka hin dandeenye. Erga na dhabdee waggaa hedduu lakkoofsifteetta. Hardha sittii mul’adhee? Himmm! “Warqee harkaa qabanii baala”, jedhanii amma erga sirraa fagaadhe jireenya haara jalqabe gaarumman koo sittii mullatee??
Maalumaafu kan boodde waan na argitu nattii hin fakkaatu. An sidagadheera. Jireenya haara, Jireenya gaari, Jireenya tasgabba’a jiraachan jira. Adaraa waaqa bultii koo hin jeeqin. An nama lama al takka jaalachu hin danda’u. Onneen koo nama tokko jaalatteeti. Abbaa manaa koo baayyen kabajaa, baayyeen jaaladhas. Kana hubattee akka nadhiiftu barbaada. Maaloo nan jeeqin.
Jaalallee kee durii Laatu Qaamaati. Dambii Doollo irra. Jaalalle koo durii Jireenya dhaf lafa jirtuttii siif yaa dhaqabu Xalayaan kiyya.
Galatooma!
——-
HUB: Xalayaa kana hayyama marsariiti kanaa ala fayyadamuun dhorkaa dha!!
Xalayaa kana Jireenya dhan dhaqabsiisuf #Share akka cuqaasttan kabajaan isiin gaafannam!
Galatooma hanga Xalayaa Jaalalaa kan biraa isiniin walittii deebinu. Nufaana tura!
Xalayaa keessan nuuf erguus hin dhagatina!
3 Comments
waan baay’ee namatti toluufi kan nama bashannansiisaa nama barsiisudha galatoomaa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
wanta gaarii irraan baradhe galatooma
Haalaan Namatti tolaas Nama Barsiissaas Jabaadha Itti Fufaa