• Diraama Dheebuu
  • About Us
  • Nuqunnami

Afaan Oromo | English | Amharic

  • Fuula
  • Oduu fi Yaada
  • Xalayaa Jaalalaa
  • Seenaa fi Aada
  • Walaloo fi Afoola
  • Fayyaa
  • Diraama
  • Nuqunnama

Gulaanta

Yaalii Ajjeechaa Dr. Abiy Ahmad irratti yaalame.

Burqaa Imimmaan Koo

Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne - Xalayaa Jaalalaa

Obboleettii haadha mana kootii ulfeesse

Alamuddiin malamaltummaan mootummaa Saudi Arabiyaatin hidhame

[Oduu Amma Nu Ga'e] Obbo. Baqqalaa Garbaa Wabiidhan Gadii Lakkifamuufi!

Oduu Amma Nu Ga'e: Abbaa Duulaa Gammadaa Fedhiisaatiin Aangoo Gadii Lakkisee


Kaleessa Anatu Boo’e Har’a Situ Boo’a!!

7 Comments
 19 Feb 2017   Kan maxxanse Naa'ol

1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...


Arabaa

Kaleessa natu boo’e har’a situ boo’a

Maal haa godhu? Akka kee osoo hin ta’in akka Waaqa laale nagaan yoon eegale naa wayya. Akkam jirta? Nagaa keeti?

Gocha atii narratti raawwatte yoon laale, waa’e kee mitii maqaa kee dha’uyyu baayye naqaanessa! Tari, ati maal akka nagoote hin dhagatta ta’a. Kanaaf Oromoon, kan waraane dhagatuus kan waraaname hin dhagatu jedha. Maqaa kee gaari sanaan gocha badaa akkanaa yoomun Giifti jedhee bakka siif buuse. Goochonni kaleessa wajjiin dabarsine hardha kuno seenaa ta’e yoon siif himu akka qalbiin nadhaggeefattu abdiin qaba. Yoo ta’u baates namoonni akka kiyyaa onnensaani madoofte irraa baratu jedheen yaada.

Aniif ati, hallayyaa jaalalaa keessa seenne wagga lamaaf waliin dabarsine. Akkuma beektu yeroo sana gufuu jaalalaa nurukutaa turteef, obsaati korsaan wajjiin dabarsaa qorumsa kutaa kurnaffaa fudhanne. Ta’us anaan qaphtiin koo kophaa’ina na seensisee kutaa 11ffa fi 12ffaa yeroon baradhu obsaan na eegde wajjiin jiraata turre. Yeroo ani gara Yuniversitii deemu boo’ichan nagaggeesite garaa koo naballeesitee obsa nadhorkite. Baatii hedduu dhaaf nyaataf dhugaati wallaale.  

Utuu kanaan jiru, oduu haara tokko bilbiltee natti himte. Kuniis, akka abbaan kee si heerusmsiisu barbaadu fi akkan furmaata itti kennu natti himte. Yeroo sana waanan godhu dhabe. Lafatuu nan maree. Hiriyoota kiyya mari’adheetan furmaata tokkon argadhe. Innis, akka abbaan kee biyyaa arabaa si ergu. Atis tole jettee fudhattee abbaa kee amansiiste gara biyya alaa qajeelte. Har’as imimmaan keenya hin qoorre. Halaala wal yaadu eegalle waliif dheebonna ture. 

Turtii waggaa tokko booda amalli kee inni duraani hin jijjiirame. Naaf bilbiluu dhiiste. Ani immo yoon siif bilbilu yoo barbaadde najala hin kaastu yoo kaastu natti qoosta. Osoo akkasitti jirru, odeefanno ati nama biyyaa araba keessatti kaadimachuu akka barbaaddu dhaga’eetan sigaafannaani “eeyyee dhugaa dha” nan jette. “Kana booda buddeeni kiyyaaf kee  gargar ta’e jira” nan jette. Baayye rifadhe bakkan jiruu wallaale jireenyis natti dukkanaa’e waanan du’e of se’eetan gorsa hiriyoota kiyyaan of jajjabeessen cal jedhee barumsa kiyya baradhe. Waa’e kees nan dhagadhe.

Jijjiramni yeroo waan fidu hin beekamu jedhama mitii ree? Rabbiin waan ol kaasu gadi buusu isaa hin hafuu jedhama miti ree? Baqatoonni biyyaa arabaa keessa jiran akka biyyatti deebi’an kan jedhu mootumman arabaa labsii baase. Jaalallee keetis biyyatti deebi’e. Atii ammo seera qabeessan baate waan ta’ef achuma jirta. 

Jaalallee kee galuusa erga hubatte anaan ergaa gabaaba dhan jaalala kaleessa eegalla nan jettee natti boo’a jirta. Kaleessa natu boo’e har’a situ boo’a. Anaan keessi koo na madaa’eera. Kana caala barreesse hin danda’u. Garuu, akkan sin barbaanne sitti himuun barbaada. Gaafa hiikan jaalalaa siif gale haasofna. 

Mohammad Ganamoo, Yuniversitii Sayansi fi Teknolojii Adaamaarra. Jaalallee koo durii biyya Arabaa kan argamtufi. 



Waliif Hiraa:

  • Tweet

Related

Yaada

    Share This


Related Posts


Facebook Dhaan Wal Barree Wal Jaalanne – Xalayaa Jaalalaa
December 29, 2017

Xalayaa Jaalallee koo Oromiyaadhaaf!
April 8, 2017

Adaada Tiyyarra Jaalalli na Qabe!
April 2, 2017



7 Comments

shang
8 years ago



waan hedduu nama maaraaru

bonsa kedir
8 years ago



woooooooooooooooom !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

lensabbe
8 years ago



baayye namatti tolaa jabaadhu

diriba yadeta
8 years ago



kankoo natti fakkaate

BestChante
6 years ago



I have noticed you don’t monetize xalayaa.com, don’t
waste your traffic, you can earn extra cash every month
with new monetization method. This is the best adsense alternative for
any type of website (they approve all sites), for more
info simply search in gooogle: murgrabia’s tools

Bonii
6 years ago



bayee namatti tola

lidetu teshome
5 years ago



Jaalallii isa beekuuf jireenyaadha isa hin beekneef garuu….. qoosadha.






Copyright Xalayaa © 2015-2025 Web Design by Naa'ol Abba-Firrisa
 

Loading Comments...