Maaliif Muka Kolfaa Na Goote?
Odaa Gurree-tiin
Haa ga’u nagaan koo yaa Dammee koo Dammituu damma daamuu koo. Akkami ati nagaa dha? Manni fi bultiin ati ijaarte sii ta’ee? Ati garuu erga na gantee sokkitee ani rakkataan kee rakkoo fi salphina koo qabadheen nan sii jira kunoo.
Maal abbasaa maalan ta’a jetteetu? Waanan ta’uwoo takkaan ta’e. Na salphiftee, ajjeeftee ija kootti biyyoo hin uwwifne malee lafa garaa kee geessee deemteem. Dammitu anii fi ati deebiin walii laannu kanaa? Ani kana sirraan galata argadhaayii?
Dammitu gaafa wal barre eessatti akka wal barre yaadatta? Ani hojii guyyaa hojjedhee qaamni koo biyyoo qofa ta’ee atimmoo ijoolleen tokko si duukaa deemanii si arrabsaa turan. Anaan agartee na jala fiigdee dhokattee ijoollee sana akka bineensaatti sirraa ariyee lagatti naqeen hamma mana keessaniitti si geessee harmee keetti si laadhee deebi’e.
Gaafa sanarraa kaasee harmeen kee gaafan ganama barii garaa koo qullaa hojii guyyaa hojjechuuf uffata ciccitaa uffadhee karaa mana keessanii darbu shulluxoo isa miila mucaa fakkaatu naa laachuu eegalan. Anis jaalalli ani harmee keef qabu jaalala haadha koo natti caale.
Adeemsa keessa akkan mana keessanitti deddeebi’aa dhufeen hariiroon anii fi ati qabnu daraan dabalee dhufe. Ani garuu gaaf tokko hamaa sitti yaadee hin beeku. Akka haadhoo koo Biqiltuuttan si ilaala malee. Adeemsa keessa harkuma keetiin jaalala keessatti na kuffisteen of argeem.
Harmeen kee akka tasaa erga nurratti baran boodammoo isaan dhiibbaa waan sirrattis anarattis godhaa turaniif waan wal fuunee waliin mana dhaabbannu natti fakkaata ture. Edaa atoo akka hantuutaa boolla meeqa qotachaa turte. Ani gowwaan kee dhagaa cabseen waa meeqa guuree sitti bitaa ture.
Kaanillee kaani ol diroo keessoo kee bitee gaafan baadhee dhufee sitti kennu harmeen na arganii ”gurbaa jaalalli akkanaa kun dhumnisaa haa bareedu isinii tufeera” naan jedhanii gaafa natti dubbatan sana waanan har’uma si fuudhe natti fakkkaatee ture.
Maal anii fi ati tapha adurree fi hantuutaa keessa waliin turre edaa. Ati gantuu dha. Badduu dha, sanyii kee abaaruu laata? Lakkii si hin abaaru, Waaqni jaalala harka keerratti bixxilee siif deebisa anaan maaltu na dhibe.
Anaan garuu kan na qaanessee na dhiisuu dide maalinni beektaa? Isan suura kee guuree hiriyyoota kootti agarsiisaa oolu dha. Isaan kun si sobdi dafqaa kee cortee sirraa baddi naan jedhan waanuma anatti inaafan natti fakkaateen isaan faana lola meeqa keessa galaa ture. Amma kunoo dhugaan mataa baafattee mul’attee biqiluun dagaagde. Egaa eessa abbaakoo of dhoksu?
Anoo waanan qabu hundan sitti harcaafadhee bor bultii ta’a jedhee maaliif dugdarraan na buufattee? Dhalli dhiiraa garaan maseenaam dhalee ykn dhalchee bakka of hin buufatuum. Ati maal ta’a yoo cubbuu sodaattee?
Ammas isa itti jirtu kanawoo akkam godhaa jirta laata? Fodooddessa elmaa jirta mitii akkuma amala kee arraba kee akka qaccee dhuka’u, morma kee lookoo sana itti martee gurbaa ajaa’iba gootee gadhiisuuf mitii egaa?
Egaa waaqni inni anaan arguyyuu siif bultii gaarii hora jedhee hin yaadu. Ani qabeenya koo miti kan na aarsu garuu kanan suura kee meeqaaf meeqa yeroo ijoollee hiriyyaa koo faana mana keessa teenyu guuree itti agarsiisaa ture dha.
Sun hunduu boquu koo na cabse. Namaa gadi na godhe. Har’a akka hattuutti ”ilaalaa Gammadaa isa niitiin gattee heerumte” jettee ijoolleen karaa irraa biyyoo daaktu akka muka kolfaatti natti kolfitutu of ajjeesi…ajjeesi na jechisiisaa jira.
Ani kana booda maal jedhee biyya kana keessa jiraadhu? Inni ati sii jira jettu sun dhumnisaa kana ta’ee? Egaa erga kan keetiiyyuu harmee kooyyuu mana keessatti ijaan ilaaluun akka na jibbisisaa jiru siif himuu hin danda’u. Yeroo kaan dhiirota gaafa natti kaafte hamattu hedduun si faana aaree hamachaa oolan ture amma garuu akka ati haasaa keessa waa’ee kee natti himaa turten bare.
Maal ta’a waa’ee nama biraa fakkeessitee isa natti himaa turte yoo anumatti ifaaf bilisaan himteetta ta’e? Silaa yoona ani magaalaa keessaa dhabamee, atis lafarraa dhabamtee ture. Garuu, baga Waaqni siinis anaanis nu baase.
Egaa anillee takkaan muka kolfaa ta’e atimmoo dabaree kee akka hin salphanne isa qabde qabadhuu itti gogi.
Waaqni jaalala uume hojii kee siif haa laatu!
Ana jaalallee kee durii Gammadaa irraa!
Xalayaa kana SHARE gochuu dhan waliif dabarsa. Seera ala xalayaa kana abba barreessef beekamtii kennuu dhabuu fi hatuun cubbuu dha.
Hora Bula!
2 Comments
qophiin keessan haalan namatti tola jabaadha.sagantaa haaras nuun gahuuf yaala
Qophiin keessan baay’e nati tolera